Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Siyaasaan Wal Qoqqooduun kan Baayʼate Maaliifi?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Siyaasaan Wal Qoqqooduun kan Baayʼate Maaliifi?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Addunyaa maratti saboonni baayʼeen siyaasaan wal qoqqoodaniiru. Bara 2022​tti dhaabbanni Pew Research Center jedhamu qorannaa tokko godhee ture; qorannaa kana irrattis, “biyyoota 19 qorannaan irratti godhame keessatti namoonni guguddoon dhibbeentaa 65 taʼan biyya isaanii keessatti namoota paartilee siyaasa garaagaraa deggaran gidduutti wal dhabiinsi cimaan ykn baayʼee cimaan akka jiru dubbataniiru.”

 Naannoo ati jiraatutti namoonni siyaasaan wal qoqqooduun isaanii baayʼee dabalaa akka jiru hubatteettaa? Kun kan taʼe maaliifi? Furmaanni isaa hoo maalidha? Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu ilaali.

Amaloota wal qoqqoodinsa uuman

 Kitaabni Qulqulluun yeroo amma keessa jiraannuu fi “guyyoota dhumaa” jedhee waamu kanatti namoonni hedduun amaloota tokkummaa qabaachuun akka hin dandaʼamne godhan akka qabaatan dursee dubbateera.

  •   “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, . . . walii galuuf fedhii kan hin qabne [taʼu].”—2 Ximotewos 3:1-3.

 Namoonni hedduun mootummoonni akka milkaaʼan jabaatanii kan hojjatan taʼus, kana galmaan gahuu hin dandeenye. Namoonni ilaalcha faallaa walii taʼe qabaachuun isaanii rakkina furuuf waliin hojjechuun ulfaataa, darbees kan hin dandaʼamne akka isaanitti taʼu godheera. Kunis wanta Kitaabni Qulqulluun waggoota hedduu dura dubbate dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa.

  •   “Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.”—Lallaba 8:9.

 Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun furmaanni isaa Mootummaa tokko akka taʼe nutti hima; bulchaan mootummaa kanaa rakkoowwan ilmaan namootaa yeroo harʼaatti dararaa jiran balleessuu ni dandaʼa.

Gaggeessaa gaʼumsa qabuu fi namootaaf yaadu

 Kitaabni Qulqulluun gaggeessaan rakkoowwan ilmaan namootaa balleessuuf dandeettii addaa qabu tokko akka jiru ibsa: innis Yesuus Kiristoosi. Yesuus humna, aangoo fi fedhii ilmaan namootaa tokkummaa fi nagaa akka argatan godhu qaba.

  •   “Bara isaatti namni qajeelaan ni lalisa, . . . nagaan ni baayʼata.”—Faarfannaa 72:7.

  •   “Saboonni [hundi] isa tajaajilu.”—Faarfannaa 72:11.

 Yesuus geggeessaa hunda caalaa gaʼumsa qabuudha, sababiin isaas inni namootaaf, keessumaammoo warra jalʼinni haqaa isaan irratti raawwatameef ni yaada, akkasumas isaan gargaaruu barbaada.

  •   “Inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu, akkasumas isa rakkataa taʼee fi isa gargaaraa hin qabne kam iyyuu ni oolcha. Isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼeef ni gadda, lubbuu hiyyeeyyiis ni oolcha. Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—Faarfannaa 72:12-14.

 Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa samii irra jiruu fi Yesuusiin hogganamuu caalaatti baradhu. Mootummaa kana irraa akkamitti fayyadamuu akka dandeessuu fi akkamitti deggeruu akka dandeessu baradhu.