Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Buufata raadiyoo WBBR, 1924

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Misiraachicha Tamsaasuu

Misiraachicha Tamsaasuu

 Buufanni raadiyoo Barattoota Kitaaba Qulqulluu a WBBR jedhamu sagantaa tamsaasuu kan eegale Guraandhala 24, 1924, Dilbata galgaladha. Tamsaasni jalqabaa kun maal fakkaata ture? Eenyufaatu dhagaʼe? Dhugaa Baatonni Yihowaa “misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti” akka beekamu gochuuf teknooloojii ammayyaatti fayyadamuusaanii kan itti fufan akkamitti?—Maatewos 24:14.

Ogeessa teeknikaa WBBR keessatti hojjetu

“Saganticha Jalqabne”

 Tamsaasni inni jalqabaa galgala 2:30​tti eegalee saʼaatii lamaaf itti fufe. Sagantichi istuudiyoo haaraa Isteetan Aayilaandi, Niiwu Yoorki keessatti ijaarame keessaa dhihaata ture. Obboleessi tamsaasa sagalee toʼachaa turee fi Raalfi Leeflar jedhamu, namoonni istuudiyicha keessa turan hundi ‘baayʼee gammadanii fi naʼanii akka turan’ dubbateera. “Namoonni nu dhagaʼuu dandaʼuu laata?” jedhee yaaddaʼee ture. “Meeshaa sagalee ittiin tamsaasnu banee, wanti hundi akka milkaaʼu abdachuudhaan saganticha jalqabne” jedheera.

 Tamsaasa seena qabeessa sana kan beeksise obboleessa keenya Viiktar Shimiit isa buufata raadiyoo sana hogganaa turedha. Saganticha kan jalqabe namoota meeshaa muuziqaa taphatanii fi faarfattoota dandeettii qaban beeksisuudhaani; hundisaaniiyyuu Barattoota Kitaaba Qulqulluuti. Jalqabarratti, obboleessi tokko piyaanootti fayyadamee muuziqaa kilaasikaalii tokko taphate. Boodas, Kooraa Weelmaan faarfannaa, “Sagaltamii Salgan” jedhamu faarfatte; faarfannaan kun fakkeenya Yesuus hoolaa badde ilaalchisee dubbaterratti kan hundaaʼedha. (Luqaas 15:4-7) Ittaansuudhaan immoo muuziqaawwan kan biroon ni dhihaatan; isaan keessaa tokko faarfannaa fakkeenya waaʼee ilma badee ibsurratti hundaaʼee fi “Nama Gaabbe” jedhamudha; faarfannaa kana Fireediriik Firaanzitu faarfate.—Luqaas 15:11-25.

Sagantaa guyyaa jalqabaa WBBR

 Jooseef Raazarfoordi inni yeroo sanatti hojii Barattoota Kitaaba Qulqulluu geggeessaa ture haasaa buufata raadiyoo sana “faayidaa mootummaa Masiihichaatiif” murteessuuf qophaaʼe dhiheesse. Akkana jedhe: “Gooftaan ilmaan namootaa raadiyoo akka kalaqan waan heyyameef, mala kanatti fayyadamnee waaʼee raawwii raajiiwwansaa namoota akka barsiisnu akka barbaadu ifadha.”

“Jechi Tokkollee Na hin Darbine”

 Kaaba baha Yuunaayitid Isteetisitti namoonni hedduun tamsaasa isa jalqabaa dhagaʼaniiru. Dhaggeeffataan kiilomeetira 320 fagaatee Moorisviil, Vermoont keessa jiraatu tokko akkana jedhee gabaaseera: “Amma gabaasa kana yeroon dhiheessu gammachuu guddaatu natti dhagaʼama. . . . Keessumaa sagaleen Raazarfoordi baayʼee gaarii ture. . . . Jechi tokkollee na hin darbine.” Namni Montiseeloo, Filooridaa keessa jiraatullee saganticha dhaggeeffachuu dandaʼeera! Buufanni raadiyoo haaraan kun milkaaʼina guddaa argamsiiseera; namoonni baayʼeen xalayaa galataa erganiiru.

Jooseef Raazarfoordi istuudiyoo WBBR keessatti maayikiraafooniitti yeroo fayyadamu. Saganticha kan beeksise Viiktar Shimiiti

 Buufanni raadiyoo kun keessumaa kaaba baha Yuunaayitid Isteetisitti waggaa 33f b ergaa Mootummichaa tamsaasuusaa itti fufeera. Yeroo booda garuu WBBR buufatawwan kan biroo wajjin hojjechuudhaan dhaggeeffattoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Yuunaayitid Isteetis, Kaanaadaa fi biyyoota kan biroo keessa jiraatan sagantaa dhihaatu akka hordofan gumaacha godheera. Kitaabni Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1975 akkana jedhee gabaaseera: “Bara 1933​tti (bara lakkoofsi namootaa saganticha hordofanii guddaan itti galmaaʼe) ergaa keenya ardii jaʼa keessatti tamsaasuuf buufatawwan 408 faayidaarra oolaniiru; haasaawwan Kitaaba Qulqulluu 23,783 tamsaafamaniiru . . . Yeroo sanatti sagantaawwan Masaraa Eegumsaa takkaatti buufatawwan raadiyoo hedduu keessaa tamsaafama ture. Namoonni raadiyoo dhaggeeffatan hundi dubbii dhugaa Waaqayyoof ulfina fidu dhagaʼuu ni dandaʼu turan.”

