Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Rakkinni Dinagdee Jiraatus Yihowaa Tajaajiluu

Rakkinni Dinagdee Jiraatus Yihowaa Tajaajiluu

 Biyyoota hedduutti, qaalaʼiinsi jireenyaa garmalee ol kaʼuun isaa, Dhugaa Baatota Yihowaa dabalatee namootatti jireenyi akka ulfaatu gochaa jira. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa kanaan garmalee dhiphachuu mannaa, Yihowaan tajaajiltoota isaa ‘matumaa akka hin ganne’ beekuun isaanii isaan jajjabeessa. (Ibroota 13:5) Waadaa gale kanas irra deddeebiʼee raawwateera. Kanas Filippiinsi bakka ammayyuu namoonni hedduun hiyyummaadhaan jiraatanitti raawwateera. Keessumaammoo bara 1970mmanii fi 1980mmaniitti biyyattiin kun yeroo baayʼee rakkisaa taʼe dabarsiteetti.

 Obboleettiin Viikii a jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko nyaata dhabuu kootiin kan kaʼe, nan booʼan ture. Yeroowwan ruuzii, ashaboo fi bishaan qofa itti qabaannu tokko tokko jira ture.” Obboleessi Filooresiyoo jedhamummoo hojii argachuu hin dandeenye ture. Akkana jedheera: “Shamizii sadii fi bolaalee sadii qofan qaba ture; yeroon walgaʼii gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa irratti argamu isuma jijjiiruudhaanan uffadha ture.” Maarree tajaajiltoonni Yihowaa haala kana kan dandamatan akkamitti? Karaa hafuuraa jabaatanii akka jiraatan kan isaan gargaare maalidha? Fakkeenyi isaanii yeroo harʼaatti haalli rakkisaan yommuu nu mudatu kan nu gargaaruu dandaʼuhoo akkamitti?

Yihowaatti Amanamaniiru

 Dhugaa Baatonni Yihowaa Filippiinsi keessa jiraatan, yeroo baayʼee rakkisaa taʼe kanatti Yihowaan akka isaan kunuunsu amanannaa guutuu qabu turan. (Ibroota 13:6) Yeroo baayʼee karaa isaan hin eegneen isaan kunuunsaa ture. Fakkeenyaaf, obboleettiin Seesiil jedhamtu haala ture yaadachuudhaan akkana jetteetti: “Ruuzii qabnu isa dhumaa ciree keenyaaf erga qopheessinee booda, maatiin keenya inni miseensa afur qabu waan nyaatu hin qabu ture. Kanaafuu, Yihowaan wanta guyyaa sanaaf nu barbaachisu akka nuu kennu ni kadhanne. Utuma ciree keenya nyaachaa jirruu, obboleessi tokko ruuzii kiiloo shan nuu fidee dhufe. Eebba Yihowaan nuuf kenne kanaaf galateeffannaa fi gammachuudhaan boonye. Muuxannoowwan wal fakkaataa hedduus qabna.”

 Kana malees, tajaajiltoonni Waaqayyoo ogummaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe hojii irra ni oolchu. (Fakkeenya 2:6, 7) Fakkeenyaaf, obboleettiin reefuu cuuphamtuu fi Arseelitaa jedhamtu jirti turte; yeroo sanatti qeenxee kan turte taʼuu ishii irrayyuu, jireenyi akka ishiitti ulfaate wanta gaaraa ishii keessa jiru Yihowaatti himatte. Achiis yaada Fakkeenya 10:4 irra jiruu fi “Harki hojii hiike hiyyummaa fida, harki jabaatee hojjetu garuu sooruma argamsiisa” jedhu irratti xiinxalte. Yaada kanaa wajjin haala wal simuun, muduraa tokko tokko dhaabuuf murteessite. Akkana jetteetti: “Yihowaan dhugumaan carraaqqii koo naaf eebbiseera. Nyaata na barbaachisu akkan argadhu na gargaaruu isaa irrayyuu, baasii geejjibaa koo akkan dandaʼu na gargaareera.”

Walitti Qabamuu Isaanii hin Dhiisne

 Kana malees, obboloonni maallaqa lafa bitanii ittiin Galma Walgaʼii ijaaran hin qaban turan. Taʼus, kun ajaja wal jajjabeessuuf akka walitti qabaman isaaniif kennameef akka hin ajajamne gufuu akka isaanitti taʼu hin heyyamne. (Ibroota 10:24, 25) Sirreeffama barbaachisu godhaniiru. Fakkeenyaaf, obboleettiin Dibooraa jedhamtu wanta yaadattu akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Jaʼaan keenya mana citaa anii fi qajeelchituun naa wajjin tajaajiltu ijaarre keessatti walgaʼii godhanna turre. Baala fuduraa niipaa paalmi jedhamu baaxii isaatiif, girgiddaa isaatiifimmoo baala kokonaatii, akkasumas taaʼumsaaf jirma muka meexxii fayyadamne.”

