Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TheCrimsonMonkey/E+ via Getty Images

Miidhaawwan Pilaaneetii Keenya Irra Gaʼan—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Miidhaawwan Pilaaneetii Keenya Irra Gaʼan—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

 “Rakkoon haala qilleensaa cimaa taʼe namoota, magaalotaa fi lubbuu qabeeyyii hunda irratti miidhaa guddaa geessisaa jira. Obomboleettii cimaan sababii jijjiirama qilleensaatiin gaʼu addunyaa maratti manneen namootaa fi hojii namoonni jiraachuuf hojjetan irratti badii guddaa geessisuu isaa itti fufeera. Haalli qilleensaa garbootaa garmalee hoʼuu isaatiin kan kaʼe lubbu qabeeyyiin garba keessa jiran hedduun dhumuu dandaʼu.”—Injar Andarsan, barreessaa itti aanaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Hogganaa Sagantaa Eegumsa Naannoo Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii, Adoolessa 25, 2023.

 Bulchitoonni rakkina addunyaa dararaa jiru furuuf waliin hojjechuu ni dandaʼuu? Furmaata dhaabbataa taʼehoo argamsiisuu ni dandaʼuu?

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee bulchiinsa miidhaawwan pilaaneetii keenya irra gaʼan hundaaf furmaata kennuu dandaʼuu fi furmaata kennuu ni dubbata. “Waaqni samii mootummaa . . . tokko ni hundeessa” jedha; bulchiinsi kun lafa kan bulchuu fi rakkoowwan guutummaa lafaa irra jiran hunda kan furudha. (Daaniʼel 2:44) Mootummaa kana jalatti namoonni wal irrattis taʼe lafa irratti, “miidhaa yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan.”—Isaayyaas 11:9.