Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ahmad Gharabli/AFP via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Mootummoonni Wal Taʼiinsaan Hojjechuudhaan Faalama Qilleensaa Hambisuu Dandaʼuu?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Mootummoonni Wal Taʼiinsaan Hojjechuudhaan Faalama Qilleensaa Hambisuu Dandaʼuu?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Dilbata, Sadaasa 20, 2022​tti, Walgaʼiin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii COP27 ni xumurame. Bulchitoonni walgaʼii sana irratti hirmaatan biyyoonni hiyyeeyyiin miidhaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu irraa akka bayyaannataniif deeggarsa gochuuf walii galanis, namoonni baayʼeen garuu kun rakkinichaaf furmaata akka hin taane amanu.

  •   Sadaasa 19, 2022, barreessaa ol aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼan Antooniyoo Guutareez akkas jedhaniiru: “ Warra sababa jijjiirama qilleensaatiin miidhaman gargaaruuf murtoo irra gaʼamuun isaa na gammachiiseera,” itti fufuudhaanis, “garuu kun gaʼaa akka hin taane beekna. . . Ammayyuu pilaaneetiin keenya haala deebitee bayyaannachuu hin dandeenyeen mancaʼuu jala geesseetti.”

  •   “Lafa keenya irra yeroo dhihootti jijjiiramni qilleensaa hundumaa irra miidhaa guddaa geessisu gaʼuu dandaʼa.”—Meerii Roobiinsan, Pireezidaantii Aayerlaandi duraanii fi Abbaa Taayitaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhimmoota Mirga Dhala namaa duraanii, Sadaasa 20, 2022.

 Keessumaa dargaggoonni wanti gara fuulduraatti pilaaneetii keenya irra gaʼu isaan yaaddessa. Haa taʼu malee, biyyoonni waltaʼiinsaan hojjechuudhaan waadaa wanta jijjiirama qilleensaaf furmaata taʼu gochuuf galan ni eeguu? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Biyyoonni tokkummaa uumuu fi milkaaʼuu ni dandaʼuu?

 Mootummoonni jabaatanii hojjetanis, akkasumas garaadhaa carraaqqii godhanis Kitaabni Qulqulluun rakkina kana guutummaa guutuutti furuu akka hin dandeenye dubbata. Sababii akkas itti jennu lama haa ilaallu:

  •   “Wanti jalʼaan sorooroo taʼuu hin dandaʼu.”—Lallaba 1:15.

     Hiika isaa: Namoonni akka ofiin of bulchaniif waan hin uumamneef, mootummoonni wanta raawwachuu yaadan hundumaa gochuu hin dandaʼan. (Ermiyaas 10:23) Mootummoonni tokkummaa uumuu utuu dandaʼanillee hammamiyyuu jabaatanii utuu hojjetanii rakkina addunyaa kanaa furuu hin dandaʼan.

  •   “Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . walii galuuf fedhii kan hin qabne” taʼu—2 Ximotewos 3:2, 3.

     Hiika isaa: Kitaabni Qulqulluun namoonni bara keenyatti jiran hedduun kan of jaalatanii fi jireenya namoota hedduu fooyyessuuf warra kaanii wajjin walii galanii hojjechuuf fedhii kan hin qabne akka taʼan dursee raajii sirrii taʼe dubbateera.

Abdii qabaachuuf sababii qabnu

 Haa taʼu malee, gara fuulduraatti wanti pilaaneetii keenya irra gaʼu waadaa mootummoonni galan irratti kan hundaaʼe miti. Waaqayyoo Yesuus Kiristoos isa addunyaa bulchuuf gaʼumsa qabu nuuf muudeera. Yesuusiin ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun akkas jedha:

  •   “Mootummaan gateettii isaa irra ni taʼa. Maqaan isaas, Gorsaa Dinqii, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara Baraa, Bulchaa Nagaa jedhama.”—Isaayyaas 9:6, miiljalee.

 Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo ykn Mootummaa isa samiiti. (Maatewos 6:10) Pilaaneetii keenyaa fi jiraattota ishii kunuunsuuf humna, ogummaa fi fedhii qaba. (Faarfannaa 72:12, 16) Mootummaan samii kun bulchiinsa isaa jalatti “warra lafa balleessan” ni balleessa, akkasumas qilleensa naannoo gara gaariitti jijjiira.—Mulʼata 11:18, miiljalee; Isaayyaas 35:1, 7.

 Faalama qilleensaa fi furmaata waarawaan maal akka taʼe caalaatti beekuuf mata duree “Jijjiirama Qilleensaa fi Jireenya Egeree Keenya—Kitaabni Qulqulluun Kana Ilaalchisee Maal Jedha” Jedhu ilaali