Tajaajilli Manaa Gara Manaa Raadiyoo Caalaa Buʼaa Argamsiiseera

 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu WBBR fayyadamuu yeroo jalqabanitti lakkoofsi giddu galaa labsitoota Mootummichaa Yuunaayitid Isteetis keessa turanii 1,064 ture. Tamsaasni raadiyoo garee xinnoon kun misiraachicha namoota hedduudhaan akka gaʼu gargaarsa guddaa godheera. Haa taʼu malee, bara 1957​tti labsitoonni Mootummichaa Yuunaayitid Isteetis keessa turan giddu galeessaan 187,762 turan, addunyaa marattimmoo 653,273 turan. Leenjii walgaʼii gumiirraa argataniif galanni haa taʼuutii, obboloonnii fi obboleettonni hinaaffaa qaban kun tajaajila manaa gara manaa fi malawwan tajaajilaa kan biroorratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼanii turan.

 Jijjiirama gaarii argame kanaan kan kaʼe, obboloonni itti gaafatamummaa qaban tamsaasa raadiyoo fi tajaajila manaa gara manaa keessaa caalaatti buʼa qabeessa kan taʼe isa kam akka taʼe gamaaggamuuf murteessan. Sana boodahoo maaltu taʼe? Buufata WBBR gurguruuf murteessan; buufanni Waldaa Masaraa Eegumsaa yeroo sana ture isa kana qofadha. Ebla 15, 1957 buufatichi ni gurgurame. Guyyaa sana dura turetti tamsaasa addaa yeroo dhumaatiif dhihaaterratti Naataan Noor buufatichi kan gurguramu maaliif akka taʼe gaafatamee ture. Innis yeroo sanatti lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa dabalaa kan jiru adda durummaadhaan tajaajila manaa gara manaatiin kan kaʼe akka taʼe ibse. Akkana jedheera: “Tamsaasni WBBR jiraachuunsaa namoota hedduu fayyadeera. Taʼus, lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo tamsaasni WBBR itti dhagaʼamu caalaa naannoowwan kaanitti dabaleera.” Obboloonni raadiyoo caalaa tajaajilli manaa gara manaa buʼaa gaarii argamsiisa jedhanii kan murteessan kanaafi. Haa taʼu malee, tamsaasatti kan fayyadamne yeroo sana qofa miti. Waggoota hedduu booda akka haaraatti deebinee itti fayyadamuu jalqabneerra.

Tamsaasa Yeroo Harʼaa

 Onkoloolessa 6, 2014 jaarmiyaa Yihowaa keessatti guddinni nama gammachiisu tokko ni mulʼate: buufanni televizyinii intarneetii JW Biroodkaastiingii jedhamu ni jalqabe. Dhugaa Baatonni Yihowaa fi namoonni kaan tamsaasa jiʼa jiʼaan dhihaatu karaa intarneetii, appilikeeshinii JW Library, meeshaalee sagantaa tamsaasanii ykn karaa saatalaayitii hordofuu ni dandaʼu. c Kutaa addunyaa tokko tokkotti garuu sabni Yihowaa ammayyuu raadiyoo fi televizyiniitti akka gaariitti fayyadamaa jiru. Akkamitti?

Tamsaasa JW Biroodkaastiingii isa jalqabaa, Onkoloolessa 2014

 Waggoota dhihoodhaa asitti jaarmiyaan Yihowaa naannoowwan intarneetiin gaariin hin jirretti walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa tamsaasuuf buufatawwan raadiyoo fi televizyinii dhaabbilee garaagaraatti fayyadamaa jira. Namoota waaʼee Kitaaba Qulqulluu caalaatti barachuuf fedhii qaban dabalatee, namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hedduun tamsaasawwan kana hordofuu dandaʼaniiru. Fakkeenyaaf, bara 2021 hanga 2022​tti hoggantoonni buufata raadiyoo, namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hedduun dinqisiifannaa walgaʼiiwwan keenyaaf qaban akka ibsan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Afriikaa Bahaatti argamuuf gabaasaniiru. Dhaggeeffattoonni Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Taanzaaniyaa keessa jiraatan tokko tokko namni tokko Kitaaba Qulqulluu akka isaan qoʼachiisullee gaafataniiru.

 Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa Mootummichaa addunyaa maratti babalʼisuuf adda durummaadhaan tajaajila manaa gara manaa, gaarii barreeffamaa fi weebsaayitii jw.org fayyadamu. Namoonni fedhii qaban weebsaayitiin keenyatti fayyadamanii Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan afaanota 1,080 oliin kaffaltii malee argachuu dandaʼu. Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffii qabaniif deebii argachuu, akkasumas walgaʼiiwwan keenya eessattii fi yoom akka geggeeffaman beekuu ni dandaʼu. Kanaan kan kaʼes, yeroo kamiyyuu caalaa amma namoonni hedduun misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo barachuun isaaniif salphateera! Dhugumayyuu, akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatametti misiraachichi “guutummaa lafaa irratti” lallabamaa jira.—Maatewos 24:14.

a Bara 1931​tti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu jalqaban.

b Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo muraasaaf Awustiraaliyaa fi Kaanaadaa dabalatee biyyoota kan biroo keessattis buufata raadiyoo qabu turan.