Akkaataa Jireenyaa Veegaaniizimii Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Addunyaa maratti baayʼinni namoota veegaaniizimii jaallatanii baay’ee dabalaa jira.
“Veegaaniizimiin akkaataa jireenyaa namoota hamma isaaniif dandaʼametti bineeldota nyaataaf, uffannaa fi kaayyoo biraatiif itti fayyadamuu ykn isaan miidhuu hin qabnu jedhanii amananii ti.”—The Vegan Society.
Namoonni tokko tokko bineeldotaaf waan yaadaniif qofa utuu hin taʼin, qilleensa naannoo fooyyessuuf, fayya buleeyyii taʼuuf ykn sababii amantii isaaniitiin kan kaʼe akkaataa jireenyaa kana filatu.
“Veegaaniizimiin filannoo nyaataa kaanirra adda; sababiin isaas namoonni baayʼeen akka amantiitti, murtoo naamusaa fi karaa namni hundi haala addunyaa kanaa fooyyessuu itti dandaʼu akka taʼetti yaadu.”—Britannica Academic.
Veegaaniizimiin egeree pilaaneetii keenyaa fooyyessaa? Kitaabni qulqulluun maal jedha?
Ilaalcha Uumaan keenya namootaa fi bineeldotaaf qabu
Kitaabni Qulqulluun Uumaan keenya Yihowaan a ilmaan namootaa bineeldota irra caalchisee akka ilaaluu fi bineeldota irratti aangoo akka qabaataniif akka isaaniif heyyame dubbata. (Uumama 1:27, 28) Yeroo boodammoo, Waaqayyo namoonni bineeldota nyaataaf akka fayyadaman isaaniif heyyame. (Uumama 9:3) Kana jechuun garuu, miidhaan Bineeldotarra gaʼu isa gammachiisa jechuummoo miti.—Fakkeenya 12:10.
Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti foon nyaachuu fi dhiisuun murtoo dhuunfaati. b Murtoon nuti gama kanaan goonu Waaqayyo duratti nama addaa nu hin taasisu. (1 Qorontos 8:8) Namni kamiyyuu murtoo namni tokko nyaata ilaalchisee godheef isa qeequu hin qabu.—Roomaa 14:3.
Karaa egeree gaariin itti argamu
Kitaabni Qulqulluun akkaataan jireenyaa nuti filannu rakkina addunyaa keessa jiru sirreessuu akka hin dandeenye dubbata. Kaʼumsi rakkina hedduu, sirna siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee addunyaa kanaa waan taʼeef namni kamiyyuu furuu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
“Wanti jalʼaan sorooroo taʼuu hin dandaʼu.”— Lallaba 1:15.
Uumaan keenya rakkina nurra gaʼuuf furmaata ni kenna. Kitaabni Qulqulluun wanta Waaqayyo raawwatu fakkeenyaan ibsa.
“Samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin inni duraa fi lafti inni duraa darbaniiru; galaannis kana booda hin jiraatu.”—Mulʼata 21:1.
Waaqayyo mootummoota ilmaan namootaa ykn ‘samii isa duraa,’ ‘samii isa haaraadhaan,’ jechuunis Mootummaan samiitiin bakka buusa. Mootummaan isaa ‘lafa isa duraa’ ykn hamoota, ‘lafa isa haaraadhaan,’ jechuunis namoota ajajamoo bulchiinsa isaa jala jiraachuuf fedhii qabaniin bakka buusa.
Ilmaan namootaa bineeldotaa wajjinis taʼe, qilleensa naannoo wajjin wal simanii jiraachuu kan dandaʼan bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti qofadha.—Isaayyaas 11:6-9.
a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.
b Kitaabni Qulqulluun “dhiiga irraa. . .fagaadhaa” jechuudhaan nu ajaja. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29) Kana jechuun, dhiiga dhuguus taʼe, foon dhiigni keessaa hin baane nyaachuu hin qabnu jechuudha; nyaata dhiigni itti dabalames hin nyaannu.