BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?
Yeroo ‘Waraannii fi Oduun Waraanaa’ Jirutti Gargaarsa Gochuu
CAAMSAA 27, 2022
Guyyoota dhumaa kanatti, ‘waraanaa fi oduu waraanaa akka dhageenyu’ ni eegna. (Maatewos 24:6) Taʼus, obboloonni keenya haalawwan kanaan yommuu gaddanitti, deggersa isaan barbaachisu argachaa jiru. Gabaasni Qaama Ol Aanaa bara 2022 Lakk. 3 irratti obboloota waraana Yuukreenitti geggeeffamaa jiruun miidhamaniif hojii gargaarsaa Baha Awurooppaatti geggeeffamaa jiru ilaalchisee oduu nama gammachiisu baasee ture. Utuma waraanni naannoo isaaniitti geggeeffamaa jiru gargaarsa gochuun kan dandaʼame akkamitti? Gargaarsi obboloota keenya Yuukreen jiraniif godhame dhiibbaa kan isaan irratti geessise akkamitti?
Wanti Barbaachisu Maali Dha? Kan Geeffamu hoo Akkamitti?
Guraandhala 24, 2022, guyyaa Yuukreen irratti waraanni baname, Koreen Qindeessitootaa maallaqa obboloota keenya Yuukreen jiran gargaaruuf gaafatame raggaasiseera. Waajjirri damee Yuukreen jiru Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 27tti fayyadamee, yeruma sana biyyuma sana keessaa wantoota barbaachisan bituu fi raabsuu jalqabe.
Gargaarsa waajjirri damee Yuukreen taasisu malees, obboloonni Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa keessa hojjetan yeruma sana gargaarsa akkamii gochuu akka dandaʼan irratti yaaduu jalqaban. Gargaarsa kana gochuu fi karoora rakkoo kana furuuf dandeessisu baasuuf, Koreen Qindeessitootaa fi Koreen Maxxansaa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa, Kutaan Bittaa Addunyaa Maraa bakka buʼoota waajjira damee Yuukreenii fi Poolaandii wajjin akka hojjetu gaafate. Hojii kana qindeessuuf obboloonni Kutaa bittaa, kutaa miʼa erguu fi Kutaa seeraa waajjiroota damee hunda keessa jiran, miseensota Koree Waajjira Damee Yuukreenii fi miseensota Kutaa Bittaa Addunyaa Maraa wajjin guyyaa guyyaadhaan walgaʼii godhu.
Jeey Iswiinii inni Kutaa Bittaa Addunyaa Maraa keessa hojjetu akkana jedheera: “Jalqaba, wanta barbaachisu adda baafannee beekuu qabna. Nyaataa fi miʼoota qulqullinaa obboloonni naannoo sanaa beekan isaaniif dhiheessuu barbaanna. Haa taʼu malee, wanta isaaniif barbaachisu beekuun kutaa rakkoo sanaa keessaa isa tokko qofa ture. Kana malees, yeroo waraanni geggeeffamaa jiru kanatti miʼoota kana hamma dandaʼametti saffisaa fi karaa balaa hin geessisneen akkamitti akka geessinu beekuu qabna turre.”
Bitootessa 9, 2022tti, obboloonni keenya wanta obbolootaa fi obboleettota keenya Yuukreen jiran barbaachisan beekuu dandaʼaniiru. Kaartooniiwwan nyaata buʼuuraa, kanneen akka foonii fi qurxummii saamsame, midhaan, ruuzii fi baaqelaa, akkasumas wantoota qulqullinaaf barbaachisan kan akka saamunaa fi sooftii mana boolii jiran isaanii kennamaniiru. Yeroo kanatti, miʼi torban afuriif nama tokkoof barbaachisu tilmaamaan dolaara Ameerikaa 65 taʼa. Kun kan barbaachisu obboloota keenya kumaan lakkaaʼamaniif waan taʼeef, Koreen Qindeessitootaa itti fufiinsaan gargaarsa gochuuf maallaqa hedduu raggaasiseera. Haa taʼu malee, miʼoota kana nageenya obboloota keenyaa balaaf utuu hin saaxilin achiin gaʼuun kan dandaʼamu akkamitti?
