Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kim Steele/The Image Bank via Getty Images

Rakkina Dinagdee—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Rakkina Dinagdee—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

 Namoota addunyaa irra jiran hedduudhaaf nyaataa guyyaadhaaf taʼu argachuun qabsoo wal irraa hin cinne gochuu gaafata; akkasumas yeroodhaa gara yerootti caalaatti ulfaataa taʼaa deema.

  •   Gabaasni addunyaa a dhiheenya kana geggeeffame akka ibsetti gatiin maallaqaa namoonni argatan garmalee kufeera. Wanti tokko yoo godhamuu baate, namoota sooressaa fi harka qalleeyyii gidduu garaa garummaa guddaan jiraachuu isaa irra iyyuu, maatiiwwan hedduutti jireenyi isa kanaan duraa caalaa baayʼee ulfaataa isaanitti taʼa.

 Mootummoonni rakkina dinagdee garmalee dabalaa jiru kana furuu ykn fooyyessuu ni dandaʼuu?

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee bulchiinsa walcaalmaa dabalatee rakkina dinagdee hunda furuu dandaʼuu fi furu ni ibsa. “Waaqni samii mootummaa,” jechuunis bulchiinsa dhimmoota lafa irraa hundumaa geggeessu tokko akka ‘hundeessu’ dubbata. (Daaniʼel 2:44) Yeroo Mootummaan sun addunyaa bulchutti, namni kam iyyuu hin irraanfatamu ykn hin dagatamu. (Faarfannaa 9:18) Mootummaan Waaqayyoo lammiiwwan isaa wanta gammadoo taʼuuf isaan barbaachisu hunda isaaniif guuta. Hundi isaanii buʼaa gaarii jabaatanii hojjechuun isaaniif argamsiisutti ni gammadu.—Isaayyaas 65:21, 22.

a Gabaasa Miindaa Dhaabbata Hojii Biyyoolessaa 2022-23