Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Yeroo Rakkisaa Taʼetti Yihowaatti Maxxananii Jiraataniiru

Yeroo Rakkisaa Taʼetti Yihowaatti Maxxananii Jiraataniiru

 Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Awurooppaan harki caalaan ishii barbadooftee turte. Wanti gaariin raawwatame kan biraan, Dhugaa Baatonni Yihowaa fi namoonni kan biroon kaampii mana hidhaa Naazii hojiin humnaa itti hojjetamu keessaa gadhiifamuu isaaniiti. Haa taʼu malee, jireenyi isaaniif salphaa hin turre. Akkuma namoota hedduu kaanii sabni Yihowaas nyaata, uffata, bakka jireenyaa fi wantoota buʼuuraa kan biroo hin qaban turan. Obboleettiin keenya Kaaren Hartuun, “Hanqinni bakka jireenyaa cimaan waan jiruuf, namoonni hundi firoota isaanii bira ykn mana isaanii kireeffatanii jiraachuuf dirqamanii turan” jetteetti. Yeroo muraasaaf obboleettiin keenya Geertiruut Pootitsiingar ishiin mana hidhaa hojiin humnaa itti hojjetamu keessa waggaa torbaa fi walakkaa turte, mana kuusaa manaa alatti ijaarame keessa barcuma tokko irra ciisti turte. a

 Wanta karaa qaamaa obboloota naannoo waraanaan miidhame kana keessa jiran barbaachisu guutuuf wanti raawwatame maalidha? Obboloota yeroo waraanaa rakkisaa taʼe sana booda jiraatan irraahoo maal baranna?

Wanta Karaa Qaamaa Obboloota Barbaachisu Guutuu

 Jaarmiyaan Yihowaa saba Waaqayyoo Awurooppaa jiran gargaaruuf dafee tarkaanfii fudhateera. Wanta Dhugaa Baatota Yihowaa barbaachisu beekuuf, waajjira muummee irraa obboloonni keenya Naataan Noorii fi Miiltan Heenshel gara kana deemanii turan. Bara 1945 jiʼoota Sadaasaa fi Muddeetti, Ingilaandi, Siwiizarlaandi, Faransaayi, Beeljiyam, Neezarlaandi, Deenmaarki, Siwiidin, Fiinlaandii fi Noorweeyi dhaqaniiru. Obboleessi keenya Noor, “Yeroo jalqabaatiif badiisa guddaa waraanichi geessise ijuma keenyaan arguu dandeenyeerra” jechuudhaan gabaaseera.

Obboleessi keenya Naataan Noor Muddee 21, 1945​tti Dhugaa Baatota Yihowaa Heelsiinki, Fiinlaandi jiran haasofsiiseera

 Obboleessi keenya Noor yeroo sanatti gara Jarman seenuuf heyyama hin arganne ture. Haa taʼu malee, Eeriik Firoosti inni hojii waajjira damee jaarmiyichaa Jarman jiru olaantummaadhaan toʼatu Jarman irraa gara isaa deeme. b Obboleessi keenya Eeriik akkana jedhee gabaaseera: “Obboleessi keenya Noor gorsa qabatamaa kan nuuf kenne taʼuu isaa irrayyuu, wantoota akka nyaataa fi uffataa akka nuuf ergan waadaa gale. Utuma baayʼee hin turin, daakuun, zayitiin, ootmiilii fi nyaanni kan biroo feʼame hedduun Jarman gaʼan. Obboloonni biyyoota alaa jiran, uffata guutuu, uffata keessaa fi kophee dabalatee, saanduqoota guguddaa uffata qabatan erganiiru.” Obboloonnii fi obboleettonni miʼoota kana argachuu isaanitti kan galateeffatan taʼuu isaa irrayyuu booʼaniiru. Kana malees, gabaasni tokko akka jedhetti, “obboloonni kun gargaarsa kan ergan yeroo tokkoof qofa miti. Miʼoonni gargaarsaa gara waggaa lamaa fi walakkaatiif ergamuu isaanii itti fufaniiru!” c

Dhugaa Baatonni Yihowaa Yuunaayitid Isteetis jiran uffata walitti qaban feʼanii gara Awurooppaatti yommuu ergan

Dhimmoota Hafuuraa Irratti Xiyyeeffachuu Isaanii Itti Fufaniiru

 Haalli jireenyaa isaanii fooyyaʼaa yommuu deemu, obboloonni dhimmoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu isaanii itti fufan. Wanti kana gochuuf isaan gargaare maalidha?

