Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

hadynyah/E+ via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Hanqina Nyaataa Sababii Waraanaa fi Jijjiirama Qilleensaatiin kan Kaʼe Caalaatti Hammaachaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Hanqina Nyaataa Sababii Waraanaa fi Jijjiirama Qilleensaatiin kan Kaʼe Caalaatti Hammaachaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Waraanni Yuukreenitti geggeeffamaa jiru jijjiirama qilleensaa wajjin iidaʼamee, dhiheessii nyaataa addunyaa irratti miidhaa guddaa geessisuu isaa itti fufeera. Kun keessumaa biyyoota guddachaa jiranii fi nyaata gaʼaa argachuuf qabsoo godhan irratti miidhaa guddaa geessisaa jira.

  •   “Oomishnii fi dhiheessiin nyaataa walitti buʼiinsa, jijjiirama qilleensaa, gatii bobaʼaa garmalee dabalaa jiruu fi wantoota kana fakkaataniin jeeqamaa jira.”—Antooniyoo Gutereez, barreessaa ol aanaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Adoolessa 17, 2023.

  •   “Hayyoonni, Raashiyaan walii galteen nyaata Yuukreenii gara biyyoota adda addaatti erguuf taasifame dhiisuun ishii hanqinni nyaataa addunyaa maratti akka babalʼatuu fi biyyoota galii gad aanaa qaban, keessumaammoo biyyoota akka Dhiha Afriikaa fi Baha Giddu Galaatti gatiin nyaataa garmalee akka dabalu taasisuu akka dandaʼu dubbataniiru.”—Ataalaayaar.com, Adoolessa 23, 2023.

 Kitaabni Qulqulluun hanqina nyaataa fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee maal akka jedhu hubadhu.

Kitaabni Qulqulluun hanqina nyaataa ilaalchisee raajii dubbateera

  •   Yesuus akkana jedhee raajii dubbateera: “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa . . . ni taʼa.”Maatewos 24:7.

  •   Kitaabni Mulʼataa inni kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe waaʼee abbootii fardeenii arfan fakkeenyaan ibsamanii dubbata. Abbootii fardeenii sana keessaa tokko waraana argisiisa. Abbaan fardaa isa boodaan gulufummoo beela argisiisa, jechuunis yeroon nyaata argachuun ulfaataa itti taʼuu fi nyaanni gatii guddaadhaan itti gurguramu. Caqasichi akkana jedha: “Ilaaleen farda gurraacha tokko arge; inni fardicha irra taaʼes madaalii of harkaa qaba ture. Yommus ani wanta sagalee fakkaatu, . . . ‘Qamadii safartuu xinnoo tokko gatii dadhabbii guyyaa tokkoo, garbuu safartuu xinnoo sadiis gatii dadhabbii guyyaa tokkoo godhi! Ejersaa fi muka waynii garuu hin miidhin!’ jedhu nan dhagaʼe.”—Mulʼata 6:5, 6, Hiika Bara 1997.

 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hanqina nyaataa ilaalchisee dubbataman kunneen yeroo ammaa Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu kana keessatti raawwatamaa jira. (2 Ximotewos 3:1) Waaʼee “guyyoota dhumaa” fi waaʼee abbootii fardeenii arfan Kitaaba Mulʼataa keessatti ibsamanii odeeffannoo dabalata argachuuf, viidiyoo Bara 1914 Kaasee Addunyaan Kun Jijjiirameera jedhu akka ilaaltuu fi mata duree “Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

Kitaabni Qulqulluun nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

  •   Kitaabni Qulqulluun gatiin nyaataa dabaluusaa ykn hanqina nyaataa dabalatee haalawwan rakkisoo akkamitti dandamachuu akka dandeenyu ilaalchisee gorsa gaarii qabateera. Kana ilaalchisee fakkeenya tokko tokko ilaaluuf, mata duree “Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu akka dubbistu si jajjabeessina.

  •   Kana malees, Kitaabni Qulqulluun haalli keessa jirru akka jijjiiramu abdii nuu kenna. Yeroo ‘midhaan hedduun lafa irra itti jiraatuu’ fi namni hundi nyaata hedduu itti argatu akka dhufu abdii kenna. (Faarfannaa 72:16) Abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kennuu fi sababii itti abdiin kun akka raawwatamu shakkii tokko male amannu itti dandeenyu caalaatti beekuuf, mata duree “Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu” jedhu akka dubbistu si affeerra.