Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Dhugaa Baatota Yihowaa fi Duguuggaa Sanyii Warri Naazii Raawwatan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Dhugaa Baatota Yihowaa fi Duguuggaa Sanyii Warri Naazii Raawwatan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Amajjii 27, 2023​tti, namoonni hedduun Guyyaa Yaadannoo Duguuggaa Sanyii Biyyoolessaa ni kabaju. Ajjeechaan gara jabinaa gara waggaa 75 ol dura raawwatame sun, ‘Waaqayyo duguuggaa sanyii sana maaliif heyyame?’ jettee akka gaafattu si taasisa taʼa.

 Yihudoonni duguuggaa sanyii kanaan garmalee dararamaniiru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman taʼe jedhamee karaa qindaaʼaa taʼeen ajjeefamaniiru. Gareewwan kan biroonis yeroo duguuggaa sanyii kanatti ariʼatamaniiru, akkasumas ajjeefamaniiru. Kunis Dhugaa Baatota Yihowaa warra sababii amantii isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼeen kan kaʼe ariʼataman kan dabalatu dha.

“Egeree Gaarii fi Abdii”

 Namoonni hedduun duguuggaan sanyii kan akka warri Naazii raawwatanii irra deebiʼee raawwatama jedhanii sodaatu. Kan nama gammachiisu garuu, Kitaabni Qulqulluun wanti gaddisiisaan akkasii yeroon itti hin jiraanne akka dhufu abdii kenna.

  •   “Yihowaan akkana jedha: ‘Wantan isiniif yaade akka gaariittan beeka; innis badiisa utuu hin taʼin nagaa dha; ani egeree gaarii fi abdii isiniif nan kenna.’”—Ermiyaas 29:11. a

 Abdiin kun yeroo Yihowaan hammeenya balleessuu fi miidhaa hammeenyi geessise sirreessutti raawwatama. Yihowaan dhiheenyatti akkana godha:

 Atis abdii nama jajjabeessuu fi Kitaabni Qulqulluun kennutti amanamuu dandeessa. Maaliif akkas akka jennu beekuuf, qophii gargaarsa nama tokkootiin Kitaaba Qulqulluu tolaan akka barattu goone akka yaaltu si affeerra.

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.