BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Waajjiroota Hiikkaa Fagoo Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼaman Fayyadaa Jiru
BITOOTESSA 1, 2021
Obboloonni yeroo guutuu gareewwan hojii hiikkaa keenya keessatti hojjetan keessaa dhibbeentaa 60 ol kan taʼan kan hojjetan waajjira damee keessatti utuu hin taʼin waajjiroota hiikkaa fagoo (RTO) keessatti dha. Qophiin kun faayida qabeessa kan taʼe maaliifi? Obboloonni RTO keessatti hojjetan karaa buʼa qabeessa taʼeen hojjechuuf meeshaa akkamiitu isaan barbaachisa? Bakki gareen hiikkaa itti argamu qulqullina hojii hiikkaa isaan irratti jijjiirama kan fidu akkamitti?
Waajjiroonni hiikkaa fagoo hundeeffamuun hiiktonni bakka afaan isaanii balʼinaan itti dubbatamu jiraachuuf gargaara. Kaaren ishiin afaan Loow Jarman hiiktu akkas jetteetti: “Gara waajjira hiikkaa fagoo Kuwawutemok, Chiwaawaa, Meeksikoo jiru erga deemnee booda yeroo hunda Loow Jarmanitti fayyadamna. Hiiktota waliin hojjennuu wajjin yommuu haasofnu, yeroo tajaajillu akkasumas gabaa yeroo deemnu afaanichatti fayyadamna. Namoota afaanicha dubbataniin marfamnee jirra. Jechamoota yeroo dheeraadhaaf hin dhagaʼin hafne ni dhageenya. Guddina afaanichaas hordofuu dandeenya?
Gaanaatti afaan Firaafiraa kan hiiku Jeemsi yeroo tokko tokko miseensota maatii Betʼel kan yaadu taʼuu isaa ifatti dubbateera. Haa taʼu malee itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Waajjira hiikkaa fagoo keessa hojjechuun koo na gammachiisa. Afaan naannichaatiin yommuu lallabnuu fi namoonni misiraachichaaf deebii isaan kennan yommuun argu baayʼeen gammada.”
Obboloonni waajjiroonni hiikkaa fagoo bakka itti hundeeffamuu qabu kan murteessan akkamitti? Waarwiik, Niiwu Yoork, Yunaayitid Isteetis kutaa diizaayinii fi ijaarsaa Addunyaa Maraa keessaa kan hojjetu Joseef akkas jedheera: “Naannoowwan tokko tokko humna ibsaa fi bishaan ykn tajaajila Intarneetii faayiloota hiikaman erguuf dandeessisu hin qaban. Rakkoowwan jiran keessaa kun isa tokko dha. Kanaaf waajjira hiikkaa fagoo hundeessuuf yeroo yaannutti bakka afaanichi itti dubbatamu garaa garaa akka filannootti fudhanna.”
Dimshaashumatti yeroo ilaalamu waajjira hiikkaa fagoo hundeessuuf saffisa kan qabuu fi baasii guddaa kan hin gaafanne Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa, Galma Walgaʼii ykn mana jireenyaa misiyoonotaatti fayyadamuu dha. Hiiktonni manaa deddeebiʼanii bakka kanatti hojjechuu dandaʼu. Filannoowwan kun hin jiran taanaan garuu gamoo bakka jireenyaa fi bakka hojii hiiktotaaf taʼu bituuf heyyamni kennamuu dandaʼa. Yeroo booda haalli tuuta hiikkaa kanaa yoo jijjiirame garuu gamoowwan kun salphaadhumatti gurguramanii qarshiin isaa kaayyoo gara biraatiif ooluu dandaʼa.
Wanta Hojichaaf Barbaachisu Guutuu
Bara tajaajilaa 2020tti hojii waajjiroota hiikkaa fagoo deggeruuf doolaara Ameerikaa miliyoona 13 baasneerra. Tuutni waajjiroota hiikkaa fagoo kompiitaroota, sooftiweerota, meeshaalee sagalee waraabbii, tajaajila Intarneetii fi bishaanii fi humna ibsaa argachuun isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf kompiitara hiikaa tokkoof barbaachisu guutuuf doolaara Ameerikaa 750 fixuu dandaʼa. Kompiitaricha irratti sooftiweerotaa fi sagantaan Watchtower Translation System jedhamu ni feʼama. Sagantaan kun hiiktonni hojii isaanii qindeessuu fi salphaatti ragaawwan argachuuf isaan dandeessisa.
