Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI

Meeshaa Addaa Kitaaba Qulqulluu Qayyabsiisuuf Gargaaru

Meeshaa Addaa Kitaaba Qulqulluu Qayyabsiisuuf Gargaaru

EBLA 1, 2022

 Amajjii 2021 Qaamni Olaanaan meeshaan Kitaaba Qulqulluu qayyabsiisuuf gargaaruu fi Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! a jedhu baʼuu isaa beeksisee ture. Beeksisni kun yommuu dubbifametti maaltu sitti dhagaʼame? Maatiyuu inni Kaanaadaa jiraatu akkas jedheera: “Baayʼeen gammade! Haasaa fi viidiyoowwan barreeffamichi maaliif akka qophaaʼe akkasumas akkamitti yaalamee akka ilaalame argisiisu yommuu dhihaatetti gammachuun koo baayʼee dabale. Barreeffama kanatti fayyadamuuf baayʼee hawweera.”

 Barreeffamni, Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhu mala haaraa qayyabannaan Kitaaba Qulqulluu itti geggeeffamu kan beeksisu dha. Garaagarummaan kitaaba haaraa kanaa fi barreeffamoota qayyabannaaf itti fayyadamaa turre gidduu jiru kana qofa miti. Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhu isa maxxanfamee argatteetta taanaan garaagarummaa kana hubatteetta taʼa. Akkas kan jennuu maaliifi? Mee Akkaataa kitaabni kun itti qophaaʼe haa ilaallu.

Kitaaba Haaraa Adda Taʼe

 Waraqaa furdaa. Haala kanaan qopheessuun kan barbaachise maaliifi? Kitaabni Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhu fakkiiwwan babbareedoo 600 ol taʼan kan qabate yeroo taʼu kun kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa jedhu irra isa jiruu harka kudhan caala. Kitaabni haaraan kun bakka duwwaa hedduus qaba. Bifawwan kun lamaan rakkina tokko qabu: Waraqaan tokko haphii yommuu taʼu fakkicha dugda duuba isaatiin arguun ni dandaʼama. Rakkina kana hambisuuf obboloonni International Printing Department (IPD) Woolkiil, Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetis keessatti tajaajilan akaakuu waraqaa afur yeroo ammaa barreeffamoonni keenya itti maxxanfaman irratti yaalii godhaniiru. Koreen Barreeffamaa Qaama Olaanaa tokkoon tokkoon yaalii waraqaa kanneen irratti godhame erga ilaalee booda waraqaa isa dabarsee hin argisiisne filateera. Waraqaan kun waraqaa barreeffamoota keenya kaan ittiin qopheessinu hedduu caalaa harka 16 baasii kan gaafatu dha. Taʼus, Waraqaan kun barattoonni Kitaaba Qulqulluu kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhu fakkii duuba isaatiin argamuun yaanni isaanii utuu hin hihiramin tokkoon tokkoon fuulaa dubbisuuf isaan gargaara.

Fuulli gara mirgaatti argamu waraqaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhu ittiin maxxanfame dha.

 Qola garagaraa laastikiin golgamee. Qolli kitaaba haaraa kanaa qola kitaabota keenya kaan irraa adda kan taʼe fakkaata. Adda kan fakkaatu laastikii cimaa taʼe irraa waan hojjetameefi dha. Qolli kitaaba kanaa waraqaa hin calaqqisne irraa kan hojjetame taʼuun isaa fakkiin qolicha irraa caalaatti akka mulʼatu godheera. Akkasumas laastikiin kun yeroo baayʼeetiif tajaajilurraa kan kaʼe kitaabichi dafee akka hin dulloomne gargaara. Haa taʼu malee, waraqaan hin calaqqisne isa kaan irra baasii harka shan caalu kan gaafatu dha. Kanaafuu waajjiroonni damee hedduun waraqaa hin calaqqisne fi hanga tokko rakasa taʼe bitachuuf walduukaa ajajan.

Qola isaa wanta bishaan hin galchineen uwwisuu

 Meeshaawwan gatii miʼaa taʼan kun maaliif filataman? Obboleessi IPD keessaa hojjetu akkas jedheera: “Kitaabni kun akka gaariitti akka tajaajilu abdanna; yeroo baayʼeetiif tajaajilu illee bareedina isaa akka eegu barbaanna.” Eduwaardoo inni Kutaa Maxxansaa waajjira damee Biraaziil keessatti tajaajilu akkas jedheera: “Jaarmiyaan Yihowaa buusii qarshii qusachaa meeshaa gaariitti fayyadamuudhaan kitaaba bareedaa, yeroo dheeraaf turuu fi qabachuuf namatti tolu kana baasuu isaatti baayʼee gammanna.”