Bitootessa 13, obboloonni keenya Poolaandi lama wantoota waajjira damee Poolaandii irraa ergaman bakka kuusaa magaalaa Liviiv, Yuukreenitti dhihoo jiru geessuudhaan haala isaa qorachuuf dhaqanii turan. Guyyoota deemuu isaanii dura turanitti obboloonni waajjira damee Poolaandii fi Yuukreen jiran obboloota lamaan fedhiidhaan of dhiheessan kana imala isaaniitiif isaan qopheessaniiru. Waajjirri damee gargaarsa namoomaa kennuuf waraqaa seeraa daangaa biyyaa darbuuf barbaachisu qopheesse; konkolaataan obbolootaa mallattoo gargaarsa namoomaa qabatee akka jiru ibsu qabaachuu isaa fi daangaa biyyatti bira erga darbanii booda immoo karaan saffisaan irra deemamu isa kam akka taʼe murteessuuf obboloota Yuukreen keessa jiranii wajjin qindoominaan hojjechuu isaanii mirkaneeffataniiru. Qophiin gaariin erga godhamee fi eebbi Yihowaa itti dabalamee booda miʼi gargaarsaa kun saʼaatii 24 keessatti Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa Liviiv keessa jiranitti hirameera, boodas obboloonni keenya nagaadhaan gara Poolanditti deebiʼuu dandaʼaniiru.
Imalli jalqabaa yaaliif godhame milkaaʼee kan ture taʼus, obboloonni kan geessan kiilogiraama 1000 gad qofa ture. Kiilograamni 220,000tti tilmaamamu amma iyyuu ni barbaachisa! Maarree gargaarsi guddaan hanganaa geeffamuu fi saffisaan raabsamuu kan dandaʼu akkamitti?
“Namoonni Keessan Fedhiidhaan Of Dhiheessu”
Obboloonni keenya waraana Yuukreen keessa jiruun kan kaʼe hangam akka miidhaman gabaasa jw.org irratti ibsame erga dubbisanii booda, namoonni addunyaa maratti argaman gargaarsa gochuuf kakaʼaniiru. Namoonni fagoo jiran hedduun isaanii buusiin isaan godhan karaa hunda irra caaluun faayidaa irra akka oolu waan beekaniif, hojii addunyaa maraa Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwataniif maallaqa buusii godhaniiru. Namoonni daangaa biyyoota kanaa irra jiraatan immoo gargaarsa gochuuf yeroo, humnaa fi qabeenya isaanii kennaniiru. Gama kanaan mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
Poolaanditti obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan miʼoota gargaarsaa kiiloo giraama kumaan lakkaaʼaman walitti qabaniiru, ijoolleen immoo harka isaaniitiin kaardii qopheessaniiru. Baartosh Koshichyeliniyaak inni miseensa Kutaa Bittaa waajjira damee Poolaandi taʼe akkana jedheera: “Yaada Faarfannaa 110:3 irra jiruu fi Yihowaan ‘saboonni fedhiidhaan akka of dhiheessan’ dubbate ibsu yeroo baayʼee dubbiseera. Amma garuu gargaarsa obboloonnii fi obboleettonni kennan ijuma kootiin arguu dandaʼeera; namoota dhibbaan lakkaaʼamanii fi yeruma sana kaʼanii dhufuuf fedhiidhaan of dhiheessuudhaan hojiif qophaaʼoo taʼan argeera; kunis jechoonni faarfannaa irratti ibsaman dhugaa taʼuu isaanii naaf mirkaneesseera.”
