Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Ijaarsa Dhibee Daddarbaan Jalqabuu Isaa Dura Milkaaʼinaan Xumurame

Ijaarsa Dhibee Daddarbaan Jalqabuu Isaa Dura Milkaaʼinaan Xumurame

SADAASA 1, 2020

 Waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman waan cuuphamaniif iddoo waaqeffannaa dabalataa ijaaruun nu barbaachisa. Guddina kana deggeruuf, Dippaartimantiin Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo addunyaa maratti argamu waggaa tajaajilaa 2020⁠tti iddoo waaqeffannaa 2,700 ol ijaaruuf ykn haaressuuf karoorfatee ture. a

 Kan nama gaddisiisu, karoorri kun dhibee daddarbaa COVID-19iin kan kaʼe utuu galma hin gaʼin hafeera. Obbolootaa fi obboleettota keenya eeguu fi seera mootummaatiif ajajamuuf, Koreen Maxxansaa Qaama Ol Aanaa pirojektoonni addunyaa mara jiran baayʼeen isaanii akka dhaabbatan godheera. Taʼus, dhukkubni daddarbaan kun jalqabuu isaa dura waggaa tajaajilaa 2020⁠tti iddoon waaqeffannaa 1,700 ol ijaarameera akkasumas haareffameera. Dabalataanis pirojektoonni waajjira damee guguddaan 100 ol xumuramaniiru. Mee pirojektoonni xumuraman lama akkamitti obboloota keenya akka fayyadan haa ilaallu.

 Waajjira damee Kaameruun. Waajjirri damee duraanii Dooʼulaatti argamu baayʼee xinnoo waan taʼeef, baayʼee balʼifamuu qaba ture. Koreen Maxxansaa, waajjira damee kana fooyyessuu yaadee kan ture taʼus, baasiin isaa gatii gamoo waajjirichaa kan caalu taʼe. Dabalataanis bakka kan biraa bitanii ijaaruuf ykn isa ijaarame bitanii haaressuuf yaadanii kan turan taʼus lamaanuu hin milkoofne.

 Kana gidduutti, kaabaa Dooʼulaatti Galma Walgaʼii Guguddaa keenya tokko biraan mootummaan karaa hojjechuuf akka yaade obboloonni ni dhagaʼan. Daandiin kun wantoota barbaachisoo taʼan salphaatti argachuuf haala mijeessa. Fooyyaʼiinsi kun fedhii waajjira damichaatiif gaarii ture. Kanaafuu Qaamni Ol Aanaan waajjirri damee haaraan kun gar tokkoo mooraa Galma Walgaʼii Guguddaa kana keessatti akka ijaaramu heyyame.

Obboloonnii fi obboleettonni ijaarsa waajjira damee Kaameruun gargaaraa utuu jiranii

 Pirojektii kana irratti Dhugaa Baatonnii fi kontiraaktaroonni qacaraman kan waliin hojjetan siʼa taʼu, kunis yeroo fi qarshii kan qusatu ture. Baasii ni barbaachisa jedhamee yaadame doolaara Ameerikaa miliyoona lamaa ol hirʼuudhaan xumurameera. Maatiin Beetel COVID-19 jalqabuu isaa yeroo muraasa dura gamoo haaraa kanatti galuu dandaʼaniiru.

Pirojektiin waajjira damee Kaameruun dhukkubni daddarbaan COVID-19 jalqabuu isaa dura xumurame

 Miseensonni maatii Beetel Kaameruun jiran iddoo jireenyaa fi iddoo hojii mijataa argachuudhaan fayyadamaniiru, waajjira damee haaraa kanas kennaa Yihowaa akka taʼetti ilaalu. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko, “Kennaa kanaaf galateeffachuu waan barbaannuuf, jabaannee hojjenna” jedhaniiru.

Obboloonnii fi obboleettonni dhukkubni daddarbaan jalqabuu isaa dura biiroo isaanii isa haaraatti yommuu hojjetan

 Waajjira Hiikkaa Fagoo Toojoolaabaal (RTO), Meeksikoo. Tiimiin hiikkaa Toojoolaabaal waggoota hedduudhaaf waajjira Damee Giddu Gala Ameerikaa isa Magaalaa Meeksikoo biratti argamutti hojjechaa tureera. Haa taʼu malee, afaan Toojoolaabaal balʼinaan kan dubbatamu gara kiilomeetira 1000 fagaatee Altaamiiraanoo fi Laas Maargaariitaas keessatti dha. kanaan kan kaʼes, obboloonni hojii hiikkaa hojjetan afaan Toojoolaabaal isa ammayyaa wajjin qixxee deemuu hin dandeenye. Waajjirri damees, obbolootaa fi obboleettota afaan kana hiikuu fi waraabuu irratti gargaarsa godhan dhiheenyatti argachuun isatti ulfaatee ture.

