Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN HOJII IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Namoota Balaan Isaan Irra Gaʼe Gargaaruu

Namoota Balaan Isaan Irra Gaʼe Gargaaruu

GURAANDHALA 1, 2021

 Bara 2020⁠tti balaawwan uumamaa hedduu fi dhibeen daddarbaa Kooviid 19 addunyaa maratti gaʼeera. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota balaan irra gaʼeef gargaarsa kan godhan akkamitti?

 Bara tajaajilaa 2020⁠tti a Koreen Qindeessitootaa Qaama Olaanaa namoota balaan irra gaʼe gargaaruuf doolaara b miliyoona 28 gargaarsaaf heyyameera. Maallaqni kun namoota naannoo balaawwan 200 ol taʼan gaʼan keessatti miidhaman gargaaruuf ooleera. Balaawwan gaʼan dhibee daddarbaa Kooviid 19, obomboleettiiwwan hedduu, lolaawwan Afriikaatti mudatan, hanqina nyaataa Veenzuweelaatti mudatee fi hongee Zimbaabuweetti uumame kan dabalatu ture. Maallaqni buusiidhaan argame nyaata, bishaan, bakka ciisichaa, meeshaalee yaalii fayyaa fi qulqullinaa, akkasumas suphiinsaa fi deebisanii ijaaruuf gargaaran dhiheessuuf ooleera. Mee fakkeenyota hojiin gargaarsaa kun maal akka fakkaatu ibsan muraasa haa ilaallu.

 Kooviid 19. Dhibeen daddarbaa kun addunyaa maratti obbolootaa fi obboleettota keenya karaa qaamaa, miiraa fi dinagdee miidheera. Obboloota kana gargaaruuf addunyaa maratti Koreewwan Gargaarsaa 800 ol taʼan ijaaramaniiru. Koreewwan kun wanta obboloota keenyaaf barbaachisu hordofuudhaan yeruma sana Koree Qindeessitootaatiif gabaasa dhiheessu. Gabaasni kunis koreen sun gargaarsa akkamii gochuun akka isa barbaachisu murteessuuf isa gargaara.

 Bara 2020⁠tti Koreen Gargaarsaa namoonni hedduun nyaata, bishaan, wantoota qulqullinaa fi yaalii fayyaatiif tajaajilan akka argatan gargaareera. Koreen kun naannoowwan tokko tokkotti jaarsolii gumii wajjin waltaʼuudhaan obboloonni gargaarsa mootummaan dhiheessu akka argatan godhaniiru.

 Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hojii gargaarsaa nuti goonu hubataniiru. Fakkeenyaaf, Zaambiyaatti bulchaa aanaa Naakoondee kan taʼan Fiild Siimiwiingaa kan jedhaman akkas jedhaniiru: “Namoota gargaarsi baayʼee barbaachisuuf daftanii waan dhaqqabdaniif baayʼee isin galateeffanna.”

 Hanqina Nyaataa Angoolaatti Mudate. Dhibeen daddarbaa Kooviid 19 Angoolaatti dhiheessii nyaataa irratti dhiibbaa geessiseera; gatiin nyaataas baayʼee akka dabalu godheera. Kanaan kan kaʼes obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun nyaata bitachuuf rakkatanii turan.

Nyaatawwan Biraaziilii gara Angoolaatti yeroo ergaman

 Waajjirri damee Biraaziil obboloota keenya Angoolaa jiraniif gargaarsa nyaataa akka godhu gaafatamee ture. Maallaqa gargaarsaaf baasii taʼu sirriitti fayyadamuuf nyaatichi akkamitti akka bitamuu fi akkaataan itti ergamu of eeggannoodhaan qoratamuudhaan ergameera. Kanaafuu tokkoon tokkoon kaartoonii keessa nyaatawwan jiran bituu fi erguuf doolaarri 22 qofti baasii yeroo taʼu, nyaatawwan kun ruuzii, boloqqee fi zayitii dabalatee nyaata gara kiilogiraamii 20 taʼu qabatu. Hanga ammaatti nyaatawwan saamsaman 33,544 fi dimshaashumatti toonii 654 taʼan ergamaniiru. Nyaanni ergame nyaata naannoodhaa walitti qabamee wajjin idaʼamuudhaan namoota 50,000 ol sooreera.

 Gargaarsa isaaniif godhame ilaalchisee obboloota keenyatti maaltu dhagaʼame? Obboleessi Aleeksaandar jedhamuu fi Angoolaa keessa bakka fagoo jiraatu akkas jedheera: “Gargaarsi naaf godhame Yihowaan akka na jaallatuu fi kophaa koo akkan hin taane naaf mirkaneesseera. Jaarmiyaan Yihowaa bakka guddaa naaf kenna!” Obboleettiin Maariizaa jedhamtuu fi haadha qeentee taate tokko akkas jetteetti: “Yihowaan kadhannaa koo naaf dhagaʼeera. Isas taʼe jaarmiyaa isaa baayʼeen galateeffadha!”

