Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Namoota Gurrisaanii hin Dhageenyeef ni Yaadaa?

Waaqayyo Namoota Gurrisaanii hin Dhageenyeef ni Yaadaa?

 Yeroo ammaatti addunyaarra namoota gurrisaanii hin dhageenye gara miliyoona 70tu jira; baayʼeen isaanii afaan mallattoo 200 oliin walii galu. Kan nama gaddisiisu gabaasni armaan gadii akka argisiisutti namoonni gurrisaanii hin dhageenye yeroo baayʼee jalʼinni haqaa isaanirratti raawwatama.

  •   “Addunyaa maratti mirgi namoota gurrisaanii hin dhageenyee fi rakkina dhagaʼuu qabanii yeroo baayʼee hin kabajamu.”—National Association of the Deaf (U.S.).

  •   “Namoonni gurrisaanii hin dhageenyee fi biyyoota guddachaa jiran keessa jiraatan baayʼee hiyyeeyyii waan taʼaniif meeshaalee barnootaa, hojii fi odeeffannoo barbaachisaa taʼe argachuun isaanitti ulfaata.”—World Federation of the Deaf.

 Waaqayyo namoota gurrisaanii hin dhageenyeef ilaalcha akkamii qaba? Kitaabni Qulqulluun namoota gurrisaanii hin dhageenye ilaalchisee maal jedha? Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ammaatti isaan gargaaraa kan jiran akkamitti?

Ilaalcha Waaqayyo Namoota Gurrisaanii hin Dhageenyeef Qabu

 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan a namoota gurrisaanii hin dhageenyeef akka yaadu dubbata. Karaa loogiirraa bilisa taʼeen akka qabamanii fi barumsa inni qopheessurraa akka fayyadaman barbaada.

 Caqasa Kitaaba Qulqulluu: “Nama gurri isaa duude hin abaarin.”—Leewwota 19:14.

 Maal jechuudha? Seerri Yihowaan saba Israaʼel duriitiif kenne mirgi namoota gurrisaanii hin dhageenyee akka kabajamu kan godhu ture.

 Caqasa Kitaaba Qulqulluu: ‘Waaqayyo hin loogu.’—Hojii Ergamootaa 10:34.

 Maal jechuudha? Yihowaan namoota gurrisaanii hin dhageenye dabalatee namoota aadaa, akkaataa guddinaa fi afaan hundumaa keessaa dhufaniif ni yaada.

 Caqasa Kitaaba Qulqulluu: ‘Yesuus misiraachoo Mootummichaa lallabaa magaalotaa fi gandeen hunda keessa naannaʼe.’—Maatewos 9:35.

 Maal jechuudha? Yesuus gara lafaa kan dhufe namoota waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi wanta Mootummichi namoota gurrisaanii hin dhageenye dabalatee ilmaan namootaa hundumaaf godhu barsiisuufi.—Maatewos 6:10.

 Caqasa Kitaaba Qulqulluu: Yesuus “namoonni gurri isaanii duude akka dhagaʼan, namoonni arrabni isaanii hidhames akka dubbatan illee godheera.”—Maarqos 7:37.

 Maal jechuudha? Yesuus namoonni gurrisaanii hin dhageenye dhagaʼuu fi dubbachuu akka dandaʼan gochuudhaan wanta Mootummaan Waaqayyoo raawwatu argisiiseera. Yesuus namichi gurrisaa hin dhageenye tokko dhagaʼuu fi dubbachuu akka dandaʼu gochuusaa dura isa wajjin walii galuuf mallattootti fayyadameera.—Maarqos 7:31-35.

 Caqasa Kitaaba Qulqulluu: “Gurri duudes ni dhagaʼa.”—Isaayyaas 35:5.

 Maal jechuudha? Yihowaan namoonni gurrisaanii hin dhageenye akka dhagaʼan raajii dubbateera.—Isaayyaas 29:18.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Gurrisaanii hin Dhageenye kan Gargaaran Akkamitti?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti ergaa abdii qabatee fi Waaqayyo biraa dhufe namoota gurrisaanii hin dhageenyeef lallabaa jiru. Ergaa kana lallabuuf maal gochaa jirra? Kitaaba Qulqulluu fi viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran afaan mallattoo 100 oliin qopheessineerra. Kana malees, afaan mallattootiin Kitaaba Qulqulluu ni barsiisna, walgaʼiiwwan afaan mallattootiin geggeeffamanis qabna. Namni gargaarsa Waaqayyoo argachuu barbaadu kamiyyuu kaffaltii malee qophiiwwan kanarraa fayyadamuu dandaʼa. Maaliif? Yesuus, “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” jedhee waan ajajeefi.—Maatewos 10:8.

