Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiibbaa Dhibee Daddarbaan Fidu Dandamachuu

Dhiibbaa Dhibee Daddarbaan Fidu Dandamachuu

 COVID-19 nan qabamaa laata jettee yaaduun kee akka bututtu si godheeraa? Taanaan miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu si qofa miti. Namoonni addunyaa maratti argaman jiʼoota hedduudhaaf sodaa dhibee daddarbaan isaan irraan gaʼu dandamatanii jiraachuuf dirqamaniiru. Doktar Haans Kiluge inni Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayireektara Naannoo Awurooppaa taʼe akkas jedheera: “Namoonni hedduun COVID-19 toʼachuuf aarsaa guddaa kaffalaniiru. Haala akkasii keessatti salphaadhumatti dantaa fi kakaʼumsa dhabuudhaan bututuun waanuma jiru dha.”

 Dhibee daddarbaan kun dhiibbaa si irraan geessisaa jira yoo taʼe abdii hin kutatin. Kitaabni Qulqulluun namoonni hedduun yeroo rakkisaa taʼe kanatti rakkoowwan jireenyaa akka dandamatan isaan gargaaraa jira. Siinis si gargaaruu dandaʼa.

 Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu maalidha?

 Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu, dhibee fayyaa miti; kanaa mannaa, namoonni dhibeen daddarbaan kun jireenya isaanii waan jijjiiree fi waaʼee gara fuulduraa akka shakkan waan godheef miira isaanitti uumamuu dha. Tokkon tokkoon namaa wanti isatti dhagaʼamu garaa gara taʼus mallattoowwan dhiibbaa kanaa baramaa taʼan warra kana dabalatu:

  •   Kakaʼumsa dhabuu

  •   Fedhiin nyaataa ykn barsiifanni hirribaa jijjiiramuu

  •   Aaruu

  •   Hojiin duraan salphaatti hojjetan nama dhiphisuu

  •   Yaada sassaabbachuu dadhabuu

  •   Abdii kutachuu

 Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu cimaa kan taʼe maaliifi?

 Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu nageenya keenyaa fi kan warra kaanii balaadhaaf saaxila. Of eeggachuu baannaan suutuma suuta qajeelfama COVID-19 hordofuuf fedhii dhabuu jalqabuu dandeenya. Vaayirasiin kun namoota ajjeesaa fi tatamsaʼaa kan jiru taʼus, yeroo booda balaan inni geessisuu dandaʼu nu dhiphisuu dhiisuu dandaʼa. Dhorkaa jala jiraachuu nuffuudhaan bilisummaa dabalataa barbaanna taʼa; kun immoo nuunis taʼe warra kaan balaadhaaf saaxiluu dandaʼa.

 Yeroo dhiphisaa kanatti namoonni hedduun yaada Kitaaba Qulqulluu, “Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata” jedhu dhugaa taʼuu isaa argaa jiru. (Fakkeenya 24:10) Kitaabni Qulqulluun dhibee daddarbaa dabalatee qajeelfama haala abdii nama kutachiisu dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna.

 Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa kana dandamachuuf si gargaaran kamfaʼi?

  •   Fageenya qaamaa keessan eeggadhaa, garuu namootaa irraa hin fagaatinaa

     Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: ‘Michuu dhugaan yeroo dhiphinaatiif dhalata.’—Fakkeenya 17:17.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Michuu dhugaan nu ijaara. (1 Tasalonqee 5:11) Yeroo dheeraadhaaf nama irraa adda baʼuun garuu fayyaa keenya balaadhaaf saaxila.—Fakkeenya 18:1.

     Akkas gochuuf yaali: Michoota kee wajjin viidiyoodhaan, bilbilaan, iimeelii fi ergaa gabaabaadhaan wal qunnamuu kee itti fufi. Guyyaa miirri gaariin sitti hin dhagaʼamnetti michoota kee haasofsiisi, akkasumas dhaabbataadhaan isaanii wajjin wal qunnami. Yaada gaarii yeroo dhibee daddarbaa kanatti akka dandamattu si gargaare michoota keetiif hiri. Karaa michoota keetiif wanta gaarii gochuu itti dandeessu barbaadi, taanaan atis taate michuun kee miirri gaariin akka isinitti dhagaʼamu gochuu dandeessa.

  •   Haala keessa jirtu sirriitti itti fayyadami

     Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:16.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yeroo kee akka gaariitti itti fayyadamuun ilaalcha gaarii akka qabaattuu fi garmalee akka hin dhiphanne si gargaaruu dandaʼa.—Luqaas 12:25.

     Akkas gochuuf yaali: Wanta gochuu hin dandeenye irratti xiyyeeffachuu mannaa, haala keessa jirtu akka gaariitti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessu yaadi. Fakkeenyaaf, hojiin amma hojjechuuf karoorfatte ykn wanti yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallattu jiraa? Maatii kee wajjin yeroo dabalataa dabarsuu ni dandeessaa?