 Haa taʼu malee, yeroo baayʼee walgaʼiin kan godhamu manneen dhuunfaa keessattidha. Obboleettiin Varjiiniyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Manni keenya ishiin xinnoon citaa fi leemmana irraa hojjetamte. Yeroo hundumaa Sanbadduraa walgaʼii guyyaa ittaanu godhamuuf, miʼa mana keessaa iddoo iddootii kaasuu qabna turre.” Manni kan biraanimmoo baaxiin isaan ni dhimmisa ture. Obboleessi Nooʼeel jedhamu akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Yeroo bokkaan roobu iddoo dhimmisu baaldii keenya turre. Haa taʼu malee, obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin Yihowaa waaqeffachaa waan turreef, haalli rakkisaan kun nutti hin mulʼatu ture.”

Hinaaffaa Tajaajilaaf Qaban Utuu hin Hirʼisin Itti Fufaniiru

 Dhugaa Baatonni Yihowaa harka qalleeyyii taʼuun isaanii, hinaaffaa tajaajilaaf qaban akka laaffisu hin heyyamne. Liindiinoo ishiin odola Neegroos jedhamu keessa jiraattu haala ture yaadachuudhaan akkana jetteetti: “Maatiin koo hedduu kan turee fi kan hojjetu abbaa koo qofa waan tureef, maallaqa geejjibaaf nu barbaachisu kan argannu yeroo hunda hin turre. Kanaafuu, yeroo baayʼee gara naannoo tajaajilaa keenya miillaan deemna turre. Garuu maatiin keenya waliin deemuun isaa baayʼee nama gammachiisa ture. Kana malees, carraaqqiin keenya Yihowaa akka gammachiisu beekna turre.”

Rakkinni Dhugaa Baatonni Yihowaa lallabuu isaanii akka dhaaban isaan hin taasisne

 Rakkinni hunda irra caalummoo lallabuuf bakkawwan fagoo, gaarri itti baayʼatuu fi geejjiba xinnoo qabu ykn geejjiba hin qabne dhaqanii lallabuudha. Eestar ishiin odola Luuzoon jedhamu keessa jiraattu akkana jetteetti: “Gareen Dhugaa Baatotaa 6 hanga 12 taʼe kiilomeetira hedduu deemuu waan qabnuuf ganamaan baana. Achiis guyyaa guutuu lallabaa oolla. Nyaata bilcheeffanee fudhannee deemne, gaaddisa mukaa jala teenyee nyaanna. Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko waan nyaatan kan hin qabne taʼanis ni dhufu turan. ‘Hin yaaddaʼinaa. Nyaata hunda keenyaaf gaʼu qabna’ jennaan turre.”

 Yihowaan obboloota fedhii ofii isaanii aarsaa godhan kana guddaa eebbiseera. Fakkeenyaaf, bara 1970​tti, babalʼistoonni Filippiinsi keessa turan 54,789 turan. Bara 1989​tti, lakkoofsi isaanii dachaadhaan dabalee 102,487 taʼeera. Bara 2023​ttimmoo, lakkoofsi labsitoota Mootummichaa Filippiinsi keessa jiranii 253,876 taʼeera.

“Hiyyummaan Yihowaa Akka Jaallannu Nu hin Dhorkine”

 Dhugaa Baatonni Yihowaa rakkinni dinagdee cimaan kan isaan mudate taʼullee, gammadoo turan; akkasumas hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa turan. Obboleessi Antooniyoo jedhamu, “Hiyyummaan Yihowaa akka jaallannu nu hin dhorkine” jedheera. Obboleettiin Fee Abaad jedhamtummoo akkana jetteetti: “Anii fi abbaan manaa koo rakkinni dinagdee yeroo nu mudatetti, caalaatti Yihowaatti dhihaanneerra; akkasumas jireenya salphaa jiraachuudhaan gammachuu argachuu dandeenyeerra. Kanaan kan kaʼes, ijoolleen keenya Yihowaatti amanamuu barataniiru.”

 Luusiilaa ishiin Odola Saamaar jedhamu jiraattu akkana jetteetti: “Hiyyummaan Yihowaa akka hin tajaajille gufuu hin taʼu. Waaqayyoof dursa yoo kennine, waan qabnutti gammannee jiraanna, akkasumas ilaalcha gaarii qabaanna. Namoonni ani Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiise Yihowaa beekuu isaanii fi yeroo booda anaa wajjin qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu isaanii arguun koo na gammachiiseera.”

 Wanta gara fuulduraatti nu eeggatu beekuu baannus, wanta jaarsi Rodoolfoo jedhamu akkana jedhee barreesse haa qalbeeffannu: “Yeroo rakkisoo bara 1970mmanii fi bara 1980mmaniitti jiraachaa turetti, jireenya koo keessatti deggersaa fi jaalala Yihowaa argeera. Maallaqa baayʼee xinnoo qofa kanan qabu taʼullee, hiyyeessa akkan taʼe natti dhagaʼamee hin beeku. Yihowaan akka gaariitti na kunuunsaa ture. Amma jireenya hunduma irra caalu jiraachaan jira; gara fuulduraattimmoo “jireenya isa dhugaa” isa Jannata dhufu keessatti jiraadhu hawwiidhaan eeggachaan jira.—1 Ximotewos 6:19.

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.