Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Francesco Carta fotografo/Moment via Getty Images

Rakkinni Kophummaa Daran Dabalaa Jira—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Rakkinni Kophummaa Daran Dabalaa Jira—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Akka gabaasa addunyaa a dhiheenya kana godhametti namoota afur keessaa namni tokko kophummaan itti dhagaʼama.

  •   “Hawaasa irraa adda baʼuun nama kamirratti iyyuu, nama umrii kamirratti argamuu fi nama bakka kamiyyuu jiraatu irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa.”​—Chiidoo Peembaa, bakka buutuu Koomishinii Qunnamtii Hawaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.

 Isa namoonni hedduun yaadan irraa karaa faallaa taʼeen, kophummaan namoota dullooman ykn kophaa jiraatan irra qofa utuu hin taʼin, dargaggoota, namoota fayya buleeyyii, namoota milkaaʼanii fi gaaʼela qaban irrattis dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Hawaasa irraa adda of baasuunii fi kophummaan fayyaa fi miira nama tokkoo irratti dhiibbaa cimaa geessisuu dandaʼa.

  •   “Kophummaan miira gadhee namatti dhagaʼamu qofa miti” jechuudhaan Doktar Viiviik Merzii, ogeessa baqaqsanii hodhuu Yuunaayitid Isteetis dubbataniiru. Itti fufuudhaan, “Miidhaa guddaa hawaasa irraa adda of baasuun geessisu, miidhaa guyyaatti sijaaraa 15 xuuxuun geessisuu wajjin qixxeedha” jedhaniiru.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

 Uumaan keenya hawaasa irraa adda akka of baasnu hin barbaadu. Kaayyoon Waaqayyoo ilmaan namootaa yeroo hundumaa michummaa gaarii fi nama gammachiisu akka qabaatanidha.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yihowaan, ‘Namichi kophaa taʼuun isaa gaarii miti’ jedhe.”​—Uumama 2:18.

 Waaqayyo isaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaannu barbaada. Isatti dhihaachuuf carraaqqii yoo goone, innis nutti dhihaachuuf waadaa galeera.​—Yaaqoob 4:8.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti.”​—Maatewos 5:3.

 Waaqayyoo warra kaan faana akka isa waaqeffannu barbaada. Akkas yommuu goonu caalaatti gammadoo taana.

  •   Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu;  . . . walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa,  . . . wal haa jajjabeessinu.”​—Ibroota 10:24, 25.

 Kophummaa dandamachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree Amaariffaan jiruu fi “Addunyaa Sab Qunnamtiidhaan Guutame Keessatti Kophaa Taʼuu” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

a The Global State of Social Connections, by Meta and Gallup, 2023.