Weerarri Dhibee KOOVIID-19 Utuu Jiruu Maxxansuu

 Bitootessa 2021​tti kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhu maxxansuu jalqabne. Waqtii weerarri dhibee KOOVIID-19 jiru taʼuun isaa immoo rakkoowwan uumeera. Beetelitti manaa baʼuun waan dhorkameef hojiin maxxansawwan keenyaa obboloota deddeebiʼanii hojjetaniin geggeessuu hin dandeenye ykn obboloota miseensota maatii Beetel taʼan haaraa affeeruun hin dandaʼamne. Kanaan kan kaʼes maashinoonni maxxansaa tokko tokko hojjettoota gaʼaa hin qaban, kaan immoo mootummaan dhorkaa waan kaaʼeef yeroodhaaf hojii dhaabaniiru.

 Rakkoowwan kana jala darbuun kan dandaʼame akkamitti? Maxxansuun yeroo jalqabametti obboloonnii fi obboleettonni dippaartimantoota Beetel gara garaa keessaa hojjetan yeroodhaaf maxxansa kana irratti akka gargaaran ramadaman. Jooʼel inni IPD keessaa hojjetu akkas jedheera: “Fedhii isaanii aarsaa gochuu fi hojii haaraa wajjin wal baruuf fedhii isaan argisiisan hojii barbaachisaa taʼe raawwachuuf nu dandeessiseera.”

 Rakkoowwan kun utuma jiranii kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhu koppii miliyoonaan lakkaaʼaman maxxansuu dandeenyeerra. Kana maxxansuuf pileetiiwwan, laamineet fiilmii, waraqaa, qalama fi haphee dabalatee meeshaalee gara garaa hedduu nu barbaachisee ture. Maxxansa jiʼa shaniif qofa godhameen meeshaa barbaachisuuf doolaarri Ameerikaa miliyoona 2.3 ol baasii taʼeera. Baasii qusachuuf jecha kitaabotaa gumiiwwaniif barbaachisan qofa maxxansuuf of eeggannoo goona turre.

“Ogummaa Kana Dha”

 Warri Kitaaba Qulqulluu qayyabachiisanii fi barattoonni isaanii meeshaa kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Obboleessi Pool jedhamuu fi Awustiraaliyaa jiraatu akkas jedheera: ‘Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhutti fayyadamuun kan nama hawwatu waan taʼeef qayyabannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuun baayʼee na gammachiiseera. Akkaataan kitaabni kun itti qophaaʼe kan namatti toluu fi sirriitti akka irratti hirmaatan kan godhu dha. Kitaabni kun barumsa ifa taʼe, gaaffiiwwan hojiidhaaf nama kakaasan, viidiyoowwan, fakkiiwwan, chaartiiwwanii fi galma baratichaa kan qabate dha. Akkaataan ittiin barsiisu akkan fooyyessu kan na kakaase ogummaa kana dha.”

 Namichi Yuunaayitid Isteetis jiraatuu fi Kitaaba Qulqulluu qayyabatu tokko akkas jedheera: “Kitaabni haaraan kun baayʼee natti toleera. Fakkiin dhihaate qabxii ijoo taʼe hubachuuf na gargaareera. Viidiyoowwan garaa koo tuqaniiru; hojiidhaafis na kakaasaniiru.” Barataan kun torbanitti siʼa lama kan qayyabatu yommuu taʼu yeroo hundas walgaʼiiwwan gumii irratti ni argama.

 Kitaabni Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhu koppii miliyoona hedduudhaan lakkaaʼamuun amma iyyuu maxxanfamuu qaba. Yeroo ammaa, Qaamni Olaanaan kitaaba barreeffama Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa jedhu maxxansuuf heyyamame irra afaan 340 caaluun jechuunis afaan 710iin akka maxxanfamu heyyameera.

 Baasii maxxansa kanaaf oolu kan argannu akkamitti? Buusiiwwan hojii addunyaa maraatiif godhamu irraa ti; buusiin kun harki caalaan isaa karaa donate.pr418.com godhama. Namoota waaʼee Yihowaa barachuu fi ‘bara baraaf gammachuudhaan jiraachuu’ barbaadan meeshaa Kitaaba Qulqulluu qayyabsiisuuf fayyadu qopheessuuf nu gargaaruuf buusii arjummaadhaan gootaniif isin galateeffanna.—Faarfannaa 22:26.

a Qophii hafuuraa wajjin haala wal qabateen walgaʼii waggaa Sagantaa JW Biroodkaastingii irratti baʼee ture.