 Wantoota armaan gadii intarneetiidhaan ykn meeshaa eleektirooniksii keerratti buufattee fayyadamuu dandeessa:

 JW.ORG. Wantoota afaan mallattoo barbaadduun jiran ilaaluuf weebsaayiticharraa gara oliitiin mallattoo afaan argisiisu tuqi.

 Appilikeeshinii JW Library Sign Language. Appilikeeshinii kana kaffaltii malee feʼadhu; viidiyoowwan afaan mallattootiin qophaaʼan buufachuus taʼe kallattiidhaan ilaaluu ni dandeessa.

Wantoonni Kitaaba Qulqulluu Barachuuf Gargaaranii fi Nuti Qopheessine Maalfaʼi?

 Kitaaba Qulqulluu afaan mallattootiin qophaaʼe. Addunyaarra Kitaabni Qulqulluu guutuun yeroo jalqabaatiif afaan mallattootiin baʼe Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Ameerikaatiin qophaaʼedha. Hiikni Addunyaa Haaraa yeroo ammaatti guutuunsaas taʼe gartokkoonsaa afaanota mallattoo hedduudhaan ni argama; waggaa waggaadhaan hiikkaawwan dabalataa qophaaʼaa jiru. (Afaanota hammamiitiin akka qophaaʼe beekuuf ykn intarneetiirratti Kitaaba Qulqulluu daawwachuuf saanduqa, “ Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattootiin Qophaaʼe” jedhu ilaali.)

  •   Hojiin Kitaaba Qulqulluu afaan mallattootiin qopheessuu maal akka fakkaatu beekuuf viidiyoo Hiikni Addunyaa Haaraa Guutuun Afaan Mallattoo Ameerikaatiin ni Baʼe jedhamu ilaali.

  •   Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee fooyyeffachuuf appilikeeshinii JW Library Sign Language feʼadhu. Appilikeeshiniin kun Kitaaba Qulqulluu afaan mallattoorraa caqasa barbaaddu filachuuf si gargaara.

  •   Hiriyoonni gaaʼelaa Dimitroo fi Viitaa jedhaman gurrisaanii hin dhagaʼu; ijoolleensaanii garuu ni dhagaʼu. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu afaan mallattootiin qophaaʼe maatiidhaan taʼanii daawwachuunsaanii akkamitti akka isaan fayyade hubadhu.

 Viidiyoowwan Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf gargaaran. Dhugaa Baatonni Yihowaa viidiyoowwan afaan mallattoo gorsa Kitaaba qulqulluu hubachuu fi hojiirra oolchuuf gargaaran qopheessaniiru:

 Barumsa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti kennamu. Namni tokko dhuunfaatti afaan mallattootiin ergaa Kitaaba Qulqulluu si barsiisuu dandaʼa; saʼaatii barumsichaaf ramaddu situ murteessa. Barumsi Kitaaba Qulqulluu tolaan kennamu kun akkamitti akka geggeeffamu akka sitti argisiisnu gaafachuu dandeessa.

 Jeesan Senaajonoon Filippiinsi keessa jiraata. Barumsi Kitaaba Qulqulluu nuti kenninu Waaqayyo wajjin michummaa cimaa qabaachuuf akkamitti akka isa gargaare ilaali.

 Maariyoo Antuunees paastarii waldaa Honduraasitti argamu tokkooti. Mata duree, “Gaaffii Hedduun Qaba Ture” jedhurraa gaaffileesaatiif Kitaaba Qulqulluurraa deebii kan argate akkamitti akka taʼe ilaali.

 Walgaʼiiwwanii fi taʼeewwan. Addunyaa maratti gumiiwwanii fi gareewwan afaan mallattootiin geggeeffamanii fi namoonni gurrisaanii hin dhageenye barachuu fi waaqeffachuuf torban torbaniin irratti argaman qabna. Taʼeewwan guguddaa afaan mallattootiin geggeeffamanii fi barumsi Kitaaba Qulqulluu irratti dhihaatus waggaa waggaadhaan ni qopheessina. Walgaʼiiwwanii fi taʼeewwan kanarratti namoonni namoota qaro dhabeeyyii gurrisaanii hin dhageenyeef hiikan jiru. Barreeffamoota bireeliidhaan qophaaʼanis kaffaltii malee ni kennina.

 Hoosaa Luuyis Ayaalaan Meeksikoo keessa jiraata. Yeroo dhalatee kaasee gurrisaa hin dhagaʼu ture; yeroo boodammoo ijjisaa arguu dadhabe. Barsiisaa Kitaaba Qulqulluu buʼa qabeessa akka taʼuuf gargaarsa kan argate akkamitti akka taʼe ilaali.

a Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.