BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Tamsaasa Saatalaayitii Dhugaa Baatota Yihowaa Bakka Intarneetiin hin Jirretti Tajaajilu
EBLA 1, 2021
Sagantaawwanii fi viidiyoowwan hafuuraa jiʼa jiʼaan karaa JW Biroodkaastingii darban hawwii guddaadhaan eegganna. Haa taʼu malee, obboloonni keenya Afriikaa jiraatan hedduun sagantaawwan kana karaa Intarneetii hin argatan. Maaliif?
Biyyoonni Afriikaa hedduun tajaajila Intarneetii gaʼaa hin argatan. Bakka Intarneetiin jiru tokko tokko immoo yeroo baayʼee dadhabaa ykn gatiin isaa miʼaa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Maadaagaaskaaritti ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko bakka namoonni Intarneetii itti fayyadaman seenee tamsaasa jiʼaa JW Biroodkaastingii tokko buufate. Sana booda doolaara 16 (gara birrii 646.15) kan kaffale yeroo taʼu, kun galii namoonni tokko tokko torban tokkotti argatan kan caalu dha. a
Rakkoowwan akkasii kan jiraatan taʼanis, obboloonni Afriikaa miliyoonaan lakkaaʼaman Intarneetii utuu hin qabaatin sagantaa tamsaasa JW Biroodkaastingii gammachuudhaan hordofuu dandaʼaniiru. Garuu akkamitti?
Bara 2017 kaasee JW Biroodkaastingii obboloota biyyoota Afriikaa Sahaaraa gad jiraniif karaa tamsaasa saatalaayitii televijiiniidhaan darbaa jira. Tamsaasni kun afaan 16n kaffaltii malee guyyaatti saʼaatii 24f, torban guutuu darba.
Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa saatalaayitii sagantaa kana dabarsuuf tajaajila tamsaasa televijiinii tokko kontraata fudhatan. Saatalaayitiin itti fayyadamnu kunis biyyoota Afriikaa Sahaaraa gad jiran 35 kan tajaajilu dha. Kontiraanni kun jiʼatti doolaara 12,000 (gara birrii 484,614) ol kan gaafatu dha. Yeroodhaa gara yerootti tamsaasa kan biraa kallattiidhaan darbu dabarsuuf baasiin dabalataa kaffalamaa jira. Kun obboloonni kumaan lakkaaʼaman walgaʼiiwwan naannoo ykn sagantaawwan addaa daawwannaa waajjira damee wajjin wal qabatan hordofuuf isaan dandeessiseera.
Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hedduunis mana isaaniitti sagantaa JW televijiinii saatalaayitiidhaan darbu ni hordofu. Haa taʼu malee, obboloonni keenya hedduun meeshaa tamsaasa saatalaayitii kana dabarsuuf barbaachisu bitachuu hin dandaʼan. Kanaafuu, Galmawwan Walgaʼii 3,670 ol taʼan meeshaa saatalaayitii dabarsuu dandaʼuu fi obboloonnii fi obboleettonni keenya achitti JW Biroodkaastingii ilaaluuf isaan dandeessisu akka qabaatan gargaaruuf qophiin godhameera. Meeshaan kun Galmi Walgaʼii sun televijiinii ykn meeshaa itti argisiifamu kan qabu yoo taʼe, gara doolaara 70 (gara birrii 2,798.6) gaafata. Kun taʼuu baannaan garuu, meeshichi doolaara 530 (gara birrii 21,189.4) kan gaafatu dha.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya tamsaasa argatan kanaaf dinqisiifannaa guddaa qabu. Jaarsi gumii Kaameruun jiraatu tokko, “Kun mannaa gammoojjii walakkaatti maatii keenyaaf kennamee wajjin wal fakkaata” jedheera. Obboleessi kan biraan Odaabodii jedhamuu fi Naayijeeriyaa jiraatu akkas jedheera: “Saganticha maatiidhaan taanee torbanitti siʼa sadii ilaalla. Ijoolleen koo yeroo hunda sagantaa kana hawwii guddaadhaan eeggatu. Yeroo kaanitti illee sagantaa JW akka isaaniif bannu nu gaafatu.” Rooz ishiin Naayijeeriyaa jiraattus akkana jettetti: “Yeroo hunda oduu televizyiniitiin darbu dhaggeeffachuu mannaa, tamsaasa saatalaayitii JW Biroodkaastingii dhaggeeffachuun amala akka natti taʼu waan godheef baayʼeen gammada. Oduuwwan kaan yommuun dhaggeeffadhu wantan arge sanatti salphaadhumattan rifadha, akkasumas dhiibbaan dhiigaa koo ni dabala. Tamsaasni JW Biroodkaastingii garuu kan nama jajjabeessuu fi tasgabbiin akka namatti dhagaʼamu kan godhu dha. Kun tamsaasa ani baayʼee jaalladhu dha. Eebba guddaa Yihowaa biraa nuuf kenname dha.”
Moozaambiikitti ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko Galmawwan Walgaʼii aanaa inni daawwatu keessa jiran meeshaa tamsaasa saatalaayitii dabarsan akka godhamaniif gabaaseera. Obboloonni gumiiwwan kana keessa jiraatan tamsaasa JW Biroodkaastingii saatalaayitiin darbuuf saʼaatii tokko ykn isaa oliif dursanii walgaʼu.
Tamsaasni saatalaayitii JW Biroodkaastingii kun, walgaʼii biyyaalessaa bara 2019 Afriikaa Kibbaa, Johaanisbargitti godhame irratti haasaawwan miseensa Qaama Olaanaatiin kennaman dabalatee haasaawwan ijoo taʼan naannoowwan sagal kaanitti dabarsuufis gargaareera. Obboleessi Sipumelelee jedhamuu fi Afriikaa Kibbaatti Dippaartimantii Biroodkaastingii naannoo keessaa hojjetu akkana jedheera: “Kanaan dura karaa Intarneetii haasaawwan dabarsina turre. Kun garuu Intarneetii gaarii fi maallaqa hedduu kan gaafatu dha. Tamsaasni saatalaayitii JW garuu amansiisaa fi maallaqa hedduu kan hin gaafanne dha.”
Buusii hojii addunyaa maratti taasifamuuf arjummaadhaan godhamuuf galanni haa taʼuutii, obboloonnii fi obboleettonni keenya Afriikaa jiraatan hedduun JW Biroodkaastingii karaa saatalaayitii hordofuu dandaʼaniiru. Buusii adda addaa karaa donate.pr418.com gootaniif baayʼee isin galateeffanna.
a Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa argisiisa.