Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Surasak Suwanmake/Moment via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Hoʼa Cimaa Bona 2023​tti Addunyaa Maratti Mudate—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Hoʼa Cimaa Bona 2023​tti Addunyaa Maratti Mudate—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Namoonni addunyaa maratti argaman hoʼa cimaa kanaan dura mudatee hin beeknee fi balaawwan sababa kanaan dhufan dandamachaa jiru. Gabaasawwan armaan gadii ilaali:

  •   “Hoʼi Waxabajjii darbe mudate hoʼa addunyaa waggaa 174f galmeeffamaa ture hundarra kan hammaatedha.”—Bulchiinsa Garbaa fi Qilleensa Naannoo Biyyoolessaa, Kutaa Daldalaa Yuunaayitid Isteetis, Adoolessa 13, 2023.

  •   “Xaaliyaan, Ispeen, Faransaayi, Jarmanii fi Poolaandi hoʼi cimaan isaan mudachaa jira; hoʼi odolawwan Sisiilii fi Sardiiniyaa 48°C [118°F] akka gaʼu eegama. Kun hoʼa hanga ammaatti Awurooppaa keessatti galmeeffamerra hammaatu taʼuu hin oolu.”—Dhaabbata Hawaa Awurooppaa, Adoolessa 13, 2023.

  •   “Lafti caalaatti hoʼaa yeroo deemtu bokkaa cimaan irra deddeebiʼee akka roobuu fi lolaan baayʼee cimaa taʼe akka jiraatu eegna.”—Dhaabbata Metrooloojii Addunyaatti daayireektara haaydirooloojii, bishaanii fi kiraayisfeera kan taʼan Isteefaan Uulanbruuk, Adoolessa 17, 2023.

 Gabaasni waaʼee jijjiirama qilleensaa ibsu akkasii dabaluun isaa si dhiphisaa? Kitaabni Qulqulluun dhimma ariifachiisaa taʼe kana ilaalchisee maal akka jedhu ilaali.

Jijjiiramni qilleensaa raawwii raajii Kitaaba Qulqulluutii?

 Eeyyee. Hoʼa addunyaa maratti mudate dabalatee jijjiiramni qilleensaa uumamaa jiru taʼeewwan Kitaabni Qulqulluun bara keenyatti akka raawwataman raajii dubbate keessaa tokkodha. Fakkeenyaaf, Yesuus ‘wantoota nama sodaachisan’ ykn wantoota kanaan dura arginee hin beekne akka arginu raajii dubbateera. (Luqaas 21:11) Hoʼi addunyaa dabaluun isaa namoonni baayʼeen ilmaan namootaa lafa balleessuuf jedhu jedhanii akka sodaatan taasiseera.

Lafti iddoo irra jiraachuun hin dandaʼamne ni taatii?

 Lakki. Waaqayyo lafa kan uume bara baraaf akka irra jiraannuufi; kanaafuu, namoonni akka ishii balleessan hin heyyamu. (Faarfannaa 115:16; Lallaba 1:4) Waaqayyo, ‘warra lafa mancaasan akka balleessu’ waadaa galeera.—Mulʼata 11:18.

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo lafa balaarraa eeguu akka dandaʼuu fi gara fuulduraattis akkas akka godhu dubbata.

  •   “[Waaqayyo] bubbee sana cal jechisiisa; dambaliiwwan galaanichaas ni callisu.” (Faarfannaa 107:29) Waaqayyo humnoota uumamaa toʼachuuf humna qaba. Haalawwan jijjiirama qilleensaa geessisanii fi namoonni akka dararaman gochaa jiran hunda ni sirreessa.

  •   “Firii baayʼee akka argamsiistuu fi badhaatuu akka taatu gochuudhaan, lafa ni kunuunsita.” (Faarfannaa 65:9) Eebba Waaqayyootiin lafti jannata ni taati.

 Waaʼee waadaa Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo qilleensa naannoo akka sirreessu dubbatuu caalaatti barachuuf mata duree, “Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?” jedhu ilaali.