BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Saanduqa Xiqqoo Nyaanni Hafuuraa Ittiin Dhihaatu
FULBAANA 1, 2020
Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo kam iyyuu caalaa nyaata hafuuraa hedduu bifa dijitaalaatiin argachaa jiru. Obboloonni keenya biyyoota hedduu keessatti argaman garuu Intarneetii fayyadamuuf maallaqa hin qaban. Warri kaan immoo naannoowwan Intarneetiin yeroo baayʼee itti ciccitu, saffisa hin qabne ykn Intarneetiin hin jirre keessa jiraatu.
Taʼus yeroo ammaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya baayʼeen bakka Intarneetiin hin jirretti barreeffamoota bifa dijitaalaatiin qophaaʼan buufachuu dandaʼaniiru. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti?
Meeshaa xinnoon JW Box jedhamu gumiiwwan Intarneetii argachuu hin dandeenyeef kan qophaaʼe dha. Meeshaan kun raawutarii dhaabbata daldalaa irraa bitame, sooftiweerii Kutaa Kompiitaraatiin Beetel keessatti qopheeffame, akkasumas barreeffamoota bifa dijitaalaatiin qophaaʼanii fi viidiyoowwan jw.org irratti argaman kan of keessatti qabate dha. Saanduqni tokko doolaara Ameerikaa 75 ni baasa jedhamee tilmaamama.
Obboloonni Galma Walgaʼii keessatti moobaayilii isaanii shiboo malee JW Box wajjin erga wal qunnamsiisanii booda barreeffamootaa fi viidiyoowwan buufachuu dandaʼu. Obboloonni meeshaan elektiroonikii isaanii ammayyaaʼaa taʼuu baatus ykn gatiin isaa gad aanaa taʼus saanduqa kanaa wajjin wal qunnamsiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, gumiin tokko Intarneetii hin qabu erga taʼee barreeffamoonnii fi viidiyoowwan haaraan JW Box irratti kan feʼaman akkamitti? Waajjirri damee filaashii tokkichi isaa gara doolaara Ameerikaa 4 baasuu fi wantoota haaraa jw.org irratti baʼan irratti feʼuuf gargaaru yeroo yeroodhaan gumiiwwaniif erga.
Meeshaan JW Box jedhamu kun obboloota keenya gargaaraa kan jiru akkamitti? Abbaan Naataan Aduruʼaanduraa jedhamuu fi Koongoo Dimokiraatik Rippabliikii keessa jiraatu akkana jedheera: “Diraamaa ‘Yaa Yihowaa . . . Ani Sin Amanadha’ jedhuu fi Haadha Manaa Loox Yaadadhaa jedhu buufachuuf yeroo dheeraadhaaf yaalii gochaan ture. Garuu naaf milkaaʼuu hin dandeenye, kunis abdii na kutachiisee ture. Amma viidiyoowwan kana bilbila koo irratti buufachuu dandaʼeera; kun immoo ijoollee keenya caalaatti barsiisuuf nu gargaareera.”
Obboleessi Naayijeeriyaa keessatti gumiiwwan JW Box akka fayyadaman gargaaru tokko akkana jedheera: “Obboloonni JW Box kennaa addaa Yihowaa biraa argatan akka taʼetti ilaalu. Amma barreeffamootaa fi viidiyoowwan Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessatti argaman salphaatti buufachuu dandaʼuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru.”
Meeshaaleen JW Box 1,700 ol taʼan obboloota Afrikaa, Ooshiyaaniyaa fi Ameerikaa Kibbaatti argamaniif ergamaniiru; gumiiwwan kan biroo hedduudhaaf erguufis qophiin godhamaa jira. Maarree baasiin qophii kanaaf oolu eessaa argama? Buusiiwwan hojii addunyaa maraatiif godhamu irraa ti; buusiin kun harki caalaan isaa karaa donate.pr418.com godhama. Buusii arjummaadhaan gootaniif isin galateeffanna.