Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Justin Paget/Stone via Getty Images

Kophummaan Babalʼateera—Dandamachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Kophummaan Babalʼateera—Dandamachuu kan Dandeessu Akkamitti?
  •   “Namoonni gaʼeessota taʼanii fi Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatan keessaa gara walakkaa kan taʼan kophummaan isaanitti dhagaʼamaa akka jiru gabaasaniiru; lakkoofsi dargaggoota akkas isaanitti dhagaʼamuummoo kanarra ni caala.”—Our Epidemic of Loneliness and Isolation: The U.S. Surgeon General’s Advisory on the Healing Effects of Social Connection and Community, 2023.

  •   “[Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa] garee, kophummaan rakkina fayyaa ariifachiisaa taʼuusaa qoratu, namoonni warra kaan wajjin hariiroo akka uuman jajjabeessuu fi biyyoota hiyyeeyyii taʼan dabalatee biyyoota hundumaa keessatti karaa gaarii kophummaadhaaf furmaata kennuun itti dandaʼamu barbaadu ramadeera.”—Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Sadaasa 15, 2023.

 Kitaabni Qulqulluun gorsa warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu gargaaru nuuf kenna.

Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu nu gargaaruu dandaʼan

 Sochiiwwan warra kaanirraa si fageessan hirʼisi. Kunis miidiyaalee hawaasaatti baayʼinaan fayyadamurraa of qusachuu dabalata. Kanaa mannaa, carraa qaamaan namoota wajjin yeroo dabarsuu fi michoota dhugaa horachuuf si dandeessisu barbaaddadhu.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17.

 Carraa warra kaan itti gargaartu barbaaddadhu. Namootatti gaarummaa argisiisuun kee michummaa isaan wajjin qabdu cimsachuuf qofa utuu hin taʼin, miirri gaariin akka sitti dhagaʼamus si gargaara.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—Hojii Ergamootaa 20:35.

 Kitaabni Qulqulluun michummaa gaarii uumuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe caalaatti barachuuf weebsaayitii keenya ilaali.