Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Dhukaasa Mana Barumsaatti Banamu—Kitaabni Qulqulluum Maal Jedha?

Dhukaasa Mana Barumsaatti Banamu—Kitaabni Qulqulluum Maal Jedha?

 Caamsaa 24, 2022, magaalaa xinnoo Yuuvaaldii, Teksaas Yuunaayitid Isteetisitti wanti baayʼee sukanneessaa taʼe gaʼeera. Gaazexaan The New York Times jedhamu akka ibsetti, “Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Roobitti . . . dargaggeessi tokko daaʼimman 19 fi barsiisota lama ajjeeseera.”

 Kan nama gaddisiisu, taʼeewwan suukanneessaa akkasii baayʼee baramaa taʼaa dhufeera. Gaazexaan USA Today jedhamu akka gabaasetti Yuunaayitid Isteetis keessatti qofa, “waggaa darbe mooraa manneen barumsaa keessatti dhukaasawwan 249 taasifamaniiru; bara 1970 asitti takkaa akkas taʼee hin beeku.”

 Wantoonni sukanneessoo taʼan akkasii kan raawwataman maaliifi? Gochawwan gara jabinaa akkasii dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Hammeenyi akka dhabamsiifamu abdiin kenname jiraa? Kitaabni Qulqulluun deebii isaa nuuf kenna.

Addunyaan caalaatti hammaachaa kan deemu maaliifi?

 Namoonni hedduun, ‘Waaqayyo wantooni sukanneessoon kan akka dhukaasa mana barumsaatti raawwatamaa jiruu akka hin raawwatamne kan hin dhowwine maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Deebii Kitaabni Qulqulluun kennu beekuuf, mata duree “Wantoonni gadheen Namoota Gaarii Irra ni Gaʼu—Maaliifi?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

Taʼeewwan suukanneessoo taʼan kana dandamachuu kan dandeenyu akkamitti?

  •    “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.”—Roomaa 15:4.

 Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu addunyaa hamaa taʼe kana akka dandamannu nu gargaaru. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, barruu Dammaqaa! mata duree “Yeroon Hammeenyi Itti hin Jiraanne ni Dhufaa Laata?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

 Warri ijoolleen isaanii gabaasawwan oduu taʼeewwan nama sodaachisan akkasii yommuu dhaga‵anitti akkamitti akka dandamatan isaan gargaaruu akka danda‵an beekuuf, mata duree “Gabaasawwan Oduu Nama Dhiphisanii fi Ijoollee Keessan” jedhu akka dubbistan isin jajjabeessina.

Yeroon Hammeenyi Itti hin Jiraanne ni Dhufaa Laata?

  •    “Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—Faarfannaa 72:14.

  •    “Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti, eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru. Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,isaan kana booda waraana hin baratan.”—Miikiyaas 4:3.

 Waaqayyo wanta ilmaan namootaa gochuu hin dandeenye ni raawwata. Bulchiinsi Mootummaa isaa isa samii meeshaalee waraanaa hundaa fi hammeenya hunda ni dhabamsiisa. Wantoota Mootummaan Waaqayyoo raawwatu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo Jalatti ‘Nagaan ni Baayʼata’” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.