Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waajjira damee Jaappaan (bitaa) deebisanii ijaaruu fi gamoo waajjira damee Angoolaa (mirga) balʼisuun hojii hedduu gaafata ture

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Hojii Ijaarsaa Lallabuuf Nu Gargaaru

Hojii Ijaarsaa Lallabuuf Nu Gargaaru

ONKOLOOLESSA 20, 2023

 Qaamni Olaanaan maallaqa buusii godhame gamoowwan hojii Mootummicha lallabuuf nu gargaaran ittiin ijaaruuf hawwii guddaa qaba. Fakkeenyaaf, waggaa tajaajilaa bara 2023tti kaampaaniiwwan Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti itti fayyadaman, Galmawwan Walgaʼii fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa bituuf, ijaaruuf, haaressuu fi suphuuf doolaara miliyoona 500 ol baasaniiru. a Maallaqni kun baasii gumiiwwan addunyaa maratti argaman wanta Galmawwan Walgaʼii isaaniitiif barbaachisuuf baasan kan dabalatu miti.

 Kana malees, maallaqni buusii godhame gamoowwan waajjira damee hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu qindeessuu fi deggeru ijaaruu, akkasumas kunuunsuuf oola. Hojii waajjira damee keessatti raawwannu salphisuudhaan, maallaqa Galmawwan Walgaʼii fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa ijaaruu fi deebisanii ijaaruuf oolu hamma tokko argachuu dandeenyeerra. Taʼus, gamoowwan waajjira damee suphuu, deebisanii ijaaruuf ykn bakka biraatti ijaaruun maallaqa hedduu gaafata. Piroojektiiwwan kunneen barbaachisoo kan taʼan maaliifi? Waajjiroonni damee hojii naannoo tajaajilaa isaanii irratti hojjetamu deggeruu irratti gumaacha guddaa kan godhan akkamitti? Mee haa ilaallu.

“Yeroo Dheeraadhaaf Faayidaa Kennuu Isaa Akka Itti Fufu Gochuu”

 Waajjiroonni damee hedduun erga ijaaramanii waggaa 30 ykn 40 taʼeera! Niikolaas inni Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Addunyaa Maraa keessa hojjetu akkana jedheera: “Gamoon akka gaariitti kunuunfame illee yeroo booda moofaʼuu fi dulloomuun isaa hin oolu. Gamoo tokko haaressuun yeroo dheeraadhaaf faayidaa kennuu isaa akka itti fufu gochuuf gargaara.”

 Gamoowwan Beetelis hojii jaarmiyichi hojjetu wajjin walsimee akka itti fufuuf sirreeffama tokko tokko gochuu isa barbaachisa. Addunyaa maratti, waajjiroonni dameen hedduun erga ijaaramanii booda lakkoofsi babalʼistootaa saffisaan dabalaa dhufeera. Guddina kana deggeruuf obboloonni fedhiidhaan biiroowwan kana keessatti hojjetan dabalataa nu barbaachisu. Kanaan kan kaʼes, gamoowwan yeroo tokkotti gaʼaa akka taʼan yaadaman amma baayʼee xinnaachaa dhufaniiru!

 Nageenyis wanta bakka guddaan kennamuufii qabudha. Gara guyyoota dhumaatti caalaatti dhihaachaa yeroo deemnu kanatti, balaawwan uumamaa duʼaaf nama saaxilan yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru. (Luqaas 21:11) Yeroo gamoowwan haareffamanitti tooftaalee ijaarsaa haaraa hojii irra oolchuudhaan, gamoowwan sun obboloota achi keessa jiraatan balaadhaaf akka hin saaxille goona. Fooyyaʼiinsi akkasii gamoowwan kunneen hojii gargaarsaa qindeessuu fi balaan uumamaa tokko erga gaʼee booda tajaajila naannoo sanatti raawwatamu deggeruu isaanii akka itti fufan gargaaruuf caalaatti mijatoo akka taʼan gargaara.

“Yihowaan Murtoo Kana Eebbiseera”

 Qajeelfama Qaamni Olaanaan kenneen, waggaa tajaajilaa bara 2023tti gamoowwan waajjira damee 43 irratti gosi ijaarsaa taʼe tokko raawwatameera. Kana jechuun gamoowwan Beetel addunyaa maratti argaman gara walakkaatti dhihaatan irratti gosi ijaarsaa taʼe tokko geggeeffameera jechuudha. Hojiin kun raawwatamuun isaa faayidaa guddaa kan qabu taʼuu isaa kan argisiisan muraasa hubadhaa.

