Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ismail Sen/Anadolu Agency via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Kirkirri Lafaa Cimaan Turkii fi Sooriyaa Rukute—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kirkirri Lafaa Cimaan Turkii fi Sooriyaa Rukute—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Wiixata, Guraandhala 6, 2023​tti kirkirri lafaa cimaan Turkii fi Sooriyaa rukute.

  •   “Kirkirri lafaa gaafa Wiixataa Turkii fi kaaba dhihaa Sooriyaa rukute namoota 3,700 ol galaafateera; balaan kun kan gaʼe tibba qorri cimaan jirutti taʼuun isaa haalli namoota kumaan lakkaaʼamanii fi kirkira lafaa sanaan miidhamanii ykn mana isaanii dhabanii akka hammaatu, akkasumas namoota lubbuudhaan oolan argachuun rakkisaa akka taʼu godheera.”—Reuters, Guraandhala 6, 2023.

 Oduu gaddisiisaa akkasii yeroo dhageenyu baayʼee gaddina. Yeroo akkasiitti Yihowaa isa “Waaqa jajjabina hundaa taʼe” irraa gargaarsa argachuu ni dandeenya. (2 Qorontos 1:3) Inni “jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf” qophii nuuf godheera.—Roomaa 15:4.

 Kitaaba Qulqulluurraa waaʼee wantoota armaan gadii baranna:

  •   Kirkira lafaa ilaalchisee raajii akkamiitu dubbatame?

  •   Jajjabinaa fi abdii eessaa argachuu dandeenya?

  •   Waaqayyo rakkina hundumaa kan balleessu akkamitti?

 Waaʼee kanaa Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu beekuu yoo barbaadde mata dureewwan armaan gadii dubbisi:

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.