BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Wanti Isaan Irraa Hafe Hirʼina Warra Kaanii Guuteera
ONKOLOOLESSA 1, 2020
Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 200 ol keessatti hojii amantii fi gargaarsaa raawwachaa jiru. Haa taʼu malee, biyyoota kana keessaa baasii isaanii kan dandaʼan gara biyyoota 35 qofa dha. Maarree biyyoonni baasii isaanii kaffalachuu hin dandeenye maallaqa hojii isaanii ittiin geggeessan eessaa argatu?
Qaamni Ol Aanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman Yihowaa waaqeffachuu fi misiraachicha lallabuuf wanta isaan barbaachisu tilmaama keessa galcha. Of eeggannoodhaan erga baajatni baʼee booda, karaa sirrii taʼeen faayidaa irra oola. Waajjirri damee tokko maallaqa hojii biyyicha keessatti raawwatamuuf barbaachisuu ol yoo qabaate, inni irraa hafe biyyoota maallaqa gaʼaa hin qabneef kennama. Qophiin kun fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, ‘wanta isaan irraa hafeen hirʼina warra kaanii guutuudhaan’ wal gargaaranii wajjin kan walsimu dha. (2 Qorontos 8:14) Wanta isaan irraa hafe hirʼina Kiristiyaanota kaanii guutuuf itti fayyadamaniiru.
Obboloonni keenya waajjira damee kan biraa irraa maallaqa isaan irraa hafe argatan maaltu isaanitti dhagaʼame? Fakkeenyaaf, Taanzaaniyaa keessatti uummanni walakkaadhaa ol taʼu guyyaatti birrii 73 gad waan argatuuf, maallaqni waajjira damee kan biraa irraa argame sun Galma Walgaʼii Gumii Maafiingaa haaressuuf faayidaa irra ooleera. Gumichi akkana jechuudhaan barreesseera: “Galma Walgaʼii keenya erga haareffamee booda lakkoofsi namoota walgaʼii irratti argamanii baayʼee dabaleera! Bakka waaqeffannaa bareedaa akkasii akka argannu waan nu gargaaraniif, jaarmiyaa Yihowaa fi waldaa obbolummaa addunyaa maraa arjummaa nutti argisiisaniif guddaa isaan galateeffanna.”
Obboloonni keenya Sirii Laankaa keessa jiraatan tokko tokko, sababa weerara dhibee Kooviid-19n hanqinni nyaataa isaan mudateera. Isaan keessaa Eemaaraa Fernaandoo fi ilma ishii Enosh akka fakkeenyaatti caqasuun ni dandaʼama. Buusii biyyoota kaan irraa argameen gargaarsa isaan barbaachisu argachuu dandaʼaniiru. Kaardii harkaan qopheeffame irratti akkana jedhanii barreessaniiru: “Obboloota yeroo rakkisaa taʼe kanatti jaalala nutti argisiisan baayʼee galateeffanna. Miseensota maatii kanaa taʼuu keenyaan gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama; Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti obboloota keenya hunda akka gargaaru kadhachuu keenya itti fufna.”
Obboloonnii fi obboleettonni keenya bakki isaan jiraatan eessa iyyuu yoo taʼe wanta qaban warra kaaniif hiruun isaan gammachiisa. Fakkeenyaaf, Enosh innis maatiiwwan gargaarsi isaan barbaachisuuf buusii gochuuf saanduqa xinnoo tokko qopheeffateera. Obboleettiin Guwaadaaluppee Alvaarez jedhamtus arjummaa akkasii argisiisteetti. Ishiin Meeksikoo keessa naannoo namoonni muraasni galii xinnoo itti argatan ykn matumaa galii dhaabbataa argachuu hin dandeenye keessa jiraatti. Taʼus, hamma humna ishii buusii gooti. Akkana jettee barreessiteetti: “Yihowaan gaarummaa fi jaalala amanamaa waan natti argisiiseef guddaan galateeffadha. Buusiin ani godhu buusii warri kaan godhanitti dabalamee obboloota koo warra gargaarsi isaan barbaachisu akka fayyadu beeka.”
Waajjiroonni damee bakka gargaarsi barbaachisutti maallaqa erguun isaan gammachiisa. Antoonii Kaarvaaloon inni miseensa Koree Waajjira Damee Biraaziil taʼe akkana jedheera: “Hojiin biyya keenyatti raawwatamu waggoota hedduudhaaf biyyoota kaan irraa gargaarsa maallaqaa argachuun isa barbaachisa ture. Deggersi kun nuu godhamuu isaatiin hojichi baayʼee yommuu guddatu arguu dandeenyeerra. Amma garuu haalli dinagdee keenya waan jijjiirameef, warra kaan gargaaruuf mirga arganneerra. Obboloonni keenya Biraaziil keessa jiran hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamaa jiru ilaaluudhaan, gargaarsa gochuuf maal gochuu akka dandaʼan hubataniiru.”
Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa hunda irra caaluun obbolootaa fi obboleettota isaanii gargaarsi isaan barbaachisu deggeruu kan dandaʼan akkamitti? Kallattiidhaan waajjira damee biyya alaatti argamutti maallaqa erguudhaan utuu hin taʼin, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuudhaani. Kanas saanduqa buusii gumii “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuudhaan ykn karaa donate.pr418.com buusii gochuun ni dandaʼama. Buusiiwwan akkasii hunda baayʼee dinqisiifanna.