Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Malaanmaltummaan Abbootiin Taayitaa Raawwatan ni Badaa?

Malaanmaltummaan Abbootiin Taayitaa Raawwatan ni Badaa?

 Malaanmaltummaan abbootiin taayitaa raawwatan rakkina biyya hundumaa jiruu fi miidhaa guddaa geessisaa jiru dha. a Fakkeenyaaf, yeroo weerara dhibee KOOVIID-19​tti abbootiin taayitaa biyyaa garaa garaa keessa jiran maallaqa weerara dhibee kana ittisuuf ramadame faayidaa ofiitiif akka oolfatan himatamaniiru. Malaanmaltummaan akkasii namoonni yaalii fayyaa barbaachisu akka hin arganne gochuudhaan, rakkinaa fi duʼa namoota hedduutiif sababa taʼeera.

 Malaanmaltummaan abbootii taayitaatiin raawwatamu miidhaa guddaa geessisaa jira. Muummichi ministeeraa Yuunaayitid Kiingidam duraanii Deeviid Kaameeroon, “Malaanmaltummaan akkuma mannee sharariitii ti; biyyoonni hundi immoo mannee kanaan qabamaniiru” jedhanii turan.

 Haa taʼu malee, malaanmaltummaan abbootii taayitaatiin raawwatamu hundi dhiheenyatti akka badu shakkii hin qabnu. Akkas kan jennu maaliifi? Mee wanta Waaqayyo raawwatu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu haa ilaallu.

Waaqayyo malaanmaltummaa ni balleessa kan jennu maaliifi?

 Waaqayyo, “Ani Yihowaan haqa nan jaalladha; saamichaa fi jalʼina nan jibba” jechuudhaan akka dubbate Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffameera.” b (Isaayyaas 61:8) Namoonni gocha malaanmaltummaatiin yeroo rakkatan Waaqayyo ni arga. (Fakkeenya 14:31) Waadaa akkana jedhus galeera: “Warri miidhaman waan cunqurfamaniif, . . . tarkaanfii fudhachuuf nan kaʼa.”—Faarfannaa 12:5.

 Tarkaanfii akkamii fudhata ree? Mootummoota amma jiran fooyyessuu mannaa, Mootummaa isaa isa samii “Mootummaa Waaqayyoo” jedhamuun bakka isaan buusa. (Maarqos 1:14, 15; Maatewos 6:10) Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa. . . Innis mootummoota [kaan] hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.” (Daaniʼel 2:44) Waaqayyo karaa kanaan malaanmaltummaa yeroo ammaa jiru ni balleessa.

Bulchiinsa Malaanmaltummaa hin qabne

 Mootummaa Waaqayyoo keessa malaanmaltummaan akka hin jiraanne akkamitti beekna? Mee yaadawwan armaan gadii ilaali.

  1.  1. Aangoo. Mootummaa kanaaf aangoo kan kenne Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha.—Mulʼata 11:15.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi?: Mootummoonni hojii isaanii kan raawwatan maallaqa lammiilee isaanii irraa argataniini. Kun immoo yeroo baayʼee malaanmaltummaa, hannaa fi qisaasamaaf karaa bana. Mootummaan kun garuu Waaqa Hundumaa Dandaʼuun waan deggeramuuf yeroo hunda fedhii lammiilee isaa guutuu dandaʼa.—Faarfannaa 145:16.

  2.  2. Bulchaa. Waaqayyoo bulchaa Mootummichaa akka taʼuuf Yesuus Kiristoos muudeera.—Daaniʼel 7:13, 14.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi?: Bulchitoonni ilmaan namootaa gaarii taʼan illee dhiibbaa dogoggoraatiif ni moʼamu. (Lallaba 7:20) Faallaa kanaatiin, Yesuus dhiibbaa dogoggoraatiif akka hin moʼamne argisiiseera. (Maatewos 4:8-11) Kana malees, lammiilee isaatiif jaalala dhugaa qaba, akkasumas nageenya isaaniitiif garaadhaa yaada.—Faarfannaa 72:12-14.

  3.  3. Seera. Seerri Mootummaa Waaqayyoo mudaa hin qabu, seera kana hojii irra oolchuunis gammachuu namaaf argamsiisa.—Faarfannaa 19:7, 8.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi?: Yeroo baayʼee seerri ilmaan namootaa wal xaxaa, ulfaataa ykn sirriitti hojii irraa kan hin oollee waan taʼeef malaanmaltummaaf karaa bana. Faallaa kanaatiin garuu, seerri Waaqayyoo hojii irra ooluu kan dandaʼuu fi faayidaa kan qabu dha. (Isaayyaas 48:17, 18) Kana malees, seerri Waaqayyoo gocha namootaa qofa utuu hin taʼin, yaada namootaas ni dabalata. (Maatewos 22:37, 39) Waaqayyo garaa namootaa ilaaluu waan dandaʼuuf, seerawwan kana gara laafinaan raawwachiisuu dandaʼa.—Ermiyaas 17:10.

 Mootummaa malaanmaltummaa irraa bilisa taʼe ilaalchisee abdii Kitaabni Qulqulluun kennu caalaatti akka barattu si affeerra.

a Akka hiikni tokko jedhutti, “malaanmaltummaa” jechuun aangoo imaanaadhaan kenname faayidaa ofiitiif oolfachuu jechuu dha.

b Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu dubbisi