Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Namoota Addunyaa Mara Irra Jiran Dubbisuu fi Barreessuu Akka Baratan Gargaaruu

Namoota Addunyaa Mara Irra Jiran Dubbisuu fi Barreessuu Akka Baratan Gargaaruu

 Agoostinoo inni Biraazil jiraatu akkana jedheera: “Kanan guddadhe baadiyaatti dha. Baayʼee hiyyeeyyii turre. Hojii hojjedhee maatii koo gargaaruuf jecha barumsa addaan kutuuf dirqameen ture.” Agoostinoon dubbisuu fi barreessuu kan barate umurii isaa waggaa 33⁠tti ture. “Dubbisuu fi barreessuu barachuun koo kabajan ofiif qabu caalaatti akka guddatu na gargaareera” jedheera.

 Agoostinoon namoota Dhugaa Baatonni Yihowaa waggoottan 70 darbanitti dubbisuu fi barreessuu barsiisan 250,000 ol taʼan keessaa isa tokko dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsa akkasii kan kennan maaliifi? Namoonni barumsa kana hordofan hoo faayidaa akkamii argataniiru?

Dubbisuu fi Barreessuu Wallaaluun Dandeettii Barachuu Hirʼisa

 Dhugaa Baatonni Yihowaa walakkeessa 1930⁠niitti, biyyoota 115⁠tti lallabaa turan. Namoota qooqa adda addaa dubbataniif lallabuuf jecha misiyoononni haasaawwan Kitaaba Qulqulluu hiikamanii waraabaman taphachiisu, yeroo tokko tokko immoo barreeffamoota qooqa naannoo sanaatiin qophaaʼan raabsu turan. Namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii kan argisiisan taʼus, hedduun isaanii dubbisuu fi barreessuu kan hin dandeenye taʼuun isaanii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun akka isaanitti ulfaatu godheera.

 Kitaaba Qulqulluu ofuma isaaniitiin dubbisuu dadhabuun isaanii, qajeelfama achi keessa jiru akkamitti hojii irra akka oolchan hubachuun akka isaanitti ulfaatu godheera. (Iyaasuu 1:8; Faarfannaa 1:2, 3) Itti gaafatamummaa Kiristiyaanaa isaanii raawwachuunis akka isaanitti ulfaatu godheera. Fakkeenyaaf, warri dubbisuu kan hin dandeenye yoo taʼan ijoollee isaanii barsiisuun qabsoo guddaa isaanitti taʼa. (Keessa Deebii 6:6, 7) Dhugaa Baatonni haaraan dubbisuu hin dandeenye, dandeettiin isaan yeroo warra kaan barsiisan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuuf qaban ni daangeffama.

Duula Dubbisuu fi Barreessuu Jalqabuu

 Bara 1940⁠nii fi 1950⁠niitti, namoonni hojii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dura buutota taʼan Naataan Noorii fi Miiltan Heenshel hojii lallabaa qindeessuu irratti isaan gargaaruuf biyyoota gara garaatti imalanii turan. Waajjiroonni damee biyyoota namoonni dubbisuu fi barreessuu hin dandeenyeetti argaman, gumiiwwan dubbisuu fi barreessuu akka barsiisan qophii akka godhan jajjabeessanii turan.

Bara 1954⁠tti, Chiingoolaatti walgaʼii guddaa Zaambiyaatti godhame irratti birooshurri dubbisuuf gargaaru Afaan Siinyaanjaatiin qophaaʼe yommuu baʼu

 Waajjiroonni damee akkaataa barumsichi itti kennamu ilaalchisee gumiiwwaniif qajeelfama kennaniiru. Biyyoota tokko tokkotti, mootummaan qophii dubbisuu fi barreessuuf godhe waan jiruuf isa fayyadamu turan. Fakkeenyaaf, Biraaziilitti waajjirri damee, mootummaa irraa kitaabota barataa fi meeshaalee barumsaa kan biroo fudhatee gumiiwwaniif ergeera. Biyyoota kaanitti garuu, Dhugaa Baatonni ofuma isaaniitii sagantaa dubbisuu fi barreessuu qopheeffachuu isaan barbaachiseera.

 Barumsa kana dhiira, dubartii, ijoollee fi maanguddoo utuu hin jedhin namni hundi irratti hirmaachuu dandaʼa ture. Kaayyoon isaa namoonni afaan dhalootaa isaaniitiin dubbisuu barsiisuu dha; barumsi kun gumii tokko keessatti qooqa adda addaatiin yeroon itti kennamu illee jira ture.

Sagantaa Namoota Gargaare

 Namoonni barumsa kennamu kana irraa kan fayyadaman akkamitti? Dhugaa Baatuun Meeksikoo jiraattu tokko akkana jetteetti: “Amma wantan Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisu hubachuu nan dandaʼa, kun immoo garaan koo akka tuqamu godha. Dubbisuu dandaʼuun koo, ollaawwan kootti bilisummaadhaan akkan dubbadhuu fi ergaa Kitaaba Qulqulluu namoota hedduutti himuu akkan dandaʼu na gargaareera.”

 Sagantaan dubbisuu fi barreessuu kun namoonni ergaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruu malees faayidaawwan hedduu argamsiisa. Ayizaak inni Burundii jiraatu akkana jedheera: “Dubbisuu fi barreessuu dandaʼuun koo ogummaa hojii ijaarsaa akkan baradhu na gargaareera. Kanaan kan kaʼes hojiin ijaarsaa hojii koo taʼe, amma hojiiwwan ijaarsaa guguddaan toʼadha.”

Bara 2014⁠tti, Galma Walgaʼii magaalaa Biloongwee Maalaawwiitti Afaan Chicheewwaatiin barumsi utuu kennamaa jiruu

 Jesuusaa ishiin Peeruu jiraattu yeroo dubbisuu fi barreessuu barattu umuriin ishii waggaa 49 ture. Akkana jetteetti: “Haadha manaa waanan taʼeef, akaakuu fi gatii miʼawwan gabaa irratti dhihaatanii dubbisuun na barbaachisa. Kanaan dura akkana gochuun natti ulfaata ture. Sagantaa dubbisuu fi barreessuu barsiisuutiif galanni haa taʼuutii, amma maatii kootiif wantoota na barbaachisan bituun salphaa naaf taʼeera.”

 Waggoota darbanitti, abbootiin taayitaa biyyota adda addaa jiran carraaqqii Dhugaa Baatonni sagantaa dubbisuu fi barreessuu babalʼisuuf godhaniif isaan galateeffataniiru. Yeroo ammaattis, Dhugaa Baatonni Yihowaa sagantaa dubbisuu fi barreessuu qabu; tooftaaleen ittiin barsiisan waggaatii gara waggaatti fooyyaʼaa jira. Kana malees, namoonni dubbisuu akka baratan ykn namoota barumsi isaanii gad aanaa taʼe gargaaruuf jecha birooshuroota gara miliyoona 224 taʼan qooqa 720n qopheessaniiru, akkasumas maxxansaniiru. a

a Fakkeenyaaf, birooshurri Dubbisuu fi Barreessuu Baradhu jedhamu afaan 123n, birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu immoo afaan 610n qophaaʼeera.