Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Biyya Qoqqoodame Keessatti Tokkummaa Qabaachuu

Biyya Qoqqoodame Keessatti Tokkummaa Qabaachuu

 Afrikaan Kibbaa bara 1948 kaasee hanga jalqaba bara 1990mmaniitti sirna appaartaayidiitiin bulaa turte. a Yeroo kanatti namoonni baayʼeen namoota sanyiidhaan isaaniirraa adda taʼanirratti loogii ni raawwatu turan. Keeliin inni sirna appaartaayidii jalatti namoota sanyii makaa qaban keessatti ramadamu, “Namoonni adii hin taanes wal jibbu turan” jedheera.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan sanyii garaagaraa keessaa dhufan. Maarree sirna appaartaayidii kan dandamatan akkamitti? Seenaa isaanii kanarraahoo maal baranna?

Balaa Wal Qoqqoodinsi Fide Dandamachuu

 Afrikaa Kibbaa keessatti namoonni qoqqoodinsa sanyii morman tokko tokko hiriira mormii qindeessu turan. Namoonni imaammata mootummaa morman hedduun hidhamaniiru, tokko tokkommoo ajjeefamaniiru. Kunis namoonni mootummaa morman caalaatti akka fincilan godheera. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu seeraaf ni ajajamu turan, mormii ykn yaalii mootummaa jijjiiruuf godhamurrattis hin hirmaatan. Kana gochuudhaan fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa warra ‘abbootii taayitaa iddoo olaanaa qabaniif bitamanii’ hordofaniiru.—Roomaa 13:1, 2.

 Yeroo baayʼee Dhugaa Baatonni Yihowaa walaba akka hin taanee fi gama tokko akka deggaran dhiibbaan isaanirratti godhama ture. Haa taʼu malee, gama tokko deggaruun walitti buʼiinsa siyaasaa cimaa taʼe keessa isaan galchuu, darbees obboloota hafuuraa isaanii loluutti isaan geessuu dandaʼa ture. Fakkeenyaaf, Teembisiin ishiin yeroo sanatti waggaa 18 turte akkana jetteetti: “Bara 1976 yeroo hookkarri turetti barattoonni mana barumsa sadarkaa lammaffaa hedduun fincila siyaasaa keessa akka galan ni dirqisiifamu turan. Barattoonni finciltoota taʼan barattoota isaanitti makaman kan biroo barbaacha manaa gara manaa deemu turan. Isaanitti makamuu yoo didde mana kee gubuu ykn hamma duututti si reebuu dandaʼu.” Geggeessaan paartii mormituu tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa Tewoofiloos jedhamuun, “Biyya keessaniif waan hin lolleef namoota adii erga injifannee booda isin ajjeesna” isaan jedhee ture.

Biyya Qoqqoodame Keessatti Walitti Qabamuu

 Haalli rakkisaan sirni appaartaayidii fide jiraatus Dhugaa Baatonni Yihowaa Afrikaa Kibbaa keessa jiran waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu isaanii itti fufanii turan. (Ibroota 10:24, 25) Sirni appaartaayidii namoonni baayʼeen hiyyeeyyii akka taʼan godhee waan tureef gumiiwwan hedduun Galma Walgaʼii ijaarrachuu hin dandaʼan turan. b Iinvar akkana jedheera: “Waggoota hedduudhaaf manneen baayʼee dullooman kireeffachuu qabna turre. Kanaafuu, abbaan koo mana keenya walgaʼii gumiitiif akka itti fayyadamnu heyyame. Torbanitti yeroo lama maatiin keenya mana keenya gara Galma Walgaʼiitti jijjiira ture. Yeroo tokko tokko mana keenya keessatti nama 100 oltu walitti qabama ture. Yeroo baayʼee walgaʼii booda hunda isaaniitiif wanta dhugamuu fi nyaatamu dhiheessuun nu gammachiisa.”

Ebla 1950​tti Dhugaa Baatonni Yihowaa gurraachonnii fi adiin walitti qabamanii

Walgaʼii obboloonni sanyii garaagaraa irratti argamanii fi bara 1980​tti Johaanisbargi Istaadiyeemii Raandi keessatti geggeeffame

 Obboloonni karaawwan gaggaarii gufuuwwan sirni appaartaayidii uume itti dandamatan argataniiru. Fakkeenyaaf, Bulchiinsa Limpooppoo keessatti obboleessi adiin walgaʼii aanaa naannoo gurraachonni jiraatan keessatti geggeeffamurratti haasaa akka dhiheessu gaafatame tokko naannoo sana akka hin seenne dhorkamee ture. Kanaafuu, namicha adii naannoo gurraachonni jiraatan biraa lafa qonnaa qabu tokko haasofsiisuudhaan lamaansaanii walii galan. Walgaʼii aanaa sanarratti obboloonni kallattii tokkoon, obboleessi adiin haasaa dhiheessummoo kallattii kan biraatiin akka taʼu godhame; gidduu isaaniimmoo dallaatu jira ture.