 Angoolaa. Obboleessi keenya Maat inni miseensa Koree Waajjira Damee Angoolaa taʼe akkana jedheera: “Raajiin Haagee 2:7 irra jiru karaa adda taʼeen yommuu raawwatamu arguuf mirga arganneerra. Waggaa kudhan keessatti qofa lakkoofsi babalʼistootaa dhibbeentaa 60n yeroo dabalu argineerra! Babalʼistoota kana gargaaruuf immoo lakkoofsi miseensota maatii Beetel dachaa sadiin dabaluun barbaachiseera. Haa taʼu malee, gamoon keenya namoota muraasa qofa kan qabatu waan taʼeef, hamma hojichaaf barbaachisu namoota hedduu affeeruu hin dandeenyu turre. Kun immoo miseensonni maatii Beetel hedduun hojiin akka isaanitti baayʼatuu fi saʼaatii dabalataa hojjechuuf akka dirqaman godheera.”

Biiroo haaraa (mirga) keessatti hojjechuun hojii namaaf salphisa

 Obboloonni gamoo sana akkamitti balʼisuun akka dandaʼamu akka qoratan ramadamanii turan. Jalqaba irratti, furmaanni hatattamaa fi gaarii taʼee argame gamoo waajjira damee jiru haaressuu akka taʼe isaanitti dhagaʼamee ture. Qorannaa cimaa erga geggeessanii booda garuu, haaressuun maallaqa buusii godhame akka gaariitti fayyadamuuf gaarii akka hin taane hubatan. Kanaa mannaa, gamoo isaanitti dhihoo jiru bitanii akka haaressan yaanni isaaniif dhihaate. Maat akkana jedheera: “Gamoo jiru bitanii akka haaressan filannoon yommuu nuuf dhihaatu jalqabarratti miseensota Koree Waajjira Dameetiif , gamoon sun akka isa nuti ofii keenyaan ijaarree gaarii hin ta‵u jennee yaaddofnee turre. Amma garuu gamoon sun mijataa nuuf taʼeera. Yihowaan murtoo kana eebbiseera.”

Mooraa waajjira damee keessatti gamoo yeroo booda akka barbaadanitti sirreessuu dandaʼan jiraachuun isaa obboloonni hedduun hojii naannoo tajaajilaa sana keessatti babalʼachaa jiru deggeruu akka dandaʼan taasiseera

 Waajjirri damee Angoolaa tarii gara fuulduraatti iddoon dabalataa isaan barbaachisa taʼa. Haa taʼu malee, gamoon haaraan kun, manneen mooraa Beetel keessatti ijaaramanii fi yeroo booda sirreeffamuu dandaʼan, akkasumas gamoowwan kireeffaman dabalatee waajjirri damee hojii guddina dinqisiisaa tajaajila biyyattii keessatti raawwatamu deggeruuf isa barbaachisu akka qabaatu gargaareera.

Obboleettonni hedduun piroojektii waajjira damee Angoolaa irratti yommuu hirmaatan

 Jaappaan. Gamoon waajjira damee inni jalqabaa erga ijaaramee gara waggaa 40 taʼeera; hedduun isaa immoo balʼinaan hin haareffamne. Gamoo sana suphuuf wanti hedduun kan godhame taʼus, gamoon kun yeroo akka faayidaa irra oolu barbaadamu caalaa bara dheeraa tajaajileera. Kanaafuu, yeroo ammaatti balʼinaan haareffamaa jira.

 Jireenyi Beetelis waggaatii gara waggaatti jijjiiramaa dhufeera. Bara 2015 dura miseensota maatii Beeteliif nyaanni ni qophaaʼa ture. Kanaafuu kutaawwan jireenyaa Beetel hedduun isaanii bakka nyaata itti bilcheessan xinnoo qaba ture. Amma garuu miseensonni maatii Beetel ciree fi irbaata ofuma isaaniitii qopheeffatu. Gamoon haareffamu kutaawwan salphaatti nyaata bilcheessuuf mijataa taʼan dabalataa akka qabaatan godhama. Obboleettiin Kuumiikoo jedhamtuu fi waajjira damee Jaappaan keessa tajaajiltu akkana jetteetti: “Bakkin nyaata itti qopheessu manuma koo akkan jirutti akka natti dhagaʼamu godheera, qophii Beetel isa haaraa guutummaatti akkan deggerus na gargaara.”

