Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YURI LASHOV/AFP via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Kiristiyaanonni Waraana Irratti Hirmaachuu Qabuu? Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?

Kiristiyaanonni Waraana Irratti Hirmaachuu Qabuu? Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?

 Akkuma walitti buʼiinsa Yuukreen keessatti uumame irraa argaa jirru, geggeessitoonni amantaa Kiristiyaanaa hedduun namoonni waraana irratti akka hirmaatan jajjabeessaa jiru. Qeesonni tokko tokko gama lamaaniinuu walitti buʼiinsa kana irratti hirmaachaa kan jiran akkamitti akka taʼe ilaali:

  •   “Loltoota keenya biyya isaanii Yuukreeniin weerartoota irraa eegaa jiraniif kabaja guddaa kennina, akkasumas ni galateeffanna . . . Yeroo hunda yaadaan isin faana jirra, isiniif kadhanna, isin deggerras.”—Phaaphaasii Ol Aanaa Tokkoffaa Kiyeev Eeppefeeniyas, gabaasa The Jerusalem Post, Bitootessa 16, 2022.

  •   “Dura taaʼaan Amantaa Ortodoksii Raashiyaa, gaafa guyyaa Dilbataa loltoota Raashiyaatiif sagantaa amantii addaa qopheessuudhaan duulli Yuukreenitti geggeeffamaa jiru hanga xumuramutti biyya isaaniitiif akka lolan isaan jajjabeesseera.”—Reuters, Ebla 3, 2022.

 Kiristiyaanonni waraana irratti hirmaachuu qabuu? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

 Kitaabni Qulqulluun namoonni dhugumaan Yesuus Kiristoosiin hordofan waraana irratti akka hin hirmaanne barsiisa.

  •   “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu.”—Maatewos 26:52.

     Namni waraana deggeru ykn waraana irratti hirmaatu tokko qajeelfama Yesuus kana dhuguma hordofaa jiraa?

  •   “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yohaannis 13:34, 35.

     Namni waraana deggeru tokko jaalala Yesuus duuka buutota ykn barattoota isaa adda baasee akka beeksisu dubbate argisiisaa jira jechuun ni dandaʼamaa?

 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Kiristiyaanummaan Waraana ni Deggeraa?” jedhu dubbisi.

Kiristiyaanonni yeroo harʼaa waraana irratti hirmaachuu qabuu?

 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa waraana irratti hirmaachuu dhiisuun isaanii sirriidhaa? Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jirruu fi “guyyoota dhumaa” jedhamee waamamu keessatti, namoonni gosa hundumaa keessaa dhufanii fi “kana booda waraana hin baratan” jedhaman akka jiraatan dursee dubbateera. Kun immoo barumsa Yesuusii wajjin wal sima.—Isaayyaas 2:2, 4.

 Dhiheenyatti Yihowaa a inni ‘Waaqa nagaa’ taʼe, mootummaa isaa isa samiitti fayyadamee namoota ‘cunqursaa fi hamminaan’ miidhamaa jiran ni oolcha.—Filiphisiyus 4:9; Faarfannaa 72:14.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.