Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bitaa: Olena Yefremkina/stock.adobe.com; gidduu: lunamarina/stock.adobe.com; mirga: Rido/stock.adobe.com

DAMMAQINAAN EEGAA!

Eenyutti Amanamuu Dandeenya?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Eenyutti Amanamuu Dandeenya?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Namoonni, warri isaan amanamoo akka taʼanitti yaadan yeroo isaan ganan abdii kutatu. Baayʼeen isaanii namoota armaan gadiitti amanamuu dhiisaniiru:

  •   namoota siyaasaa wanta uummataaf barbaachisu utuu hin taʼin fedhii mataa isaanii hordofan.

  •   miidiyaalee madaallii isaanii eeganii oduu sirrii hin gabaasne.

  •   saayintistoota wanta uummata fayyadu hin hojjenne.

  •   geggeessitoota amantii Waaqayyoon bakka buʼuu mannaa siyaasa deggeran.

 Namoonni wanta itti amanaman of eeggannaadhaan filachuu qabu. Kitaabni Qulqulluun akkas jechuudhaan akeekkachiisa:

  •   “Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa.”—Faarfannaa 146:3.

Qaama itti amanamuu dandeessu

  Kitaabni Qulqulluun Yesuus Kiristoositti amanamuu akka dandeenyu dubbata. Yesuus, nama gaarii jaarraa hedduu dura jiraate qofa miti. Waaqayyo Yesuus ‘Mootii taʼee akka bulchu isa muudeera. Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.’ (Luqaas 1:32, 33) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa yeroo ammaatti samii irraa bulchaa jiruuti.—Maatewos 6:10.