Bakka nyaata itti bilcheessan (mirga) haaraan miseensota maatii Beeteliif caalaatti mijataa taʼeera

 Hojiin waajjira damee Jaappaanitti raawwatamu hojii addunyaa maraatiif baayʼee barbaachisaadha. (Maatewos 28:19, 20) Jaappaan waajjiroota damee lamaan guutummaan Kitaaba Qulqulluu itti maxxanfamu keessa isa tokkodha. Kanaafuu, wantoota hojjetamaa jiran keessaa tokko mala obboloota kutaa Maxxansaa sana keessa hojjetan hunda balaadhaaf hin saaxille akka qabaatu godhu hojjechuudha. Meeshaa kana gochuuf barbaachisu bitanii dhaabuun gara doolaara miliyoona tokkoo kan gaafatu taʼus, waajjirri damee sun barreeffamoota amantii keenya akka cimsannu nu gargaaran keessumaa immoo Kitaaba Qulqulluu maxxansuu fi bakka adda addaatti erguu isaa akka itti fufuuf gumaacha godha.

Akkaataan itti muramuu fi awwaarri sassaabamu jiraachuun isaa nageenya obboloota Maxxansaa irra hojjetan hundaaf gumaacha guddaa godha

 Obboloonni utuma ijaarsi geggeeffamaa jiruus Kitaaba Qulqulluu maxxansuu isaanii itti fufu. Tiree inni miseensa Koree Waajjira Damee Jaappaan taʼe akkana jedheera: “Utuma ijaarsi geggeeffamaa jiruu jaarmiyaan keenya hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu dabalataa baasuu isaa itti fufeera; lakkoofsi namoota addunyaa maratti Kitaaba Qulqulluu barbaadanis yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeera. Yerootti meeshaa haaraa sana dhaabanii fi barreeffama maxxansuu itti dandeenyu sagantaa baasuuf dippaartimentii adda addaa fi namoonni qindoominan jabaatanii hojjechuun isaan barbaachisee ture.” Haalawwan rakkisoon kun jiraatanis, Kitaabonni Qulqulluun 220,000 taʼan jiʼa jiʼaan Bitootessaa hanga Hagayya 2023tti maxxanfamaniiru; kun immoo yeroo ijaarsi guddaan kun geggeeffamaa turetti jechuudha. Hojiin kun hundumtuu kan xumurame maallaqni dabalataa utuu hin barbaachisinidha.

 Wanti piroojektii haaressuu kana adda taasisu kan biraan immoo aanisaa kan qusatu taʼuu isaati. Gabateen soolaarii haaraan waggaa waggaadhaan baasii aannisaa doolaara 120,000 hirʼisu dhaabameera. Foddaawwan gizaazaa dachaa sadii aannisaa qusatuu fi waggaatti gara doolaara 10,000 qusatu qabu dhaabameera. Wantoonni aannisa qusachuuf gargaaran kunneen maallaqa piroojektii haaromsaa kanaaf baʼu akka dabalu kan godhu taʼus, soolaariiwwanii fi foddaawwan kana yommuu fayyadamnutti doolaara miliyoona 3.5 olitti tilmaamamu qusanna. Kana malees, dhiibbaa qilleensa naannoo gamoowwan sanaa irratti geessisus guddaa hirʼisa.

Foddaan gizaazaa dachaa sadii aannisaa qusata

“Amma Iyyuu Hojiin Hojjetamu Hedduun Jira”

 Piroojektiiwwan waajjira damee kun lamaan gamoowwan Beetel naannoo tajaajilaa sana deggeruu akka dandaʼuuf hojiin hangamii hojjetamuu akka barbaachisu kan mirkaneessanidha. Haa taʼu malee, hojiin isaa hin xumuramne. Obboleessi keenya Aaron inni Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Addunyaa Maraa keessa hojjetu, “Obboloonni wanta hedduu kan hojjetan taʼus, amma iyyuu hojiin hojjetamu hedduun jira” jedheera. Maarree hojiin kun kan raawwatamu akkamitti? Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Buusii maallaqaa piroojektii guddaa kanaaf oolu arjummaadhaan kennuu malees, obboloota kanaan dura fedhiidhaan of dhiheessanii fi gara fuulduraattis of dhiheessuuf qophii gochaa jiran guddaa dinqisiifanna. Obboloonni qaamaanis dhufanii gargaaruun isaanii fi buusii maallaqaa gochuun isaanii ragaa Yihowaan hojii kana eebbisaa akka jiru mirkaneessudha.”—Faarfannaa 110:3.

 Hojiin ijaarsaa fi haaressuu keenya hundi kan raawwatamu buusii maallaqaa fedhiidhaan yeroo baayʼee karaa donate.pr418.com godhamuun kan deggeramudha. Arjummaa argisiisuu keessan waan itti fuftaniif guddaa isin galateeffanna.

a Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa argisiisa.