Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

mustafahacalaki/DigitalVision Vectors via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Hubannoo Namtolcheen (Artificial Intelligence) Nu Miidhamoo Nu Fayyada?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Hubannoo Namtolcheen (Artificial Intelligence) Nu Miidhamoo Nu Fayyada?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Dhiheenya kana bulchitoonni, saayintistoonnii fi hayyoonni teknooloojii dandeettii hubannoo namtolchee (AI) irratti yaada kennaniiru. Namoonni kun faayidaa akka qabu kan amanan taʼus, karaa sirrii hin taaneen itti hojjetamuu akka dandaʼus yaaddoo qaban ibsaniiru.

  •   Pireezidaantii ittaantuu Yuunaayitid Isteetis kan taʼan Kaameelaa Haaris Caamsaa 4, 2023 akkas jedhaniiru: “Hubannoon namtolchee teeknoloojiiwwan yeroo harʼaatti argaman keessaa baayʼee dinqisiisaa siʼa taʼu, jireenya namootaa fooyyessuus ni dandaʼa . . . Gama biraatiin immoo sodaan nageenyaa saffisaan akka dabalu gochuu, mirga namummaa keenya sarbuu fi iccitii keenya saaxiluu, darbees amanannaa namoonni dimookraasii irratti qaban balleessuu dandaʼa.”

  •   Gareen doktarootaa fi ogeeyyii yaalii fayyaa Doktar Fireederiik Feedeerspeeliin geggeeffamu tokko mata duree barruu BMJ Global Health a jedhamurratti Caamsaa 9, 2023 baaserratti akkas jedheera: “Hubannoon namtolchee (AI) yaalii fayyaarratti fooyyaʼiinsa fiduu dandaʼa, taʼus, fayyummaa qaamaa fi miiraa keenya miidhuu dandaʼa.”

  •   Barruun The New York Times jedhamu Caamsaa 1, 2023 akkas jedheera: “Ammumayyuu namoonni odeeffannoo sobaa tamsaasuuf hubannoo namtolchee fayyadamaa jiru. Dhiheenyatti immoo namoota hojii dhabsiisuu dandaʼa. Namoonni teeknooloojiirratti hojjetan tokko tokko fuulduratti hubannoon namtolchee namoota balaadhaaf saaxiluu dandaʼa jedhanii yaaddaʼu.”

 Hubannoon namtolchee hammam namoota akka fayyadu ykn akka miidhu fuulduratti ifa taʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Carraaqqiin namootaa sodaa kan uumu maaliif?

 Kitaabni Qulqulluun namoonni guddina gama teknooloojiitiin fidan wanta gaarii qofaaf faayidaarra oolchuu kan hin dandeenye maaliif akka taʼe nutti hima.

  1.  1. Namoonni yaada gaariidhaan kakaʼanii yeroo waa hojjetanillee miidhaa gochisaanii fidu dursanii hubachuu dhiisuu dandaʼu.

    •   “Daandiin sirrii fakkaatee namatti mulʼatu jira, dhuma irratti garuu gara duʼaatti geessa.”—Fakkeenya 14:12.

  2.  2. Namni tokko wanta inni hojjete namoonni kaan akkamitti akka itti fayyadaman toʼachuu hin dandaʼu.

    •   “Ani [hojii koo] nama na booda dhufuuf dhiisee [nan darba] . . . Inni ogeessa yookiin gowwaa akka taʼu eenyutu beeka? Taʼus inni wantoota ani carraaqqii guddaa fi ogummaadhaan samii jalatti argadhe hundumaa ni fudhata.”—Lallaba 2:18, 19.

 Shakkiin akkasii Uumaa keenyarraa qajeelfamni kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe nu hubachiisa.

Eenyutti amanamuu dandeenya?

 Uumaan keenya namoonni ykn teeknooloojiin isaan kalaqan lafa ykn ilmaan namootaa akka balleessu matumaa akka hin heyyamne waadaa galeera.

  •   “Lafti . . . bara baraaf jiraatti.”—Lallaba 1:4.

  •   “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”—Faarfannaa 37:29.

 Uumaan keenya karaa Kitaaba Qulqulluu qajeelfama gara fuulduraatti jireenya nagaa fi tasgabbii qabu argachuuf nu gargaaru nuuf kenneera. Kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu caalaatti barachuuf mata duree, “Qajeelfama Egeree Amansiisaa Qabaachuuf Nu Gargaaru Argachuu ni Dandeenyaa?” jedhuu fi “Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu” jedhu ilaali.

a Mata duree, hubannoon namtolchee fayyaa fi lubbuu namootaa balaadhaaf saaxiluu akka dandaʼu ibsuu fi Fireederiik Feedeerspeelii, Ruut Miisheel, Aashaa Asookaan, Kaarloos Yuumanaa fi Deevidi Makooyiin qophaaʼerraa fudhatame.