Dhugaa Baatuun Yihowaa kaampaanii biyyoolessaa dhimmoota tokko tokko raawwachiisu qabu tokko obboloonni konkolaataa isaa miʼoota ittiin geessuuf akka itti fayyadaman kenneera, akkasumas bobaʼaa konkolaataan kun ittiin deemu guuteera. Akkana jedheera: “Kun anaaf carraan itti jaalala obboloota koo fi Yihowaaf qabu itti argisiisu dha. Gargaarsa kennuu dandaʼuun koo baayʼee na gammachiisa.” Bobaʼaa liitrii 7,700 olitti tilmaamamu buusii godhee kenneera, obboloonni immoo miʼoota kana bakka barbaadametti geessuuf gara kiiloo meetira 48,000 deemuuf yeroo fi humna isaanii kennaniiru!
Obboloonnii fi obboleettonni keenya fedhii fi jaalalaan kakaʼanii waan of dhiheessaniif, Bitootessa 28, jechuunis miʼi inni jalqabaa erga yaaliif geeffamee torban lama booda nyaata, miʼoota qulqullinaa fi miʼoota yaalii fayyaa kiilogiraama 100,000 taʼu gara Yuukreenitti geessuun dandaʼameera! Obboloonni keenyaa fi namoonni miʼa nuuf dhiheessan arjummaadhaan miʼoota tokko tokko buusii gochuun isaanii, maallaqni miʼa gargaarsaa bituuf barbaachisu baayʼee akka hirʼatu taasiseera. Hanga guyyaa harʼaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa miʼa gargaarsaa kiilogiraama 190,000 ol taʼu gara Yuukreenitti erganiiru. Kun taʼuun isaa obboloota keenya kan gargaara akkamitti?
“Jaalalli Keessanis Akka Keessa Jiru Hubanneerra!”
Miʼoonni kun Liviiv erga gaʼanii booda, Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa Yuukreen keessa jiran namoota gargaarsi barbaachisuun gaʼeera. Miʼoonni gargaarsaa magaalota adda addaatti, magaalota Leeviiv irraa gara kiilomeetira 1,300 ol fagaatanitti illee geeffamaniiru. Hojiin kun akka gaariitti kan raawwatame taʼu illee yeroo kan fudhatu ture. a
Maarkas Raayinhaarti inni miseensa Koree Waajjira Damee Yuukreen taʼe akkana jedheera: “Yeroo rakkisaa kanatti, obboloonni hedduun jaalala Yihowaa, akkasumas utuma rakkinni kun hin uumamin dura iyyuu qajeelfama jaarmiyaan isaa kenne guutummaatti hordofuun faayidaa hedduu akka qabu ijuma isaaniitiin arguu dandaʼaniiru. Fakkeenya tokko kaasuuf, hundumtuu mana isaaniitti nyaataa fi bishaan torban hedduuf isaan barbaachisu akka kuufatan jajjabeeffamanii turan. Qajeelfama kana ilaalchisee jaarsi Antoon jedhamuu fi Kiyeev keessa tajaajilu akkana jedheera: ‘Jaarmiyaan Yihowaa haalawwan rakkisoof nu qopheesseera, kanaaf guddaa galateeffanna. Nyaata, bishaanii fi raadiyoo qabaachuun keenya kallattiidhaan lubbuu keenya nuuf oolcheera.’ Waajjirri damee gargaarsa barbaachisu qindeessuuf yeroo akka argatu waan godheef, obboloonni qajeelfama kana hordofuu isaaniitiif baayʼee isaan galateeffanna.”
Obboloonni keenya gargaarsi kun yommuu isaan gaʼu maaltu isaanitti dhagaʼame? Miikoolii fi Ziinaayidaa warri Kaarkiiv keessa jiraatan akkana jechuudhaan yaada isaanii ibsaniiru: “Akka nuuf yaaddan hubachuun keenya garaa keenya tuqeera. Nyaataa fi qoricha waan nuu fiddaniif guddaa isin galateeffanna. Dhugumaan Yihowaan akka nu kunuunsaa jiru arguu dandeenyeerra.” Vaalentiinaa ishiin naannoodhuma sana jiraattus akkana jetteetti: “Yeroo waraanichi jalqabee kaasee miʼa bitachuuf hiriira dheeraa eeguun dirqama ture. Wanta barbaanne bitachuun kan dandaʼamu yeroo hunda hin turre. Yihowaan garuu rakkoo kana beeka, argeeras. Obboloota wanta barbaachisu mana manatti namaa geessan muudeera, kan nama dinqisiisu wanti nuuf ergames wantuma nu barbaachisu ture! Haala rakkisaa akkasii keessatti, yeroo haalli isaa abdii waan hin jirre fakkaatutti illee Yihowaa fi jaarmiyaan isaa karaa adda taʼeen nu kunuunsaa akka jiran nutti dhagaʼama, hubanneerras. . . . Gargaarsaa fi deggersa guddaa barbaachisu yeroo isaatti argachuun baayʼee nama gammachiisa.”