Naannoo Qoqqoodame Keessatti Dhugaa Baʼuu

 Sirna appaartaayidii jalatti bakki namoonni jiraatan sanyiidhaan kan qoqqoodame ture. Kanaafuu, naannoo tajaajilaa tokko keessa yeroo baayʼee namoota sanyii walfakkaatu qabantu jiraata. Sirni appaartaayidii Dhugaa Baatonni babalʼistoota tajaajilaaf yeroo qindeessan akkuma haalasaatti sirreeffama akka godhan isaan dirqisiisa ture. Fakkeenyaaf, naannoo tajaajilaa gumiidhaaf hin ramadamne keessatti yeroo tajaajilan haalli rakkisaan tokko tokko isaan mudata. Kiriish inni sirna appaartaayidii jalatti namoota Hindii keessatti ramadamu akkana jedheera: “Yeroo baayʼee naannoowwan namoonni adii hin taane buluu hin dandeenye nu mudatu turan. Kanaafuu, konkolaataa keenya keessa ykn muka jala bulla turre. Achiis ganama mana fincaanii buufata bobaʼaa keessa jiru deemnee dhiqanna. Yeroo tokko tokko garuu manneen fincaanii kunillee mallattoon, ‘Warra Adiif Qofa’ jedhu irratti barreeffama ture. Taʼus babalʼistoonni hinaaffaadhaan tajaajilaniiru; namoota fedhii qabanii fi naannoo baadiyyaa jiraatan hedduudhaafis lallabuun isaan gammachiisa ture.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa sanyii garaagaraa bara 1981​tti naannoo baadiyyaatti yeroo lallaban

 Haalawwan rakkisoon kun hundi jiraatanis sabni Yihowaa lakkoofsi isaanii dabaluusaa itti fufeera. Bara 1948 yeroo sirni appaartaayidii seera qabeessa turetti Afrikaa Kibbaa keessa babalʼistoota 4,831tu jira ture. Bara 1994 yeroo sirni appaartaayidii hafetti lakkoofsi babalʼistootaa 58,729 gaʼee ture. Lakkoofsi kunis dabaluusaa itti fufeera. Bara 2021​tti lakkoofsi babalʼistoota Afrikaa Kibbaa keessa jiranii 100,112 gaʼeera.

Jibbaan kan Marfaman Taʼus Jaalalaan Tokko Taʼaniiru

 Dhugaa Baatonni Yihowaa Afrikaa Kibbaa keessa jiran baroota sirni appaartaayidii turetti biyya qoqqoodinsa sanyiitiin beekamtu keessa jiraachaa turan. Biyya kana keessatti sanyii hundumaa gidduu jaalallii fi tokkummaan akka jiraatu gochuuf carraaqqii godhaniiru. Kanas kan godhan qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu barsiisuu fi hojiirra oolchuudhaani. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Jibbaan kan marfaman taʼus jaalalaan tokko taʼaniiru.—Yohaannis 13:34, 35.

 Bara 1993​tti Dhugaa Baatonni Yihowaa Afrikaa Kibbaa keessa jiran walgaʼiiwwan guguddaa namoonni sanyii garaagaraa irratti hirmaatan qopheessaniiru. Abbaan taayitaa Afrikaa Kibbaa beekamaan tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa buufata xiyyaaraa keessatti namoota addunyaa mararraa walgaʼiidhaaf dhufan yeroo gammachuudhaan simatanii fi hammatan argee ture. Akkana jedheera: “Akkuma keessan utuu tokko taanee yeroo dheeraa dura rakkina keenya furuu dandeenya turre.”

Miiltan Heenshal inni Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaarraa dhufe bara 1955​tti obboloota sanyii garaagaraa hedduu walitti qabamanii jiraniif yeroo haasaa dhiheessu

Bara 1986​tti obboleessi adiinii fi gurraachi waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Afrikaa Kibbaa keessatti yeroo waliin hojjetan

Dhugaa Baatota Toomaas Kosaanaa (karaa bitaa) fi Alfireed Isteenbargi jedhaman bara 1985 walgaʼii guddaa tokkorratti

Dhugaa Baatota Yihowaa sanyii garaagaraa bara 1985​tti walgaʼii guddaa tokkorratti nyaata dhiheessaa jiran

Dhugaa Baatota Yihowaa sanyii garaagaraa hedduu bara 2011​tti walgaʼii Johaanisbargi Istaadiyeemii FNB keessatti walitti qabaman

a Appaartaayidiin sirna namoonni sanyii garaagaraa taʼan gargar baʼanii akka jiraatan dirqisiisudha. Sirni appaartaayidii sanyii nama tokkoorratti hundaaʼuudhaan namni sun barnoota akkamii barachuu akka dandaʼu, hojii akkamii akka hojjetu, eessa akka jiraatuu fi nama akkamii akka fuudhu murteessa. Odeeffannoo dabalataatiif Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2007 (Ingiliffa) irraa mata duree “Appaartaayidiin Maalidha?” jedhu ilaali.

b Bara 1999 kaasee buusiin Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman godhan bakka barbaachisu hundatti Galma Walgaʼii ijaaruu fi suphuuf hojiirra oolaa tureera.