  •   Barsiifata qabdu akka gaariitti hordofi

     Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Wanti hundi . . . karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.”—1 Qorontos 14:40.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namoonni barsiifata dhaabbataa qaban hedduun caalaatti tasgabbii fi gammachuu qabu.

     Akkas gochuuf yaali: Sagantaa haala amma keessa jirtu wajjin wal simu baafadhu. Hoj-manee keetiif, hojii galii argachuuf hojjettuuf, hojii mana keessaa fi waaqeffannaa keetiif yeroo ramadi. Sagantaa kee keessatti sochiiwwan gaarii taʼan kan akka, maatii wajjin yeroo dabarsuu, ala baʼanii miilla hiikkachuu fi sochii qaamaa gochuu jiran dabali. Akkuma barbaachisummaa isaatti yeroo yeroodhaan sagantaa kee irratti sirreeffama godhi.

  •   Yeroo waqtiileen jijjiiraman sirreeffama barbaachisu godhi

     Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.”—Fakkeenya 22:3.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Bakka ati jiraattutti waqtiileen jijjiiramuun isaanii carraa qilleensa qulqulluu fi ifa aduu fayyaa qaamaa fi sammuu keetiif barbaachisaa taʼe itti argattu hirʼisuu dandaʼu.

     Akkas gochuuf yaali: Ganni dhihaachaa jira yoo taʼe manni kee ykn bakki itti hojjettu ifa aduu gaʼaa akka argatu sirreeffama godhi. Qilleensi isaa qorraa yoo taʼe illee wanta manaa alatti hojjechuu dandeessu qopheeffadhu. Dandaʼamnaan uffata gannaa manaa alatti yeroo dabalataa turuuf si gargaaru bitadhu.

     Yeroo bonni dhihaatutti immoo namoonni baayʼeen manaa alatti dabarsu, kanaaf of eeggannoo godhi. Bakka deemuu barbaadduu fi yeroo namoonni itti hin baayʼanne filadhu.

  •   Of eeggannoo COVID-19 ilaalchisee baʼan eeguu kee itti fufi

     Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Namni gowwaan garuu dantaa hin qabu, akka malees ofitti amanama.”—Fakkeenya 14:16.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? COVID-19 dhukkuba nama galaafachuu dandaʼu dha, yoo of eeggachuu baannee qabamuu dandeenya.

     Akkas gochuuf yaali: Qajeelfamawwan amansiisaa taʼanii fi naannoo keetti kennaman yeroo yerootti ilaali; of eeggannoo gochaa jiraachuu kees mirkaneeffadhu. Gochi kee si, maatii kee fi namoota kaan akkamitti akka tuqu yaadi.

  •  Hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdu cimsadhu

     Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”—Yaaqoob 4:8.

     Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Waaqayyo rakkina si mudatu kam iyyuu akka mootu si gargaaruu dandaʼa.—Isaayyaas 41:13.

     Akkas gochuuf yaali: Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu irraa kutaa muraasa dubbisi. Sagantaan dubbisa Kitaaba Qulqulluu kun akkas gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

 Yeroo dhibee daddarbaan COVID-19 jiru kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii godhachuu isaanii itti fufaniiru; atis qophii kana irraa fayyadamuuf isaan gaafachuu dandeessa. Fakkeenyaaf addunyaa maratti, walgaʼii torban torbaniin godhaniif, ayyaana yaadannoo duʼa Yesuusii fi walgaʼii naannoo waggaatti godhaniif viidiyookonfiransii fayyadamaa jiru.

 Caqasoota Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa dhibee daddarbaa dandamachuuf si gargaaran

 Isaayyaas 30:15: “Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaanis jabina ni argattu.”

 Ergaa isaa: Gorsa Waaqayyootti amanamuun yeroo rakkisaa taʼetti tasgabbaaʼuuf si gargaara.

 Fakkeenya 15:15: “Namni cunqurfame guyyoonni isaa hundi gaarii miti, Namni garaa gammade qabu garuu yeroo hunda affeerraa irra jira.”

 Ergaa isaa: Wantoota gaarii irratti xiyyeeffachuun yeroo rakkisaa taʼetti illee gammadoo taʼuuf nu gargaara.

 Fakkeenya 14:15: “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, Namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”

 Ergaa isaa: Fayyaa ilaalchisee qajeelfamoota kennaman hordofi; dhorkaawwan kun barbaachisoo miti jettee murteessuuf hin ariifatin.

 Isaayyaas 33:24: “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”

 Ergaa isaa: Waaqayyo dhukkuba hunda balleessuuf waadaa galeera.