Yeevan, Iiriinaa fi Maayikiytaa warri Maariyoopoolii baqatan akkana jedhaniiru: “Gargaarsaa fi kunuunsa maatii keenyaaf gootaniif guddaa isin galateeffanna. Kan nama ajaaʼibu wantuma yeroo isaatti baayʼee nu barbaachisu ture. Jalqaba irratti, kaartoonota sana keessa miʼi qofti kan jiru nutti fakkaatee ture, yeroo bannu garuu jaalalli keessanis akka keessa jiru hubanneerra!”
Yeroo ‘waraanaa fi oduun waraanaa’ dhagaʼamu kanatti, Yihowaan gargaarsa jaalala irratti hundaaʼe kana akka geessaniif hafuura isaatti fayyadamee saba isaatiif qajeelfama akka kennu hubachuu dandeessu. Buusiin baayʼeen keessan gaarummaadhaan keessumaa karaa donate.pr418.com hojii addunyaa maraatiif gootan gumaacha guddaa godheera. Arjummaa keessaniif guddaa isin galateeffachuu barbaanna!
Karaa Balaaf Nama hin Saaxilleen Saffisaan Gargaarsa Gochuu
Guraandhala 24, 2022: Koreen Qindeessitootaa maallaqa gargaarsa Yuukreeniif oolu raggaasise; kun immoo waajjirri damee gargaarsa kennuu akka jalqabu isa gargaara
Guraandhala 24–Bitootessa 8, 2022: Waajjirri damee Yuukreen wantoota tokko tokko biyyuma keessaa bitee karaa Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa raabsuu jalqabe. Kana malees, waajjirri damee Poolaand miʼa fudhachuu fi raabsuuf qophii godhe
Bitootessa 9, 2022: Koreen Qindeessitootaa gargaarsi gara Yuukreenitti akka geeffamu heyyama kenne
Bitootessa 10–12, 2022: Yaaliidhaaf nyaannii fi miʼoonni barbaachisan Poolaandii gara Liviiv, Yuukreenitti geessuuf karoorri ni baafame
Bitootessa 13, 2022: Yaaliidhaaf nyaannii fi miini Poolaandii gara Liviiv, Yuukreenitti geeffame
Bitootessa 14–16, 2022: Tajaajiltoonni fedhaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo, nyaataa fi miʼoota qulqullinaa gargaarsaaf oolan walitti qabuuf Galma Walgaʼii Guddaa Pooznaan, Poolaanditti qophii godhan
Bitootessa 17, 2022: Yaaliin godhame erga milkaaʼee guyyaa afur booda, miʼa gargaarsaa kiilogiraama 13,000 daangaa Yuukreenitti geessuu jalqaban
Bitootessa 21–27, 2022: Haaluma wal fakkaatuun, miʼoonni gargaarsaa hafanii fi Poolaanditti walitti qabaman gara Yuukreenitti ergamanii saʼaatii 24 keessatti naannoo gargaarsi barbaachisuuf raabsmaniiru
Bitootessa 28, 2022: Heyyamni kennamee guyyaa 20 gidduutti, nyaanni, miʼi qulqullinaa fi wantoonni yaalii fayyaa wajjin wal qabatan kiilogiraama 100,000 gara Yuukreenitti geeffamaniiru
Hanga ammaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa gargaarsa kiilogiraama 190,000 taʼu gara Yuukreenitti erganiiru.