Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

sinceLF/E+ via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Namoota Nagaa Eenyutu Oolcha?—Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?

Namoota Nagaa Eenyutu Oolcha?—Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?

 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa akkana jedhu baaseera:

  •   Walitti buʼiinsa Gaazaa fi Israaʼel gidduu jiruun kan kaʼe, Onkoloolessa 7 hanga Onkoloolessa 23, 2023​tti, namoonni 6,400 ol ajjeefamaniiru, namoonni 15,200 immoo madaaʼaniiru. Isaan keessaa baayʼeen isaanii namoota nagaadha. Sanbiraan immoo namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman qeʼeesaaniirraa buqqaʼaniiru.

  •   Waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti godhamuun kan kaʼe hanga Fulbaana 24, 2023​tti, Yuukreen keessatti siiviloonni 9,701 ajjeefamaniiru, 17,748 kan taʼanimmoo madaaʼaniiru.

 Kitaabni Qulqulluun namoota sababa waraanaatiin rakkinarra buʼaniif abdii akkamii qabateera?

Abdiidhaan eeggachuuf sababii qabna

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa” jedha. (Faarfannaa 46:9) Inni mootummoota ilmaan namootaa hundumaa Mootummaa samiitiin bakka buusa. (Daaniʼel 2:44) Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaa hundumaaf boqonnaa argamsiisa.

 Mee Yesuus Kiristoos inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe maal akka raawwatu ilaali:

  •   “Inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu, akkasumas isa rakkataa taʼee fi isa gargaaraa hin qabne kam iyyuu ni oolcha. Isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼeef ni gadda, lubbuu hiyyeeyyiis ni oolcha. Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—Faarfannaa 72:12-14.

 Waaqayyo Mootummaa isaatti fayyadamuudhaan dhiphinaa fi rakkina sababa waraanaa fi jeequmsaatiin dhufe guutummaatti balleessa.

  •   “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4.

 Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti lafarratti jijjiirama guddaa fida. Kitaabni Qulqulluun, ‘Waraannii fi oduun waraanaa’ akka jiraatu dursee dubbateera; wanti nuti yeroo harʼaatti argaa jirrus kanumadha. (Maatewos 24:6) Taateewwan kunii fi kanneen biroon amma kan jiraannu ‘dhuma’ bulchiinsa ilmaan namootaa keessa akka taʼe argisiisu.—2 Ximotewos 3:1.