Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

kovop58/stock.adobe.com

DAMMAQINAAN EEGAA!

Olompiikiin Dhuguma Namoota Tokko Gochuu Dandaʼaa?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Olompiikiin Dhuguma Namoota Tokko Gochuu Dandaʼaa?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Olompiikii bara 2024 waqtii bona Awurooppaatti geggeeffamaa jiru irratti atleetonni biyyoota 206 keessaa dhufan kan irratti hirmaatan yommuu taʼu namoonni gara biliyoona shanii taʼan ni daawwatu jedhamee tilmaamama. Pireezidaantii Koree Olompikii Idil addunyaa kan taʼan obbo Toomaas Baah, “Taatee addunyaan nagaa fi tokkummaa akka qabaattu godhu irratti hirmaachaa jirra. Hundi keenya garaagara taanus, yaada Olompiikii isa addunyaan nagaa fi tokkummaa akka qabaattu jajjabeessu haa deggerru” jedhaniiru.

 Dhuguma taphni Olompiikii wanta dinqisiisaa taʼe kana gochuu dandaʼaa? Dhugumaan nagaa fi tokkummaa dhugaa argachuu ni dandeenyaa?

Taphni Olompiikii dhuguma nagaa fi tokkummaa fiduu dandaʼaa?

 Taphni Olompiikii waggaa kanaa namoonni waaʼee wanta ispoortiirra caalu tokkoo akka yaadan godheera. Taphni kun dhimmoota hawaasaa fi siyaasaa namoota qoqqoodaniif xiyyeeffannaa kenneera. Dhimmoota kana keessaa tokko tokko mirga namummaa, sanyii fi amantiidhaan wal qoqqooduu fi namoota wal caalchisuudha.

 Olompiikii dabalatee ispoortiiwwan idil addunyaa namoota bashannansiisuuf qophaaʼu. Haataʼu malee, qophiiwwan kun nagaa fi tokkummaa dhugaan akka uumamu gochuu mannaa, ilaalchii fi gochi wal qoqqoodiinsa uumu akka babalʼatu godhu.

 Kitaabni Qulqulluun amaloonni tokkummaa qabaachuun baayʼee akka ulfaatu godhan warra kam akka taʼan dursee dubbateera. (2 Ximotewos 3:1-5) Waaʼee raajii Kitaaba Qulqulluu kanaa caalaatti beekuu yoo barbaadde, mata duree “Kitaabni Qulqulluun Wanta Namoonni Yeroo Harʼaa Jiran Yaadanii fi Godhan Raajii Dubbateera?” jedhu dubbisi.

Addunyaan nagaa fi tokkummaa qabaachuu ni dandaʼa

 Kitaabni Qulqulluun addunyaan nagaa fi tokkummaa qabaachuu akka dandaʼu dubbata. Ilmaan namootaa hundi mootummaa samii isa “Mootummaa Waaqayyoo” jedhamu jalatti tokkummaadhaan akka jiraatan dubbata.—Luqaas 4:43; Maatewos 6:10.

 Yesuus Kiristoos inni Mootii Mootummaa kanaa taʼe addunyaa maratti nagaa fida. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha:

  •   “Namni qajeelaan ni lalisa, hamma addeessi dhabamtuttis nagaan ni baayʼata.”—Faarfannaa 72:7.

  •   “Inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu . . . ni oolcha. Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—Faarfannaa 72:12, 14.

 Barumsi Yesuus yeroo harʼaattillee namoonni biyyoota 239 keessatti argamanii fi miiliyoonaan lakkaaʼaman tokkummaa akka qabaatan godheera. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argamanii fi Kiristiyaanota taʼan akkaataa itti naga qabeeyyii taʼan barataniiru. Kun kan taʼe akkamitti akka taʼe beekuu yoo barbaadde, barruu Masaraa Eegumsaa mata duree, “Jibba Injifachuu ni Dandeessa” jedhuun baʼe dubbisi.