Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Brais Seara/Moment via Getty Images

DAMMAQAA EEGAA!

Ongee Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Ongee Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  •   “Chaayinaan hoʼi waggaa kanaa ‘baayʼee cimaa’ akka taʼee fi bonni isaammoo ongeedhaan isa sadaffaa akka taʼe gabaasteetti.”—The Guardian, Fulbaana 7, 2022.

  •   “Ongeen gaanfa Afriikaatti waggaa shaniif utuu walirraa hin kutin itti fufee jira.”—UN News, Hagayya 26, 2022.

  •   “Biyya Awurooppaa harka sadii keessaa harki lama ongeen akka mudatu akeekkachiifamaa jira, waggaa 500 asitti ongee hamaan akkasii uumamee hin beeku.”—BBC News, Hagayya 23, 2022.

 Hayyoonni hedduun ongeen akkasii itti fufiinsa akka qabuu fi hammaachaa akka deemu tilmaamu. Yeroon gara fuulduraa akka fooyyaʼu abdiidhaan eeguu dandeenyaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Ongee fi raajii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Qulqulluun wanta bara keenyatti taʼu ilaalchisee raajii akkana jedhu dubbateera:

  •   “Bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa . . . ni jiraata.”Luqaas 21:11.

 Yeroo baayʼee ongeen hanqinni nyaataa akka jiraatu godha. Hanqinni nyaataa haala kanaan uumamu, akkasumas rakkinnii fi duuti inni geessisu raajiin Kitaaba Qulqulluu raawwiisaa akka argatu taasisa.—Mulʼata 6:6, 8.

Ongeen hammaachaa kan jiru maaliifi?

 Kitaabni Qulqulluun sababii guddaa ongeen itti hammaachaa jiru ni dubbata. Akkana jedha:

  •   ‘Namni ofii isaatiin tarkaanfii isaa qajeelchuu hin dandaʼu.’Ermiyaas 10:23.

 Kana jechuun ilmaan namootaa karaa milkaaʼina qabuun ‘tarkaanfii isaanii qajeelchuu’ ykn ofiin of bulchuu hin dandaʼan jechuudha. Yeroo baayʼee murtoo sirrii hin taane gochuunsaanii ongeen ykn hanqinni bishaanii akka uumamu godha.

  •   Saayintistoonni hedduun wantoonni ilmaan namootaa raawwatan hoʼi addunyaa akka dabalu gochuudhaan addunyaa maratti ongeen akka babalʼatu akka taasise dubbatu.

  •   Qajeelfamoonni sassataarratti hundaaʼanii fi balʼinaan utuu itti hin yaadamin baʼan bosonni akka mancaʼu, qilleensi akka faalamuu fi qabeenyi uumamaa karaa sirrii hin taaneen hojiirra akka oolu gochuudhaan maddeen bishaanii balaadhaaf akka saaxilaman taasisa.

 Taʼus, Kitaabni Qulqulluun abdii kenna.

Gara fuulduraatti furmaanni ni argamaa?

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo hanqina bishaanii yeroo harʼaa jiru gara fuulduraatti akka furu dubbata. Akkamitti?

  1.  1. Waaqayyo, ‘warra lafa mancaasan ni balleessa.’ (Mulʼata 11:18) Wanta hanqina bishaaniitiif sababa taʼe tokko jechuunis namoota hamoo fi sassatoo gochi isaanii lafa miidhaa jiru ni balleessa.—2 Ximotewos 3:1, 2.

  2.  2. “Lafti waxalamaan bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutame  . . . ni taʼa.” (Isaayyaas 35:1, 6, 7) Waaqayyo wantoota sababa ongeetiin mancaʼan ni sirreessa, lafa kanas iddoo biqiltuu bishaan gaʼaa qabdutti ni jijjiira.

  3.  3. “Firii baayʼee akka argamsiistuu fi badhaatuu akka taatu gochuudhaan, Lafa ni kunuunsita.” (Faarfannaa 65:9) Gargaarsa Waaqayyootiin lafti nama hundaaf nyaata gaʼaa fi bishaan qulqulluu kenniti.