Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Michummaa Uumuudhaan Kophummaa Dandamachuu—Kitaabni Qulqulluun Nu Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

Michummaa Uumuudhaan Kophummaa Dandamachuu—Kitaabni Qulqulluun Nu Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

 Bara 2023​tti ogeeyyiin fayyaa kophummaan dhibee fayyaa cimaa furmaata kennuufii qaban akka taʼe hubataniiru. Maarree kophummaan furmaata argachuu dandaʼaa?

  •   Ogeessa baqaqsanii hodhuu Yuunaayitid Isteetis kan taʼan Doktar Viivek Murziin, “Yommuu kophummaan nutti dhagaʼamuu fi namoota irraa adda of baasnu, fayyaa keenyaa balaadhaaf saaxilla, akkasumas gammachuu keenya dhabna” jedhaniiru. Itti fufuudhaan garuu, “Wanti gochuu dandeenyu jira” jedhaniiru. Maarree maal gochuu dandeenya? “Guyyuma guyyaan tarkaanfii xixinnoo fudhachuudhaan hariiroo namootaa wajjin qabnu cimsachuu dandeenya.” a

 Kophummaan namoota irraa adda of baasuudhaan qofa kan dhufu miti. Namoonni tokko tokko utuma namoota hedduu gidduu jiranii kophummaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kophummaaf wanti sababa taʼe maaliyyuu yoo taʼe, Kitaabni Qulqulluun nu gargaaruu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun gorsa qabatamaa michummaa namootaa wajjin qabnu cimsachuudhaan kophummaa moʼuuf nu gargaaru qabateera.

Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu nu gargaaruu dandaʼan

 Dandeettii namootaa wajjin haasaʼuu guddifachuu. Kun miira kee isaanitti himuu qofa utuu hin taʼin, yommuu isaan dubbatan akka gaariitti dhaggeeffachuu dabalata. Caalaatti namootaaf akka yaaddu yommuu argisiistu, hariiroon keessan caalaatti cima.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.

 Namoota adda addaa wajjin michummaa uumi. Namoota umuriidhaan si caalan ykn sii gad taʼan ykn akkaataan guddinaa ykn lammummaan isaanii kan kee irraa adda taʼee wajjin michummaa uumuuf fedhii qabaadhu.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Garaa keessan balʼisaa banaa.”—2 Qorontos 6:13.

 Warra kaanii wajjin akkamitti hariiroo cimaa uumuun akka dandaʼamu odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree Afaan Amaariffaatiin jiruu fi “Fedhii Michummaa Uumuuf Qabnu Guuttachuu” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

a Our Epidemic of Loneliness and Isolation: The U.S. Surgeon General’s Advisory on the Healing Effects of Social Connection and Community, 2023.