Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Chris McGrath/Getty Images

DUULA ADDAA

Mootummaan Waaqayyoo Waraana Maal Godha?

Mootummaan Waaqayyoo Waraana Maal Godha?

 Addunyaan waraana gaddaa fi dhiphina hangana hin jedhamneen barbadeeffamuu isaa itti fufeera. Gabaasawwan armaan gadii qalbeeffadhu:

  •   “Waggaa darbe, keessumaa waraanota bara 1995 asitti godhaman irratti lakkoofsi namoota waraanaan duʼanii, harka caalaa isaa immoo waraanota Itoophiyaa fi Yuukreen keessatti geggeeffamaniin namoonni hedduun dhumaniiru.”—Dhaabbata Qorannoo Nagaa Oosloo, Waxabajjii 7, 2023.

  •   “Waraanni Yuukreen keessatti geggeeffamaa jiru waraanota bara 2022 keessatti caalaatti hammaachaa deeman keessaa tokko qofadha. Walumaa galatti, waggaa darbe yakki siyaasaa addunyaa maratti 27% dabaleera; kanaan kan kaʼes namoonni biliyoona 1.7 akka taʼan tilmaamamu miidhaan irra gaʼeera.”— The Armed Conflict Location & Event Data Project (ACLED), Guraandhala 8, 2023.

 Kitaabni Qulqulluun abdii kenna. “Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa” jedha. (Daaniʼel 2:44) Mootummaa ykn bulchiinsa Waaqayyoo jalatti, Waaqayyo “guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.”—Faarfannaa 46:9.