Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Dhugaa Baatonni Yihowaa Niiwu Ziilaandi—Nagaa Qabeeyyii fi Kiristiyaanota Waaqayyoof Bulanidhaa?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Niiwu Ziilaandi—Nagaa Qabeeyyii fi Kiristiyaanota Waaqayyoof Bulanidhaa?

 Onkoloolessa 21, 1940⁠tti, Niiwu Ziilaandi, Dhugaa Baatota Yihowaatiif jaarmiyaa fincilaa taʼee fi nageenya hawaasaatiif sodaachisu maqaa jedhu kennite. Dhugaa Baatonni Yihowaa, dhorkaa mootummaan baaseen kan kaʼe rakkinni baayʼeen isaan irra gaʼus, harka hin kennine. Fakkeenyaaf, tasa qabamuu fi toʼannaa jala ooluu akka dandaʼan kan beekan taʼus, waaqeffannaaf walitti qabamuu isaanii itti fufanii turan.

 Aandii Kilaarki abbaa manaa Dhugaa Baatuu Meerii jedhamtuu ti; Aandiin haati manaa isaa haala sodaachisaa sana keessatti walgaʼii irratti argamuuf murteessuu ishii hubate. Haati manaa tiyya walgaʼii irra oduma jirtuu qabamuu dandeessi jedhee sodaate. Kanaafuu, Aandiin sana dura walgaʼii irratti argamuu kan hin amaleeffanne taʼus, Meerii wajjin walgaʼii irratti argamuu jalqabe. “Yoo si qaban anas qabuu qabu” jedheen. Aandiin yeroo sanaa jalqabee haadha manaa isaa wajjin walgaʼii hunda irratti argama ture. Yeroo booda innis Dhugaa Baatuu cuuphame taʼeera. Meeriin Dhugaa Baatota yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa, Niiwu Ziilaanditti utuma ariʼatamni jiruu Waaqayyoof amanamoo taʼanii itti fufuuf murteessan keessaa tokko dha.

Mana Hidhaatti Sochii Hafuuraa Gochuu

 Gaaf tokko, Joon Marii inni umuriin isaa waggaa 78 taʼe manaa gara manaa deemee waaʼee Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbatu poolisiin isa dhaabsise. Achiis, manni murtii sochii jaarmiyaan fincila kaasu irratti hirmaateera jedhee isa yakke. Dhugaa Baatonni kan biraa baayʼeenis mana murtiitti geeffamanii turan; isaan keessaa tokko tokko maallaqaan adabaman, kaan immoo hanga jiʼa sadiitti hidhamaniiru.

 Dhugaa Baatonni, qalbii isaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼeen kan kaʼe, tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu didan. (Isaayaas 2:4) Kanaan kan kaʼes, yeroo waraanichaatti baayʼeen isaanii loltuu taʼanii akka tajaajilan yeroo gaafatamanitti rakkinni guddaan isaan irra gaʼeera. Yeroo waraanichaatti, obboloonni gara 80 loltuu taʼuuf leenjifamuu mannaa kaampiitti geeffamaniiru. Iddoo kanatti obboloonni kun karaa sirrii hin taaneen kan qabamanii fi qorra cimaadhaan kan miidhaman taʼu illee, gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.

 Obboloonni kaampii sana keessa jiran, yeruma sana walgaʼii fi tajaajila dirree dhaabbataa gurmeessaniiru. Yeroo hunda walgaʼii gochuu fi namoota mana hidhaa sana jiraniif lallabuudhaan akkuma gumiitti sochii godhu turan. Kaampiiwwan tokko tokko keessatti Dhugaa Baatonni utuma eegduun jiruu walgaʼii guguddaa iyyuu godhachuun isaaniif heyyamamee ture. Sirreeffamtoonni tokko tokko kaampiiwwan sana keessatti dhugaa Kitaaba Qulqulluu baratanii achumatti cuuphamaniiru.

Dhugaa Baatonni mana hidhaa jiran Mana Barumsaa Tajaajilaa Tiʼookiraasii qindeessanii turan

 Ilmi quxusuun Maariyaa fi Aandii warra jalqaba irratti caqasamanii, manni hidhaa karaa hafuuraa barumsa dabalataa argachuuf carraa gaarii akka isaaf taʼe itti dhagaʼameera. Akkana jechuudhaan waan yaadatu dubbateera: “Kaampicha keessatti obboloota muuxannoo qaban wajjin akka gaariitti haasaʼuu waanan dandaʼeef, akkasumas hunda isaanii irraa beekumsa waanan fudhadheef, anaaf mana barumsaa dhaquu wajjin tokko ture.”

