Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Walgaʼii Naannoo Namoonni Akka Gaariitti “Dhagaʼanii fi Argan”

Walgaʼii Naannoo Namoonni Akka Gaariitti “Dhagaʼanii fi Argan”

ADOOLESSA 1, 2024

 Dhugaa Baatonni Yihowaa ammayyaa waggaa 130 oliif walgaʼii naannootiif walitti qabamaa turaniiru. Walgaʼii kana irratti haasawan 40 ol taʼan muuziqaa, gaafannoo fi viidiyoo garagaraa wajjin dhihaatu. Dhaggeeffattoota walgaʼicha irratti argaman fayyaduu fi hojiif isaan kakaasuuf “wanti isaan dhagaʼanii fi argan” akka gaariitti kan isaaniif galu taʼuu qaba. (Luqaas 2:20) Buusiin gootan dhaggeeffattoonni bakka kamiyyuu jiraatan walgaʼii naannoo irraa faayidaa akka argatan hojiirra oolaa kan jiruu akkamitti?

Bakka Walgaʼichaa Hundatti Oodiyoo fi Viidiyoon Akka Jiraatu Gochuu

 Biyyoota bahaatti istaadiyoomonni ammayyaa hedduun oodiyoo fi viidiyoo akka qabaatan godhamanii ijaaramaniiru. Kanaafuu walgaʼii koonyaatiif bakkawwan akkanaa yommuu kireeffannu meeshaa mataa keenyaatti kan fayyadamnu maaliifi? Deevid inni Dippaartimentii Tamsaasa Waajjira Muummee keessatti hojjetu akkas jedheera: “Gamoowwan kireeffannu keessaa meeshaa saʼaatii jaʼaa oliif wanta namoonni dubbatan akka dhaggeeffatan godhamee tolfame qaban baayʼee muraasa dha. Fakkeenyaaf bakki ispoortii itti hojjetan beeksisa gabaabaa dabarsuu fi muuziqaa taphachiisuuf meeshaa sagalee guddisee dhageessisutti fayyadamu. Viidiyoo iskiriinii isaanii irratti qabxii tapha geggeeffamee, beeksisaa fi tapha geggeeffame deebisanii argisiisuuf tajaajila. Nuti garuu dhaggeeffattoonni viidiyoo saʼaatii dheeraa akka ilaalanii fi wanta waltajjii irraa dubbatamu hunda akka gaariitti akka dhagaʼan barbaanna.”

 Bakki walgaʼii hundi waan wal hin fakkaanneef akkaataan oodiyoo fi viidiyoo bakkichaa wajjin akka walsimu godhamuu qaba. Bakki walgaʼii erga kireeffatamee booda Dippaartimentiin Biroodkaastiingii waajjira damee balʼina bakkichaa fi baayʼina namoota walgaʼicha irratti argamuu dandaʼan tilmaama keessa galchuudhaan bakka isaan taaʼan murteessa. Achiis bakka obboloonni dhaabbatanii haasaa itti kennan akkasumas bakka iskiriiniin viidiyoo dhaabachuu qabu murteessu; akkamitti wal qabsiifamuu akka qabanis ni murteessu; sana booda meeshaa namoonni akka gaariitti arguu fi dhaggeeffachuuf gargaaru hunda tarreessu.

Obboloonni Dippaartimantii Biroodkaastingii Naannoo keessaa hojjetan diizaayinii qophaaʼe hordofanii of eeggannoodhaan yeroo hojjetan

 Sagantaan walgaʼii naannoo afaan hedduutiin bakka dhihaatutti oodiyoo fi viidiyoodhaan dabarsuun baayʼee wal xaxaa dha. Sagantichi afaan garabiraatti hiikuun (kan hiikamu taanaan) oodiyoo fi viidiyoon nama hiiku sanaaf erga dhihaatee booda hiikkaan sun tamsaasa raadiyoo addaatiin warra afaanicha hubachuu dandaʼaniif akka dabarfamu taʼa. Meeshaalee sagalee taphachiisan addaa waan jiraniif, sagaleen darbu afaan garagaraa saddeetiin taʼullee namoota walgaʼiirratti argaman hundaaf viidiyoo argisiisuun ni dandaʼama. Deevid; “Malli kun baayʼee wal xaxaa waan taʼeef obboloonni fedhiidhaan asirratti hojjetan leenjii baayʼeetu isaan barbaachisa” jedheera.

 Waajjiroonni damee hedduun meeshaa oodiyoo fi viidiyoo tokko qofatti waggaadhaa gara waggaatti fayyadamu. Haalli akkasii yeroo jiraatutti, obboloonni tokkoon tokkoon meeshaa barbaachisu bakka walgaʼii tokkoo gara walgaʼii ittaanee godhamutti geeffama. Waajjirri damee Yuunaayitid Isteetis qofti waggaa waggaatti meeshaa walgaʼii naannootiif tajaajilan qofa erguuf doolaara 200,000 a ol baasii godha. Kun meeshaa haaraa bituu fi suphuuf baasii dabalataa gochuu hambisa. Isteevan inni walgaʼii naannoo Kaanaadaatti godhame irratti ilaaltuu olaanaa oodiyoo fi viidiyoo taʼee gargaare akkas jedheera, “Tuutni oodiyoo fi viidiyoo keenya biloonii, keebilii fi wantoonni barbaachisan hundi sirriitti of eeggannoodhaan erga walitti qabamanii booda sagantaa ittaanuuf akka qophaaʼan gochuuf wanta dandaʼame godha.”

