Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JenkoAtaman/stock.adobe.com

DAMMAQINAAN EEGAA!

Sababiiwwan Bara 2023 Abdiidhaan Eeggachuuf Nu Kakaasan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Sababiiwwan Bara 2023 Abdiidhaan Eeggachuuf Nu Kakaasan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Barri 2023 yeroo jalqabu, hundi keenyayyuu ofii keenyaafis taʼe maatii keenyaaf wanta gaarii hawwina. Yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggachuuf kan nu kakaasu maalidha?

Kitaabni Qulqulluun abdii kenna

 Kitaabni Qulqulluun rakkinni yeroo ammaatti nu mudachaa jiru kan turu yeroo muraasaaf qofa akka taʼee fi yeroo dhihootti furmaata akka argatu dubbata. “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni [Kitaaba Qulqulluu keessatti] barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.”Roomaa 15:4.

Abdii yeroo ammaatti si gargaaru

 Kitaabni Qulqulluun abdiin akkuma “qofoo dooniitti lubbuu qabee [akka] dhaabu” dubbata. (Ibroota 6:19) Abdiin kun cimsee nu dhaabuu dandaʼa. Rakkina yeroo ammaatti nu mudachaa jiru akka dandamannu, akkasumas ilaalcha gaarii fi gammachuu dhugaa akka qabaannu nu gargaara. Fakkeenyaaf:

Abdii kee cimsadhu

 Namoonni hedduun wanta gaarii akka argatan kan abdatan taʼus, waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu hin dandaʼan. Abdiin Kitaabni Qulqulluun kennu garuu kanarraa addadha. Akkas kan jennu maaliifi? Waadaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman kan gale Yihowaa a isa “sobuu hin dandeenye” waan taʼeefi. (Tiitoo 1:2) Waadaa gale hunda raawwachuuf humna kan qabu Yihowaa qofadha; inni “wanta gochuu barbaade hundumaa” gochuu ni dandaʼa.—Faarfannaa 135:5, 6.

 Abdii amansiisaa Kitaabni Qulqulluun kennurraa akka fayyadamtu miira hoʼaadhaan si affeerra. “Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan” qoruudhaan amantii irratti qabdu cimsachuu dandeessa. (Hojii Ergamootaa 17:11) Kitaaba Qulqulluu Nu wajjin tolaan qoʼachuudhaan kana ofuma keetiin mirkaneeffachuu dandeessa. Bara 2023 abdiidhaan jalqabi!

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.