 Bara 1944⁠tti mootummaan hidhamtoota kaampii keessa jiran tokko tokko hiikuuf murteesse. Haa taʼu malee, abbootiin taayitaa loltootaa, Dhugaa Baatonni mana hidhaatii yoo baʼan warra kaanitti waaʼee amantii isaanii dubbachuu akka itti fufan mirkanaaʼoo waan taʼaniif, yaada kana ni morman. Gabaasichi akkana jedha: “Itti fufiinsaan hidhamuun isaanii hinaaffaa jara kanaa hamma tokko toʼachuuf kan dandeessisu taʼu illee, isaan irratti jijjiirama hin fidu.”

Nageenya Uummataatiif hin Sodaachisan

 Dhorkaan isaan irra kaaʼame uummanni akka isaan beeku waan godheef, namoonni tokko tokko waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa beekuuf fedhii guddaa horatan. Yeroo booda, namoonni hedduun Dhugaa Baatonni Yihowaa nageenya uummataatiif gonkumaa akka hin sodaachisne hubatan. Kanaa mannaa, Kiristiyaanota miidhaa hin geessisnee fi nagaa qabeeyyii akka taʼan beekan. Sababa kanaatiin, lakkoofsi Dhugaa Baatota Niiwu Ziilaandi jiraatanii, bara 1939⁠tti 320 kan ture yeroo taʼu, bara 1945⁠tti gara 536⁠tti guddate.

 Darbee darbee, abbootiin taayitaa sababa qabeeyyii taʼan, Dhugaa Baatota Yihowaa irra dhorkaan kaaʼamuun isaa sirrii akka hin turre hubatanii turan. Abbaan seeraa tokko, ragaa obboleessa lallabaa ture tokko irratti dhihaate erga dhaggeeffatee booda, himaticha gatii dhabsiiseera. Akkana jedheera: “Akka natti dhagaʼamuttis taʼe akkan seericha hubadhutti, namni tokko Kitaaba Qulqulluu namootaaf kenne jedhanii akka yakkamaatti isa ilaaluun wanta fudhatama argachuu hin dandeenye dha.”

 Dhuma waraanichaatti dhorkaan yeroo isaan irraa kaafamu, Dhugaa Baatonni namoonni naannoo isaanii waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka baratan gargaaruuf yeroo kam iyyuu caalaa kutatanii turan. Bara 1945⁠tti xalayaan waajjira damee irraa gumiiwwan Niiwu Ziilaanditti argaman hundaaf barreeffame akkana jedha ture: “Tokkoon tokkoon keessan nama hundaaf kan of eeggattan, akkasumas jaalalaa fi gaarummaa kan argisiistan taʼaa. Falmii fi lola irraa fagaadhaa. Namoonni tajaajila irratti argannu amantii isaanii kan cimsanii fi ittiin jiraachuuf kan yaalan taʼuu isaanii yaadadhaa. . . . Isaan keessaa hedduun, ‘hoolota’ Gooftaa gara Yihowaa fi mootummaa isaatti geessuu qabnu dha.”

 Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa Niiwu Ziilaanditti argaman ergaa Kitaaba Qulqulluu jiraattota biyyichaattis taʼe keessummoota daawwannaaf dhaqanitti himuu itti fufaniiru. Gaaf tokko, magaalaa Tuwurangaatti obboleettonni waliin tajaajilan 4, saʼaatii lama gidduutti qofa daawwattoota biyyoota 17 irraa dhufan 67 haasofsiisaniiru.

 Namoonni Niiwu Ziilaandi, Dhugaa Baatonni Yihowaa, Kiristiyaanota naga qabeeyyii Waaqayyoof bulanii fi ittiin jiraachuuf carraaqan akka taʼan ifatti hubataniiru. Waggaa waggaadhaan namoonni dhibbaan lakkaaʼaman cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼu. Hanga 2019⁠tti Dhugaa Baatonni 14,000 ol taʼan biyya gara kibbaa kanatti gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa turan.

Walgaʼii bara 1940⁠tti dhorkaan erga kaafamee booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf godhame

Kaampichatti kutaa namni tokko kophaa isaa itti hidhamu, Odoola Kaabaa, Niiwu Ziilaanditti

Kaampii hidhamtootaa Haawutuu, Odoola Kaabaa, Niiwu Ziilaanditti argamu

Dhugaa Baatonni siyaasa keessa waan hin galleef mana hidhaa galanii turan walitti qabamanii, Bara 1949⁠tti