Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Waraanni Yuukreenitti Geggeeffamaa Jiru Addunyaa Maratti Hanqinni Nyaataa Caalaatti Akka Hammaatu Godheera

Waraanni Yuukreenitti Geggeeffamaa Jiru Addunyaa Maratti Hanqinni Nyaataa Caalaatti Akka Hammaatu Godheera

 Caamsaa 19, 2022, Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii, abbootii taayitaa sadarkaa ol aanaa qabanii fi 75 ol taʼan irraa “addunyaa maratti haqinni nyaataa dhibee weerara dhukkuba KOOVIID-19 fi jijjiirama qilleensa naannootiin gaʼe, amma sababii waraanaa Yuukreenitti geggeeffamaa jiruun kan kaʼe addunyaa maraatti hongee geessisuuf akka jedhu” yommuu dubbatan dhagaʼeera. Utuma baayʼee hin turin immoo, barruun The Economist jedhamu “addunyaan sababii waraanaatiin rakkoowwan hedduudhaan qabamee jiru, namoonni dabalataa hedduun beelaaf akka saaxilaman akka taasise” ibseera. Kitaabni Qulqulluun hanqinni nyaataa bara keenyatti akka taʼu raajii dubbateera; taʼus akkamitti kana dandamachuu akka dandeenyus gargaarsa nuuf kenna.

Kitaabni Qulqulluun hanqinni nyaataa akka taʼu raajii dubbateera

  •    Yesuus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa . . . ni taʼa” jechuudhaan raajii dubbateera.—Maatewos 24:7.

  •    Kitaabni Mulʼataa waaʼee abbootii fardeenii fakkeenyaan ibsaman afurii caqasa. Abbootii fardeenii sana keessaa tokko waraana argisiisa. Abbaan fardaa isa boodaan gulufu immoo beela argisiisa, jechuunis yeroon nyaata argachuun ulfaataa itti taʼuu fi namoonni nyaataaf gatii humna isaaniitii ol taʼe itti gaafataman akka jiru ibsa. Akkana jedha: “Yommuus ani . . . sagalee . . . ‘Qamadii safartuu xinnoo tokko gatii dadhabbii guyyaa tokkoo, garbuu safartuu xinnoo sadiis gatii dadhabbii guyyaa tokkoo godhi! . . .’ jedhu nan dhagaʼe.”—Mulʼata 6:5, 6, Hiika Bara 1997.

 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kunneen waaʼee hanqina nyaataa yeroo ammaatti, jechuunis yeroo Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu keessatti raawwatamani dha. (2 Ximotewos 3:1) “Guyyoota dhumaa” fi abbootii fardeenii gulufan afur kanneen kitaaba Mulʼataa irratti ibsaman ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo Bara 1914 Kaasee Addunyaan Kun Jijjiirameera jedhu akka ilaaltu, akkasumas mata duree “Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

Kitaabni Qulqulluun nu gaargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

  •    Kitaabni Qulqulluun gatiin nyaataa dabaluu ykn hanqina nyaataa dabalatee haalawwan rakkisoo akkamitti dandamachuu akka dandeenyu ilaalchisee gorsa gaarii qabateera. Kana ilaalchisee fakkeenya tokko tokko ilaaluuf, mata duree “Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

  •    Kana malees, Kitaabni Qulqulluun haalli keessa jirru akka jijjiiramu abdii nuu kenna. Yeroo ‘midhaan hedduun lafa irra itti jiraatuu’ fi namni hundi nyaata hedduu itti argatu akka dhufu abdii kenna. (Faarfannaa 72:16) Abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kennuu fi sababii itti abdiin kun akka raawwatamu shakkii tokko male amannu caalaatti beekuuf, mata duree “Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu” jedhu akka dubbistu si affeerra.