Obboleessi keenya Yuurgan Ruundal (fuuldura bitaa) bara 1954​tti obboloota gumii Shipiitaal an der Diraaw isa Ostiriyaatti argamuu wajjin

 Barsiifata hafuuraa gaarii qaban eeganii itti fufaniiru. (Efesoon 5:15, 16) Yeroo waraanaa sanatti, obboloonni barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan argachuu fi tajaajila Yihowaa irratti yeroo hunda hirmaachuun isaanitti ulfaatee ture. Waraanicha booda garuu, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa fi hojiin lallabaa akkuma isaa duraaniitti deebiʼe. Yuurgan Ruundal inni Ostiriyaa jiraatu akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Barreeffamni Iinfoormaanti d jedhamuu fi daawwattoonni olaanaa keenya dammaqinaan barsiifata hafuuraa keenyatti akka deebinu nu jajjabeessaniiru.” Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Yihowaa, Yesuus, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa keenyaa fi tajaajila keenya irratti xiyyeeffannee turre. Wantoonni xiyyeeffannaa namaa hihiran kanneen akka televizyinii hin jiran turan.”

 Obboleettiin keenya Ulriike Kirolop akkana jetteetti: “Mata duree Kitaaba Qulqulluu tokko irratti gad fageenyaan qorannaa godhee irratti yommuun xiinxalu, gammachuu natti dhagaʼame yoom iyyuu hin irraanfadhu. Gama kanaan, abbaan manaa koo fakkeenya guddaa naaf taʼeera. Barruun Masaraa Eegumsaa haaraan yommuu nu dhaqqabu hundatti, wanta hojjechaa jiru kamiyyuu gidduutti dhaabee qoʼata ture.” Kaaren ishiin olitti caqasamtee turte wanta yaadattu akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Yeroo waraanaa sanatti, qabeenyi saffisa guddaadhaan akka badu argineerra. Nyaanni hafuuraa garuu muraasa kan ture taʼus dhufuu isaa itti fufeera. Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan kiiseera.”

Ulriikee Kirolop

 Deebiʼanii lallabuu jalqabaniiru. (Maatewos 28:19, 20) Waraanichi bilisummaa sabni Yihowaa hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hirmaachuuf qaban daangessee ture. Obboleessi Firiidihelmi jedhamu waraana sana booda, “namni hundi yeruma sana tajaajilatti deebiʼe” jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera. Ulriikeen akkana jechuudhaan wanta yaadattu dubbatteetti: “Dhugaa Baatuun Yihowaa jalqaba ergaa Mootummichaa maatii abbaa manaa kootti hime yuunifoormii mana hidhaa hojiin humnaa itti hojjetamu keessatti uffatamu akkuma uffatetti ture! Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, lallabuu kan jalqabe akkuma mana hidhaatii gadhiifameen ture.” Yuurgan akkana jedheera: “Waraanicha booda, namni hundi hinaaffaadhaan kan guutame ture. Obboloonnii fi obboleettonni dargaggoota taʼan hedduun tajaajila yeroo guutuu keessa seenaniiru.”

 Ulriikeen, “Haalli magaalaawwan boombiidhaan barbadeeffaman keessa ture baayʼee nama sodaachisa ture” jetteetti. Namoonni hedduun gamoowwan jijjigan keessa jiraatu turan! Maarree Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota lallabaniif eessaa argatan? Ulriikeen ishiin maatiin ishii waraanicha booda dhugaa dhagaʼan, “Bakka ibsaan jiru ykn aarri ol aaru barbaanna ture” jechuudhaan wanta yaadattu dubbatteetti.

 Wal jajjabeessaniiru. (1 Tasalonqee 5:11) Yeroo waraanichi geggeeffamaa turetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun hacuucamaniiru. Haa taʼu malee, waraanicha booda wanta isaan irra gaʼe irratti xiyyeeffachuu mannaa wal jajjabeessaa turan. Amantiin isaanii inni “qoramee ilaalame” madda gammachuu guddaa isaaniif taʼeera. (Yaaqoob 1:2, 3) Yohaannis inni yeroo ammaatti Yuunaayitid Isteetis jiraatu akkana jedheera: “Ilaaltuun olaanaa aanaa keenya, inni mana hidhaa hojiin humnaa itti hojjetamutti hidhamee ture, seenaawwan nama jajjabeessanii fi Yihowaan obbolootaa fi obboleettota akkamitti akka gargaare ibsan hedduu nutti himeera. Gabaasawwan akkasii amantii keenya baayʼee nuuf cimsaniiru.”

