Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Oduuwwan Amanamuu Dandaʼanii fi Amantii namaa Cimsan

Oduuwwan Amanamuu Dandaʼanii fi Amantii namaa Cimsan

MUDDEE 1, 2021

 Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota hidhata amantii isaanii taʼaniif baayʼee yaadu. (1 Pheexiros 2:17) Baayʼeen keenya akkuma obboleettiin Taaniis jedhamtuu fi Keeniyaa jiraattu goote nutti dhagaʼama. Akkana jetteetti; “Wanta obboloota koo jaallatamoo addunyaa mara irra jiran irra gaʼu utuun beekee natti tola.” Taaniis taʼe Dhugaa Baatonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa mara irra jiran odeeffannoo kana argachuu kan dandaʼan akkamitti? Bara 2013 kaasee weebsaayitii keenya jw.org jedhamu irraa kutaa Oduu jedhu jalatti baasaa jirra.

 Kutaan Oduu kun gabaasawwan sirrii waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa matadureewwan kan akka Kitaabota Qulqulluu haaraa baʼan, hojii gargaarsa yeroo balaa, pirojeektota ijaarsaa fi dhimmoota barbaachisoo taʼan kan biroo kan qabate dha. Waaʼee obbolootaa fi obboleettota keenya sababa amantii isaaniitiif hidhamanis ni gabaasa. Kana malees, muuxannoowwan duula lallabaa fi Ayyaana Yaadannoo nama jajjabeessan kan qabate dha. Mata dureewwan oduu kanaa irratti qorannoo kan godhan eenyu faʼi? Kan qophaaʼan hoo akkamitti?

Oduuwwan Mirkaneessuu fi Gabaasuu

 Kutaa Oduu kan geggeessu Biiroo Odeeffannoo Uummataa ti. Dippaartimentiin kun waajjira muummeetti kan argamu yommuu taʼu, Koree Qindeessitoota Qaama Ol Aanaa jalatti hojjeta. Biiroon kun obbolootaa fi obboleettota 100 ol taʼan kan qabate dha; hedduun isaanii fagoo taʼanii fedhiidhaan hojjetan, jechuunis barreessitoota, qorattoota, namoota fakkii ykn suuraa kaasanii fi hiiktota dabalata. Kaan immoo odeeffannoo sana ilaalchisee abbootii taayitaa mootummaa, piroofeesaroota fi barsiisota gaafatu. Biiroon Odeeffannoo Uummataa waajjiroota damee addunyaa maratti Deeskii Odeeffannoo Uummataa 80 ol taʼan irraa gargaarsa argata.

 Biiroon Odeeffannoo Uummataa oduu tokko qopheessuuf Deeskii Odeeffannoo Uummataa wajjin baayʼee walitti dhihaatee hojjeta. Obboloonni seenaa tokko erga mirkaneeffattanii booda dhimmicha irratti qorannaa godhu, akkasumas odeeffannoo sirrii taʼe walitti qabatu. Kun immoo gaafannoo gochuu fi hayyoota haasofsiisuu dabalata. Ragaawwan argatan erga walitti qabatanii booda mata dureen oduu sun ni barreeffama; ni sirreeffama; irra deebiʼamee dubbifama; fakkiidhaan ibsama; achiis akka baʼuu heyyama gaafachuuf gara Koree Qindeessitootaatti ergama.

Dinqisiifannaa

 Kutaa Oduu kana ilaalchisee obboloota keenyatti maaltu dhagaʼama? Obboleettiin Sheeral jedhamtuu fi Filippiinsi jiraattu akkana jetteetti, “Yeroo hunda oduu waaʼee jaarmiyaa Yihowaa fi waaʼee saba isaa ibsu dubbisuudhaan guyyaa koo jalqabuun baayʼee na gammachiisa.”

 Dubbistoonni hedduun garaa garummaa Oduuwwan jw.org irra jiranii fi oduuwwan weebsaayitii kan biroo irra jiran gidduu jiru ni hubatu. Taatiyaanaa ishiin Kaazaakistaan jiraattu akkana jetteetti: “Oduuwwan jw.org irra jiran dhugaa waan taʼaniif baayʼeen galateeffadha. Oduuwwan kunneen kan amanamanii fi dhugaa irratti kan hundaaʼani dha.” Obboleettiin Aalmaa jedhamtuu fi Meeksikoo jiraattu akkana jetteetti: “Oduuwwan gadhee sabqunnamtii oduuwwan kan biroo irraa dhageenyuu wajjin yommuu wal bira qabamu kutaan Oduu kun baayʼee kan nama jajjabeessu dha.”

 Kutaan Oduu kun kan amanamu qofa utuu hin taʼin amantii namaa kan cimsu dha. Baarnaandi inni Keeniyaa jiraatu akkana jedheera: “Kutaan Oduu kun obbolootaa fi obboleettota addunyaa mara jiran eessa iyyuu kan jiraatan yoo taʼe akka maatii kootti isaan ilaaluuf na gargaareera. Maqaa isaanii dhaʼee, akkasumas haala addaa isaan keessa jiran caqasee kadhachuu nan dandaʼa.” Obboleettiin Baabiroon jedhamtuu fi Keeniyaa jiraattus akkana jetteetti: “Yeroo hunda Kitaabni Qulqulluun afaan adda addaatiin hiikamee baʼuu isaa yommuun argu gammachuu guddaatu natti dhagaʼama! Mata dureewwan kunneen Yihowaan namoota kan wal hin caalchisne taʼuu isaa na yaadachiisu.”

Kutaan Oduu rakkoowwan obbolootaa fi obboleettota keenya addunyaa maratti argaman irra gaʼaa jiran kadhannaa keenya irratti adda baasnee akka caqasnu nu gargaara

 Oduuwwan seenaa waaʼee obboloota ariʼatamni isaan irra gaʼaa jiru dubbatan illee madda jajjabinaa kan taʼani dha. Jaakiliin ishiin Keeniyaa jiraattu akkana jetteetti; “Ija jabina isaan argisiisan irratti xiinxaluun amantii koo naaf jabeessa. Yeroo hunda wanta jabaatanii akka dhaabbatan isaan gargaare beekuufan carraaqa. Wantoonni namoonni akka salphaatti ilaalan kanneen akka kadhannaa, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi faarfachuu illee, obboloonni keenya jabaatanii akka dhaabbataniif gumaacha guddaa akka godhan hubadheera.”

 Obboleettiin Koostaariikaa jiraattuu fi Biyaatriiz jedhamtu, oduuwwan waaʼee balaawwan uumamaa ibsan xiyyeeffannaadhaan hordofti. Akkana jetteetti: “Kutaan Oduu kun jaarmiyaan keenya wantoota obboloota keenyaaf barbaachisan haala jaalala irratti hundaaʼeen saffisaa fi haala gaʼaa taʼeen kan dhiheessu taʼuu isaa hubachuuf na gargaareera. Dhuguma iyyuu kun jaarmiyaa Yihowaa akka taʼe naaf mirkaneesseera.”

 Obbolummaa addunyaa maraa ilaalchisee oduuwwan haaraa yeroo yerootti waan argannuuf guddaa dinqisiifanna! Kun buusii hedduun keessan karaa donate.pr418.com hojii addunyaa maratti godhamuuf gootaniin kan raawwatamu dha. Buusii arjummaadhaan gootaniif guddaa isin galateeffanna.