Meeshaa Argachuu fi akka Gaariitti Qabuu

 Meeshaa oodiyoo fi viidiyoo kireeffaachuun miʼaa taʼuu isaarrayyuu yeroo baayʼee qulqullina kan hin qabnee fi suphiinsi kan hin godhamneefi dha. Kanaan kan kaʼe yeroo baayʼee meeshaa nu barbaachisu ni binna. Yeroo harʼaa iskiriinii viidiyoo mana keessaa dheerina meetira shan fi balʼina meetira sadii taʼe doolaara 24,000 yeroo taʼu keebiliin maaykiroofoonii meetira 15 dheeratu tokko gara doolaara 20 ti. Kanaafuu Dippaartimentiin Biroodkaastingii, Dippaartimantii Bittaa wajjin taʼuudhaan meeshaa kamiyyuu bituu dura ‘baasii isaa shallagu.’ (Luqaas 14:28) Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan kana of gaafatu: ‘Meeshaa kanatti kan fayyadaman namoota meeqa dha? Meeshaa haaraa bituun dirqamaa? Bakka gaarii meeshaa kana keenyu, akkasumas obboloota leenjii qabanii fi meeshaa kana suphuu dandaʼan qabnaa?

 Meeshaan oodiyoo fi viidiyoo kun yeroo dheeraa akka jiraatu gochuudhaan buusii fedhiidhaan godhamu qusachuuf suphiinsa barbaachisu hunda goona. Meeshaa kana bakka biraatti yeroo erginu meeshaa akka hin cabne gargaaru keessa keenyee ergina.

Meeshaa oodiyoo fi viidiyoo akka gaariitti qabuu fi suphuun yeroo dheeraaf akka tajaajilu gargaara

Dhugaa Baʼumsa Gaarii fi Sagantaa Akka Gaariitti Dhagaʼamu

 Namoonni Dhugaa Baatota hin taane qulqullina oodiyoo fi viidiyoo walgaʼii naannoo keenyaatti baayʼee dinqisiifamaniiru. Fakkeenyaaf, walgaʼii naannoo tokko irratti namni tamsaasa Biroodkaastingii addunyaarratti guddaa taʼe keessaa hojjetu tokko qulqullinaa fi qabiyyee waraabbii keenya ilaalchisee yaada kenneera. Joonataan inni walgaʼii naannoo irratti oodiyoo fi viidiyoo irratti hojjechuudhaan gargaaraa ture akkas jedheera: “Miseensonni tuutichaa namoota gama kanaan baratanii ogummaa qaban utuu hin taʼin fedhiidhaan kan hojjetan akka taʼan yeroo hubatetti baayʼee dinqisiifate. Qophii nuti guyyaa tokkoof walakkaatti xumurre, kaampaanii isaa keessatti guyyaa shan akka fudhatu dubbateera.” Walgaʼii naannoo kan biraa irratti immoo itti gaafatamaan gamoo sanaa akkas jedheera, “Namoonni gama muuziqaa fi viidiyootiin ogummaa qaban hedduun asitti argamanii kan beekan taʼus haala qulqullinaa fi gurmaaʼina qabu akkasii argee hin beeku!”

Obboloonnii fi obboleettonni walgaʼii naannoo alatti godhamu tokko irratti gaafannoo godhamu iskiriinii viidiyoo guddaa irraa yeroo ilaalan

 Oodiyoo fi viidiyoo walgaʼii naannoo irraa faayidaa akkamii argattan? Tarii akkuma Deevid isa Ingilaandi jiraatuu isinitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Deevid akkas jedheera: “Umuriin koo waggaa 88 yeroo taʼu jireenya koo guutuu walgaʼiiwwan naannoo irratti argamaa tureera. Haa taʼu malee amma, isa kanaan duraa caalaa yaanni koo utuu hin hihiramin barumsa dhihaatu irratti xiyyeeffannaa gochuun naa salphaateera. Viidiyoowwan gaggaarii kanaaf baayʼeen galateeffadha; kutaawwan hundi utuu hin beekamin xumuramu; barumsi darbus ifaa fi haala wal qabataa taʼeen dabarfama.” Maayikil inni Naayijeeriyaa jiraatus akkas jedheera, “Obboloonni keenya wanta obboleessi haasaa kennu jedhu dhagaʼuuf ykn viidiyoo ilaaluuf rakkachuun waan isaan hin barbaachisneef barumsa darbuuf guutummaatti xiyyeeffannaa kennuu dandaʼu.”

 Walgaʼii Naannoo akkasumas Walgaʼii Addaa waggaa kanaa ‘Misiraachicha Lallabaa!’ jedhu irratti yeroo argamtan, saganticha dhagaʼuu fi ilaaluuf akka gargaaru gochuuf qophii godhame irratti xiinxaluuf yaalaa. Buusiiwwan karaa donate.pr418.com dabalatee buusiin gootan hundi wantoonni kun hundi akka raawwataman waan gargaaraniif baayʼee isin galateeffanna!

a Doolaarri mata duree kana keessatti caqasame hundi doolaara Ameerikaa ti.