 Yohaannis “Yihowaan kaampii sana keessatti akkamitti akka isaan gargaaree fi kadhannaa isaanii akkamitti akka isaaniif deebise yaadachuudhaan,” yeroo waraanichi dhaabbatu obboloonni hariiroo cimaa Yihowaa wajjin qaban eeganii akka itti fufan dubbateera. Akkuma olitti ibsame, Dhugaa Baatonni bilisa baʼanii fi barsiifatawwan isaanii kanneen akka yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu fi tajaajila diree irratti hirmaachuu jiran eeganiis itti fufaniiru. Elizaabeet ishiin walgaʼii guddaa Nuurambargitti bara 1946​tti godhame irratti argamtee turte, obboloonnii fi obboleettonni bilisa baʼan “amma iyyuu huuqqatoo fi dadhaboo fakkaatu turan” jechuudhaan wanta yaadattu dubbatteetti. “Taʼus yeroo muuxannoo isaanii nutti himan ‘hafuuraan kan gubatan’ turan.”—Roomaa 12:11.

Kaaren Hartuun

 Kiristiyaanota hidhata isaanii taʼanitti maxxananii jiraataniiru. (Roomaa 1:11, 12) Yeroo waraanichaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa ariʼatamni cimaan waan tureef bilisummaadhaan yeroo waliin hin dabarsan turan. Kaaren, “Kiristiyaanota hidhata isaanii taʼan balaadhaaf akka hin saaxilleef, yeroo baayʼee wal hin gaafatan” jetteetti. Waraanichi erga dhaabbatee booda garuu wanti hundi jijjiirameera. Firiidiheelmi akkana jedheera: “Obboloonni wantoota hunda waliin raawwatu turan. Hunda caalaa walgaʼiiwwanii fi tajaajilli yeroo hunda dursi ni kennamaaf ture.”

 Waraanichi dhaabatee utuma baayʼee hin turin wanta yeroo sana ture ilaalchisee Diiʼetrich inni jaarsi gumii taʼee fi Jarman jiraatu akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa konkolaataa qaban baayʼee muraasa turan. Gara walgaʼiiwwanii kan deemnu miillaan ture. Garuu gareedhaan deemna turre. Yeroo hunda haala kanaan waliin taʼuun keenya hariiroo keenya caalaatti nuuf cimseera. Maatii tokko akka taane nutti dhagaʼama ture.”

Barumsa Argannu

 Yeroo harʼaatti, tajaajiltoonni Yihowaa hedduun miidhaa balaawwan uumamaa, dhukkubni, waraanni, ariʼatamnii fi qaalaʼiinsi jireenyaa geessisu dandamachaa jiru. (2 Ximotewos 3:1) Taʼus, garmalee dhiphachuu hin qabnu. Maaliif? Fakkeenyi obbolootaa fi obboleettota keenya amanamoo bara bulchiinsa Naaziitti turanii, Waaqni keenya guyyoota dhumaa ulfaatoo taʼan kanatti nu gargaaruu isaa akka itti fufu nuuf mirkaneessa. Kanaafuu ilaalcha Phaawulos ergamaa isa, “Ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?’” jedhee barreessee haa qabaannu.—Ibroota 13:6.

a Seenaa jireenyaa obboleettii keenya Pootitsiingar, mata duree “Waraanicha Booda Jarman Keessatti Mootummichaaf Dursa Kennuu” jedhu Ingiliffaan akka dubbistu si jajjabeessina.

b Seenaa Jireenya obboleessa keenya Firoosti isa mata duree, “Amantii Waaqayyoo Irratti Qabaniin Qorannaa Bulchiinsa Abbaa Irree Irraa Ooluu” jedhu qabu Ingiliffaan akka dubbistu si jajjabeessina.

c Hojii gargaarsaa Waraana Addunyaa Lammaffaa booda kenname ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, mata duree “Wantoota Qaban Keessaa Isa Hundumaa Irra Caalu Kennaniiru” jedhu, akkasumas kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhamu saanduqoota fuula 211, 218 fi 219 irra jiran akka dubbistu si jajjabeessina.

d Gumiiwwan amma jiran Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii fayyadamu.