Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Pawel Gluza/500Px Plus/Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Lakkoofsi Bineensota Amma Jiranii Isa Waggaa 50 Dura Ture Irraa Dhibbeentaa 73iin Hirʼateera—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Lakkoofsi Bineensota Amma Jiranii Isa Waggaa 50 Dura Ture Irraa Dhibbeentaa 73iin Hirʼateera—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Onkoloolessa 9, 2024, Dhaabbanni Bineensota Addunyaa sochiin ilmaan namootaa jireenya bineensotaa irratti miidhaa guddaa akka geessise gabaasa nama gaddisiisu baaseera. “Waggoottan 50mman darbaniif (1970-2020), lakkoofsi bineensota dhibbeentaa 73iin hirʼateera” jechuudhaan ibseera. Gabaasichi akkana jechuudhaan akeekkachiiseera: “Wanti waggoottan shanan ittaananitti raawwatamu, egeree jireenya Lafa irraa jiraatuu kan murteessudha yoo jedhame arbeessuu miti.”

 Namoonni hedduun gabaasawwan akkasii dhagaʼuun baayʼee isaan rifaasisa. Pilaaneetii keenya ishii bareedduu ni jaallanna; bineensonni yommuu dararaman arguunis nutti hin tolu. Akkas kan nutti dhagaʼamu Waaqayyo bineensota akka kunuunsinu godhee akka nu uume waan beeknuufidha.—Uumama 1:27, 28; Fakkeenya 12:10.

 Kanaafuu akkana jennee gaafanna taʼa: ‘Bineensota lafa irra jiraniif eegumsa gochuu ni dandeenyaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?’

Abdii yeroo gara fuulduraa

 Bineensota oolchuuf hammam illee carraaqqii cimaa yoo goone, dhugumaan isaaniif eegumsa gochuu kan dandaʼu Waaqayyoo qofadha. Kitaabni Qulqulluun Mulʼata 11:18 irratti, Waaqayyo ‘warra lafa mancaasan akka balleessu’ raajii dubbateera. Caqasni kun wantoota lama nu barsiisa:

  1.  1. Waaqayyoo namoonni guutummaatti lafa akka hin mancaasne ykn akka hin balleessine isaan dhowwa.

  2.  2. Waaqayyo dhiheenyatti tarkaanfii fudhata. Akkamitti beekna? Carraan namoonni bineensota lafa irraa balleessuuf qaban isa yeroo kamiyyuu caalaa baayʼee guddaadha.

 Waaqayyo rakkoo kana furuuf maal godha? Guutummaa lafaa bulchuuf, bulchiinsa isaatti ykn Mootummaa isaa isa samiitti fayyadama. (Maatewos 6:10) Bulchiinsi kun ilmaan namootaa ajajamoo taʼan, bineensota lafa irraa kunuunsuu fi eegumsa gochuu akka dandaʼaniif barumsaa fi leenjii isaan barbaachisu isaaniif kenna.—Isaayyaas 11:9.