Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bitaa: Hurricane Ian, Florida, USA, September 2022 (Sean Rayford/Getty Images); center: Mother evacuating with her son, Donetsk, Ukraine, July 2022 (Alex Chan Tsz Yuk/SOPA Images/LightRocket via Getty Images); mirga: Mass COVID testing, Beijing, China, April 2022 (Kevin Frayer/Getty Images)

DAMMAQINAAN EEGAA!

2022: Bara Rakkinaan Guutame—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

2022: Bara Rakkinaan Guutame—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Bara 2022​tti gabaasni oduu hundi waraana, rakkina diinagdee fi balaa uumamaatiin kan guutame ture. Taʼus, hiika sirrii taʼeewwan kun qaban nutti himuu kan dandaʼu Kitaaba Qulqulluu qofadha.

Hiika sirrii taʼeewwan bara 2022​tti raawwatamanii

 Taʼeewwan waggaa darbe keessatti raawwataman jiraachaa kan jirru yeroo Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu keessa akka taʼe caalaatti hubachuuf nu gargaaru. (2 Ximotewos 3:1) Yeroon kun kan jalqabe bara 1914​ttidha. Taʼeewwan dhiheenya kana raawwataman wanta Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jirru ilaalchisee dubbate wajjin kan wal simu akkamitti akka taʼe hubadhu:

 “Waraana.”Maatewos 24:6.

  •   “Barri 2022 Bara Awurooppaan Deebitee Miidhaa Guddaa Waraanni Geessisu Itti Argitedha.” a

 Mata duree, “Raashiyaan Yuukreeniin Weerarte” jedhu ilaali.

 ‘Hanqina nyaataa.’Maatewos 24:7.

  •   “2022: Bara Beelli Cimaan Itti Buʼe.” b

 “Golfaa.”Luqaas 21:11.

  •   “Dhukkubni pooliyoo deebiʼee kaʼeera, dhibeen maariyyee jaldeessaa (monkeypox) miidhaa guddaa geessiseera, Kooviid-19s miidhaa guddaa geessisuu isaa itti fufeera. Kunis dhukkuboonni daddarboon balaa hammamii akka geessisanii fi namoonni dhukkuboota akkasiitiif salphaatti kan saaxilaman taʼuu isaanii argisiisa.” c

 Mata duree, “Namoonni Miiliyoona 6 Taʼan KOOVIIDIIN Duʼaniiru” jedhu ilaali.

 ‘Wantoota nama sodaachisan.’Luqaas 21:11.

  •   “Hoʼa cimaa, hongee, ibidda bosonaa fi lolaa. Bonni 2022 haala qilleensaa addunyaa maratti badiisa guddaa geessiseen, namoota kumaan lakkaaʼaman fixee fi namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman qeʼee isaaniitii akka buqqaʼan godheen yaadatama.” d

 Mata duree, “Hoʼi Addunyaa Garmalee Dabaleera” jedhu ilaali.

 “Jeequmsa.”Luqaas 21:9.

  •   “Bara 2022​tti rakkina diinagdee, keessumaa qaalaʼiinsa jireenyaatiin kan kaʼe namoonni hedduun mootummootarratti fincilaniiru.” e

 Mata duree, “Qaalaʼiinsa Jireenyaa Addunyaa Maratti Mudachaa Jiru” jedhu ilaali.

Waggaan dhufuhoo maal fidee dhufa?

 Wanta bara 2023​tti taʼu eenyuyyuu dursee beekuu hin dandaʼu. Mootummaan Waaqayyoo, jechuunis bulchiinsi samii dhiheenyatti lafarratti jijjiirama guddaa akka fidu garuu beekna. (Daaniʼel 2:44) Mootummaan kun wantoota ilmaan namootaa akka dararaman godhan balleessuudhaan fedhiin Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu godha.—Maatewos 6:9, 10.

 Taʼeewwan addunyaa raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu gochaa akka jiran hubachuudhaan gorsa Yesuus ‘dammaqinaan akka eegnu’ nuuf kenne hojiirra akka oolchitu si jajjabeessina. (Maarqos 13:37) Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti kan si gargaaruu fi siifis taʼe maatii keetiif abdii dhugaa taʼe kan kennu akkamitti akka taʼe caalaatti barachuuf nu qunnami.

a AP News, “2022 Was Year the Horror of War Returned to Europe,” by Jill Lawless, December 8, 2022.

b World Food Programme, “A Global Food Crises.”

c JAMA Health Forum, “Living in an Age of Pandemics—From COVID-19 to Monkeypox, Polio, and Disease X,” by Lawrence O. Gostin, JD, September 22, 2022.

d Earth.Org, “What’s Behind the Record-Breaking Extreme Weather Events of Summer 2022?” by Martina Igini, October 24, 2022.

e Carnegie Endowment for International Peace, “Economic Anger Dominated Global Protests in 2022,” by Thomas Carothers and Benjamin Feldman, December 8, 2022.