Obboloonnii fi obboleettonni pirojektii RTO utuu gargaaraa jiranii

 Kanaan kan kaʼe Koreen Barreeffamaa Qaama Ol Aanaa Tiimii Hiikkaa kana naannoo afaan Toojoolaabaal dubbatamutti jijjiiruuf yaade. Kana galmaan gaʼuuf waajjirri damee gamoo bitee haaressuuf murteesse. Kana gochuun haaraa ijaaruu ykn kireeffachuu caalaa kan qarshii qusatu ture.

 Hiiktota kana keessaa tokko faayidaa argate akka itti aanutti ibseera: “Waggaa kudhaniif waajjira dameetti yeroon hiikaa ture, naannoo sanatti maatii afaan koo dubbatu tokko illee argadhee hin beeku. Amma garuu biiroon keenya naannoo afaan Toojoolaabaal dubbatamu gidduutti argama. Guyyaa guyyaadhaan namoota afaan kana dubbatanii wajjin wal argina. Kunis jechoota dabalataa akkan beekuu fi hojiin koo akka fooyyaʼu godheera.”

Waajjira hiikkaa Toojoolaabaal haareffamuu isaa duraa fi booda

Pirojektoota Waggaa Tajaajilaa 2021⁠tti Karoorfaman

 Waggaa tajaajilaa 2021⁠tti yoo haalli isaa heyyame waajjira hiikaa fagoo 75 fi manneen barumsaa Kitaaba Qulqulluu hojjechuuf karoorfameera. Pirojektii waajjira muummee addunyaa haaraa Raamaapoo, Niwuu Yoork akkasumas waajjiroota damee Arjantiinaa fi Xaaliyaanii bakka biraatti jijjiiruu dabalatee pirojektoonni waajjiroota damee guguddaan 8 hojjetamuu isaanii itti fufu. Kana malees, Galmawwan Walgaʼii haaraan 1,000 ol ni barbaachisu, iddoowwan walgaʼii 6,000 ol mijatoo waan hin taaneef jijjiiramuu qabu akkasumas Galmawwan Walgaʼii 4,000 haareffamuun isaan barbaachisa.

 Qarshiin hojii ijaarsaa fi haaressuu kana hundaaf barbaachisu akkamitti argama? Obboleessi Laazaaroo Goonzaaleez inni Miseensa Koree Waajjira Damee Giddu Gala Ameerikaa taʼe yeroo waaʼee Waajjira Hiikaa Fagoo Toojoolaabaal mariʼachaa turetti deebii gaaffii kanaa kenneera. “Naannoo waajjira damee keenyatti qabeenyi qabnu muraasa dha. Kanaafuu, gargaarsa obboloota addunyaa maraa malee, obboloota afaanicha dubbataniif waajjira hiikkaa ijaaruun waan hin dandaʼamne dha. Qarshiin obboloota addunyaa maraa irraa argamu, hiiktonni hawaasa afaanicha dubbatu keessa akka jiraatan taasiseera. Obboloonni keenya addunyaa mara jiran deggersa arjummaadhaan godhaniif garaadhaa isaan galateeffanna.” Eeyyee, pirojektoonni ijaarsaa kun buusii baayʼeen keessan hojii addunyaa maraatiif karaa donate.pr418.com gootaniin ni raawwatamu.

a Dipaartimantiin/Diizaayinii fi Ijaarsa Naannoo, ijaarsa Galma Walgaʼii naannoo waajjira damee isaatti hojjetamuuf karoora baasa akkasumas ni raawwachiisa. Dipaartimantiin Ijaarsaa fi Diizaayinii Addunyaa Maraa waajjira muummeetti kan argamu siʼa taʼu, pirojektoota ijaarsaa addunyaa maraa dursi kennamuufii qaban adda baasa akkasumas ni qindeessa.