Obboloonni Angoolaa jiran gargaarsa isaaniif godhameef baayʼee galateeffataniiru

 Ongee Zimbaabuweetti Gaʼeen Kan Kaʼe Gargaarsa Godhame. Bara 2020⁠tti Zimbaabuween ongee cimaadhaan hubamtee turte. Sababa kanaan kan kaʼe namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman beelaaf saaxilaman. Dhugaa Baatonni Yihowaa Zimbaabuwee keessa jiraatanii fi kumaan lakkaaʼaman nyaata gaʼaa hin qaban turan.

 Obboloota keenyaaf nyaata dhiheessuuf koreewwan gargaarsaa shan ni ijaaraman. Babalʼistoonni dhibbaan lakkaaʼaman hedduun nyaata saamsuu, feʼuu ykn konkolaataa isaanii tajaajila kanaaf oolchuudhaan hojii gargaarsaa kana irratti hirmaataniiru. c Bara tajaajilaa 2020⁠tti namoota 22,700 ol taʼan sooruuf doolaarri 691,561 baasii taʼeera.

Obboloonni Zimbaabuwee jiran gargaarsa nyaataa isaaniif ergame yeroo fudhatan (Kooviid 19 jalqabuu isaa dura)

 Obboloonni tokko tokko yeroo gargaarsichi isaan gaʼetti nyaata qaban fixanii turan. Obboloonni keenya nyaata yeroo argatanitti Yihowaa baayʼee galateeffatan. Tokko tokko faarfannaa Mootummichaa faarfachuu jalqaban.

 Obboleettonni abbaan manaa isaanii irraa duʼe lama gargaarsa nyaataa jaarmiyaan miti mootummaa tokko dhiheessu argachuuf walgaʼii isaanii irratti hirmaatanii turan. Haa taʼu malee, walgaʼichi yaada siyaasaa waan of keessaa qabuuf wantoota gargaarsicha argachuuf guutamuu qabu guutuu akka hin qabne murteessan. Walgaʼicha dhiisanii yeroo baʼanitti, “Kana booda nyaata barbaacha nu bira akka hin dhufne” jechuudhaan itti qoosan. Haa taʼu malee, torban lama booda gargaarsi obboloonni ergan naannicha gaʼee obboleettonni keenya gargaarsa nyaataa isaan barbaachisu argatan. Kunis kan taʼe gargaarsi jaarmiyaan miti mootummaa sun dhiheessu gaʼuu isaa yeroo dheeraa dura dha.

Piriiskaan, “Yihowaan tajaajiltoota isaa qaanessee hin beeku” jetteetti

 Hojiin gargaarsaa Zimbaabuweetti kenname jiraattota naannichaatiif dhugaa baʼiinsa gaarii taʼeera. Fakkeenyaaf, Piriiskaa ishii araddaa xinnoo tokko keessa jiraattu haa ilaallu. Ongeen sun haala rakkisaa kan uume taʼus Piriiskaan Roobii fi Jimaata tajaajilaaf ramaddee turte; waqtii hojiin qonnaa itti geggeeffamutti illee guyyoota kanatti ni tajaajilti. Namoonni naannicha jiraatan, “Tajaajila utuu jettuu maatii kee beelaan fixuuf jetta” jechuudhaan itti qoosu turan. Ishiinis, “Yihowaan tajaajiltoota isaa qaanessee hin beeku” jettee isaaniif deebisti. Baayʼee utuu hin turin Piriisikaan gargaarsi jaarmiyaan keenya erge ishii gaʼe. Gochi kun olloota ishii tokko tokko waan dinqisiiseef, “Waaqayyo si hin qaanessine, kanaafuu waaʼee isaa beekuu barbaanna” ishiidhaan jedhan. Yeroo ammaatti ollaawwan ishii torba sagantaa walgaʼii gumii raadiyoodhaan darbu hordofu.

 Guyyoota gara dhumaatti caalaatti yeroo dhihaachaa deemnutti balaawwan uumamaa hedduun akka nu irra gaʼan beekamaa dha. (Maatewos 24:3, 7) Karaawwan garaa garaa donate.pr418.com irratti caqasamaniin buusii gochuudhaan arjooma argisiistaniif baayʼee isin galateeffanna. Buusiin gootan gargaarsa saffisaa fi buʼa qabeessa taʼe kennuuf tajaajila.

a Barri tajaajilaa 2020 Fulbaana 2019 kaasee hanga Hagayya 2020⁠tti dha.

b Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa ti.

c Sababa dhorkaa dhibee daddarbaa Kooviid 19tiin kan kaʼe obboloonni keenya nyaata geessuuf heyyama qabaachuun isaan barbaachiseera. Isaanis taanaan vaayirasichaaf akka hin saaxilamneef of eeggannoo barbaachisu godhaniiru.