Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Hoʼi Addunyaa Garmalee Dabaleera—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Hoʼi Addunyaa Garmalee Dabaleera—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Adoolessa 2022​tti, hoʼi addunyaa garmalee akka dabale gabaafameera:

  •   “Hoʼa addunyaa isa jiʼa kana keessa yeroo lammaffaatiif garmalee dabaletti, bulchitoonni Chaayinaa magaalonni isaanii gara 70 taʼan hoʼa ol aanaa akka galmeessisan itti himuudhaan namoota akeekkachiisaa jiru.”—Adoolessa 25, 2022, CNN Wire Service.

  •   “Guutummaa Awurooppaa keessatti hoʼi garmalee waan dabaleef, biyyoota Awurooppaa hedduu keessatti ibiddi bosonaa kaʼeera.”—Adoolessa 17, 2022, The Guardian.

  •   “Hoʼi bonaa Qarqara Bahaatti, akkasumas Kibbaa fi Giddu Gala Lixaa keessaa immoo bakkawwan tokko tokkotti waan babalʼateef, magaaloonni Yunaayitid Isteetis keessatti argaman hedduun gaafa Dilbataa hoʼa isa yeroo kaanii caalu galmeessisaniiru.”—Adoolessa 24, 2022, The New York Times.

 Kun hundi hiika maalii qaba? Oolee bulee lafti bakka jireenyaaf hin mijoofne taatii laata? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Hoʼi garmalee dabaluun isaa raawwii raajii Kitaaba Qulqulluutii?

 Eeyyee. Hoʼi addunyaa garmalee dabaluun isaa, wantoota Kitaabni Qulqulluun bara keenyatti akka raawwataman dubbate keessaa tokko dha. Fakkeenyaaf, Yesuus ‘wantoota nama sodaachisan’ ykn ‘wantoota nama rom’isiisan’ akka arginu raajii dubbateera. (Luqaas 21:11; Hiika Bara 1997) Hoʼi addunyaa garmalee dabaluun isaa, namonni hedduun ilmaan namootaa lafa ni balleessu jedhanii akka sodaatan taasiseera.

Lafti kan irra hin jiraatamne taatii laata?

 Matumaa. Waaqayyo lafa kan uume ilmaan namootaa bara baraaf akka irra jiraatanifi dha. (Faarfannaa 115:16; Lallaba 1:4) Ilmaan namootaa lafa akka balleessan heyyamuu mannaa, ‘warra lafa mancaasan balleessuuf’ waadaa galeera.—Mulʼata 11:18.

 Mee raajiiwwan Waaqayyo lafaaf maal akka godhu ibsan lama qofa haa ilaallu:

  •   “Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.” (Isaayyaas 35:1) Waaqayyoo lafti gammoojjii namni irra jiraachuu hin dandeenye akka taatu matumaa hin heyyamu; kanaa mannaa kutaa lafaa isa mancaʼe deebisee ni sirreessa.

  •   “Firii baayʼee akka argamsiistuu fi badhaatuu akka taatu gochuudhaan, lafa ni kunuunsita.” (Faarfannaa 65:9) Eebba Waaqayyootiin lafti jannata taati.

 Jijjiiramni qilleensaa raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhu akkamitti akka taʼe caalaatti beekuuf, mata duree “Jijjiirama Qilleensaa fi Jireenya Egeree Keenya—Kitaabni Qulqulluun Kana Ilaalchisee Maal Jedha?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

 Waaʼee abdii lafti deebitee akka haareffamtu ibsu caalaatti beekuuf, mata dure “Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.