DAMMAQINAAN EEGAA!
Maallaqni Tiriiliyoonaan Lakkaaʼamu Waraanaaf Ooleera—Dhugumaan Baasii Hangamiitu Baʼa?
Baasiin waraanaaf oolu baayʼee hedduudha.
“Yeroo waraanni hedduun geggeeffamu kanatt, baasiin addunyaa maratti loltootaaf baʼu doolaara Ameerikaa tiriiliyoona 2.2 gaʼeera.”—The Washington Post, Guraandhala 13, 2024.
Baasiin kun wanta maallaqa caalu dabalata. Akka fakkeenyaatti waraana Yuukreen haa kaasnu.
Loltoota. Akka namoonni tokko tokko tilmaamanitti, erga waraanichi jalqabamee waggaa lama keessatti loltoonni 500,000 taʼan ajjeefamaniiru ykn madaaʼaniiru.
Uummata. Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibsetti, namoonni 28,000 ol taʼan duʼaniiru ykn miidhamaniiru. Haa taʼu malee, akka abbaan taayitaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tokko jedhanitti, “Waraana miidhaa geessisu kanaan lubbuun namoota meeqaa akka mancaʼe tilmaamuun baayʼee ulfaataadha.” a
Rakkinni sababii waraanaa fi walitti buʼiinsi addunyaa maratti raawwatamu geessisu hangana jedhamuu hin dandaʼu.
Miliyoona 114. Lakkoofsa namoota Fulbaana 2023 asitti sababii waraanaa fi jeequmsaatiin qeʼee isaanii irraa buqqaʼanii.
Miliyoona 783. Lakkoofsa namoota beela cimaadhaan dararamaa jiranii. “Wanti beelli akka uumamu godhu inni guddaan walitti buʼiinsadha; addunyaa irratti namoota beelaʼan keessaa dhibbeentaa 70 kan taʼan namoota naannoo waraanaa fi jeequmsaa jiraatanidha.”—Sagantaa Nyaataa Addunyaa.
Yeroo itti waraanni hin jirre ni dhufaa? Nagaan akka dhufu abdachuu ni dandeenyaa? Qabeenyi addunyaarra jiru hedduun beelaa fi hiyyummaa hambisuu ni dandaʼa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
Yeroo waraanaa
Kitaabni Qulqulluun waraana guutummaa lafaa irra jiru ilaalchisee raajii dubbateera; fakkeenyaan yommuu ibsu qaama farda tokkoon gulufuu akka taʼe dubbateera.
“Fardi kan biraan diimaan tokko ni baʼe; inni isa irra taaʼes namoonni akka wal gorraʼaniif nagaa lafa irraa akka fuudhu aangoon isaaf kenname, goraadee guddaan tokkos isaaf kenname.”—Mulʼata 6:4.
Abbaan fardaa fakkeenyaan ibsame sun, abbootii fardaa lamaan kan biroo isatti aananii baʼan, beelaa fi duʼa dhaʼichaan ykn wanta kan biraatiin addunyaa maratti gaʼu argisiisu. (Mulʼata 6:5-8) Raajii Kitaaba Qulqulluu kanaa fi sababii raajiin kun bara keenyatti raawwatamaa akka jiru mirkanaaʼoo itti taane ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, mata duree “Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.
Nagaa gara fuulduraatti dhufu
Dhiheenyatti qabeenyi addunyaa waraanaaf ooluun isaa ni hafa. Haa taʼu malee, kun carraaqqii namootaatiin kan raawwatamu miti. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:
Waaqayyo “guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.”—Faarfannaa 46:9.
Waaqayyo miidhaa guddaa waraanni geessise hunda ni dhabamsiisa. “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4.
Waaqayyo namni hundi nagaadhaan akka jiraatu godha. “Sabni koo iddoo dhaabbataa nagaa qabu keessa,Iddoowwan jireenyaa amansiisoo fi iddoowwan boqonnaa tasgabbii qaban keessa ni jiraata.”—Isaayyaas 32:18.
Akka raajiin Kitaaba Qulqulluu ibsuutti, waraannii fi taʼeewwan yeroo ammaatti arginu kan biroon yeroo nagaan itti argamu baayʼee dhihoo akka taʼe argisiisa.
Waaqayyo gara fuulduraatti nagaa kan fidu akkamitti? Bulchiinsa isaa isa samiitti ykn Mootummaa isaatti fayyadameeti. (Maatewos 6:10) Mootummaan kun maal akka taʼee fi siif hiika maalii akka qabu beekuuf, viidiyoo gabaabaa Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha? jedhu akka ilaaltu si jajjabeessina.
a Mirooslav Jiinka, gargaaraa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii. Awurooppaaf, Mudde 6, 2023.