Kana malees hiiktonni meeshaalee sagalee waraabbii biiroo isaanii taʼanii waraabuuf isaan dandeessisu ni guutamaaf. Keessumaa yeroo dhibee daddarbaa COVID-19tti meeshaaleen kun faayidaa guddaa kennaniiru. Sababiin isaas hiiktonni hedduun meeshaalee kana mana isaaniitti fudhachuudhaan barreeffamootaa fi viidiyoowwan waraabuu isaanii itti fufuu dandaʼaniiru.
Obboloonni naannichaa fedhiidhaan hojicha irratti hirmaatanis barreeffamoota gamaaggamuu fi waajjira hiikkaa fagoo sana kunuunsuudhaan deggersa godhu. Kiristii ishiin waajjira hiikkaa fagoo Afriikaa Kibbaa, Keepitaawun keessa tajaajiltu akkas jetteetti: “Babalʼistoonnii fi qajeelchitoonni yeroo hundaa hedduun isaanii asitti tajaajiluuf carraa argataniiru.”
Obboloonni hojichaaf fedhiidhaan of dhiheessan kun asitti tajaajiluuf mirga argachuu isaaniitti gammadoo dha. Obboleettiin waajjira hiikkaa fagoo keessa hojjechaa jirtu tokko bakka kanaa hojjechuun hafuura namaa kan haaromsu akka taʼe dubbatteetti. Obboloonnii fi obboleettonni naannicha jiraatan sagalee isaanii waraabuudhaanis deggersa godhu. Meeksikoo, Veraakiruuz keessa kan jiraattuu fi Huwaanaa kan jedhamtu afaan Tootanaak kan hiiktu yeroo taʼu akkas jetteetti: “Amma magaalota afaan keenya itti dubbatamanitti dhihoo waan jiraannuuf obboloonnii fi obboleettonni hedduun salphaadhumatti dhufanii viidiyoowwanii fi sagaleedhaan waraabamuu dandaʼu.”
Haa taʼu malee waajjiroonni hiikkaa fagoo hundeeffamuun isaanii qulqullinni hojii hiikkaa akka dabalu godheeraa? Dubbistoota miliyoonaan lakkaaʼaman keessaa garri caalaan isaanii deebii ‘eeyyeeʼ jedhu kennu. Koongoo Dimokiraatiik Rippaabliikiitti hiikaa kan taʼe Seediriik akkas jedheera: “Kanaan dura obboloonnii fi obboleettonni tooko tokko akkaataa hiikkaa keenya Waldaa Masaraa eegumsaa Koongoo” jedhanii waamu turan. Sababiin isaas afaan barreeffamoota keenya irra jiran afaan namoonni Koongoo itti fayyadaman irraa adda waan taʼeefi dha. Amma garuu barreeffamoonni keenya kan hiikaman afaan Koongoo ammayyaatiin jechuunis karaa namoonni afaanicha guyyaa guyyaadhaan itti fayyadamaniin akka taʼe dubbatu.”
Andiilee inni Afriikaa Kibbaatti hiikaa afaan Qosaa taʼe yaada wal fakkaatu kenneera. Akkas jedheera: “Namoonni hedduun akkaataa hiikkaa keenya irratti jijjiiramni akka jiru nutti himu. Ijoolleen kanaan dura Masaraa Eegumsaa Ingiliffa fayyadamaa turan amma barreeffama afaan Qosaatiin qophaaʼe fayyadamuu jalqabaniiru. Keessumaa Hiikni Addunyaa Haaraa fooyyaʼee baʼe dhama afaanichaa kan eege taʼuu isaatti baayʼee gammadaniiru.”
Waajjiroota hiikkaa fagoo hundeessuuf, kunuunsuu fi hojjettoota guutuuf baasiin barbaachisu hundi kan guutamu buusiiwwan hojii addunyaa maraatiif fedhiidhaan godhamu keessaa ti. Buusiiwwan akkasii karaa donate.pr418.com gochuun ni dandaʼama.