Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sean Gladwell/Moment via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Baasiin Addunyaa Maratti Waraanaaf Baʼu Doolaara Ameerikaa Tiriiliyoona 2 Caale—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Baasiin Addunyaa Maratti Waraanaaf Baʼu Doolaara Ameerikaa Tiriiliyoona 2 Caale—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Bara 2022 addunyaa maratti waraanaaf maallaqni Doolaara Ameerikaa Tiriiliyoona 2.24 baasii taʼeera; maallaqni kun isa kanaan duraarra baayʼee caala. Maallaqni kun harki caalaan isaa baasii kan taʼe Raashiyaan Yuukreeniin waan weerarteefi. Gabaasni Dhaabbanni Qorannoo Nagaa Biyyaalessaa Istookhoolm (Stockholm International Peace Research Institute) Ebla 2023​tti baase akka argisiisutti, bara 2022​tti:

  •   Baasiin Awurooppaan waraanaaf baaste “waggaa kanatti parsantii 13 dabaleera; baasii mootummoonni Awurooppaa bara 1991 kaasee waggaatti waraanaaf baasan keessaa kun isa hundarra caaludha.”

  •   “Baasiin Raashiyaa . . . tilmaamaan parsantii 9.2 dabaleera, kunis addunyaarraa baasiidhaan sadarkaa shanaffaarraa gara sadaffaatti akka dhuftu godheera.”

  •   Yuunaayitid Isteetis baasii waraanaatiin sadarkaama tokkoffaarra kan jirtu siʼa taʼu, “baasii addunyaan waraanaaf baasu keessaa parsantiin 39 kan isheeti”

 Doktar Naan Tiyen inni gargaaraa barreessaa gabaasa Dhaabbata Qorannoo Nagaa Biyyaalessaa Istookhoolm taʼe akkas jedheera: “Waggoota dhihoodhaa asitti addunyaa maratti baasiin waraanaaf baʼu utuu walirraa hin kutin dabaluunsaa, kan jiraannu addunyaa yeroodhaa gara yerootti tasgabbii dhaabaa jiru keessa akka taʼe argisiisa.”

 Kitaabni Qulqulluun mootummoota humna guddaa qaban gidduutti waldhabiinsi akka uumamuu fi nagaan karaa kamiin qofa akka argamu dursee dubbateera.

Waraanni akka dabalu dursee dubbatameera

  •   Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jiraachaa jirru “bara dhumaa” jedhee waama.—Daaniʼel 8:19.

  •   Kitaabni Daaniʼel bara dhumaatti mootummoonni addunyaa wal morkatan akka jiraatan dursee dubbateera. Mootummoonni kun ‘wal dhiibu’ ykn olaantummaa argachuuf qabsaaʼu. Qabsoon gama waraanaatiin godhan “qabeenya” heduu gumaachuu ykn maallaqa hedduu baasuu kan dabalatudha.—Daaniʼel 11:40, 42, 43.

 Waaʼee raajii Kitaaba Qulqulluu ajaaʼibsiisaa taʼe kanaa barachuuf viidiyoo, Raajii Raawwatame—Daaniʼel Boqonnaa 11 jedhu ilaali.

Nagaa dhugaan kan argamu akkamitti?

  •   Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo mootummaa ilmaan namootaa, Mootummaa kan biraadhaan akka bakka buusu dubbata. Inni “mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa. Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu. Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.”—Daaniʼel 2:44.

  •   Yihowaan a dhiheenyatti nagaa dhugaa fi dhuma hin qabne fiduudhaan wanta ilmaan namootaaf hin dandaʼamne ni raawwata. Akkamitti? Mootummaan isaa inni samii meeshaa waraanaa hundumaa fi hammeenya hundumaa ni balleessa.—Faarfannaa 46:8, 9.

 Wanta Mootummaan Waaqayyoo raawwatu caalaatti barachuuf mata duree “Mootummaa Waaqayyoo Jalatti ‘Nagaan ni Baayʼata’” jedhu dubbisi.

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.