Jireenyi Akka Duraaniitti ni Deebiʼaa Laata? Kitaabni Qulqulluun Jijjiirama Weerara Dhibeetiin Dhufe Dandamachuuf Akkamitti nu Gargaara?
“Hundi keenya iyyuu jireenyi keenya akkuma duraanii akka taʼu barbaanna.”—Angelaa Meerkil, Chaansilara Jarman.
Weerarri dhibee Koovid-19 amma iyyuu namoota addunyaa mara jiran hubaa waan jiruuf, yaada ishiin dubbate kana irratti akka walii gallu beekamaa dha. Haa taʼu malee, akka duraaniitti deebiʼuu jechuun maal jechuu dha? Namoonni maal gochuuf yaadaa jiru?
Jireenya Isaanii duraaniitti deebiʼuu. Tokko tokko warra kaanii wajjin yeroo dabarsuu, wal hammachuu fi harka wal qabanii nagaa wal gaafachuu, akkasumas bakka gara garaatti imaluuf hawwu. Doktar Antoonii Faawuchiin a akka jedhanitti, “jireenya duraaniitti deebiʼuu” jechuun “mana nyaataa, mana tiyaatiraa fi wantoota kana fakkaatan fayyadamuu” akka dabalatu isaanitti dhagaʼama.
Jireenya Isaanii Fooyyessuu. Namoonni tokko tokko ‘jireenya haaraa’ isa duraanii irra wayyu jiraachuuf carraa akka argatanitti ilaalu. Hojii nuffisiisaan addunyaa kanaa, wal caalmaan hawaasaa fi dhibeen sammuu itti caalaa deemuun isaa jijjiiramuu akka qabu isaanitti dhagaʼama. Hundeessaa World Economic Forum kan taʼe Kilaawus Sichiwaab akkas jedheera: “Weerarri dhibee” kun waaʼee jireenya keenyaa fi wanta addunyaan keenya akka taatu barbaannu irratti yaaduu fi jijjiirama fiduuf carraa addaa nuu baneera. Carraan kun immoo yeroo hundaaf itti hin fufu.”
Kaan immoo weerarri dhibee kun rakkina cimaa waan isaanitti fideef jireenyi matumaa gara duraaniitti deebiʼuu akka hin dandeenyu yaadu. Fakkeenyaaf namoonni hedduun hojii isaanii, mana isaanii, fayyaa isaanii ykn nama jaallatan duʼaan dhabaniiru.
Dhugaa dha, weerarri dhibee kun erga dhaabbatee booda jireenyi maal fakkaachuu akka dandaʼu namni sirriitti beeku hin jiru. (Lallaba 9:11) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, waaʼee gara fuulduraa ilaalcha madaalamaa qabaachuu fi wanta uumamuu dandaʼu dandamachuuf nu gargaara. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, gara fuula duraatti wanti mirkanaaʼaa taanee eeggachuu dandeenyuu fi tarii ni taʼa jennee hin eegne akka dhufus ni ibsa.
Weerara dhibee koovid-19f ilaalcha madaalamaa qabaachuu
Kitaabni Qulqulluun waggoota dheeraa dura, yeroo ‘dhuma sirna kanaatti’ weerarri dhibee ykn “golfaan” akka taʼu raajii dubbateera. (Luqaas 21:11; Maatewos 24:3) Weerara dhibee Koovid-19 kallattii kanaan yommuu ilaallu, waraana, kirkira lafaa fi hanqina nyaataa dabalatee wantootaa bara keenyatti akka raawwataman Kitaabni Qulqulluun raajii dubbate hedduu keessaa tokko akka taʼe hubanna.
Kana beekuun kan nu gargaaru akkamitti? Weerarri dhibee yeroo ammaa jiru fooyyaʼaa kan jiru taʼus, Kitaabni Qulqulluu kan jiraannu, ‘guyyoota dhumaa yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa akka taʼe nu akeekkachiisa. (2 Ximotewos 3:1) Kana beekuun keenya jireenya yeroo rakkisaa kana keessatti jiraannuuf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf nu gargaara.
Kitaabni Qulqulluun ilaalcha madaalamaa qabaachuuf nu gargaara: Rakkoowwan addunyaa keenyaa yeroo kam iyyuu caalaa dabalaa kan jiran yoo taʼu, dhiheenyatti immoo jijjiirama guddaatu taʼa. Jijjiiramni kun maal taʼuu dandaʼa?
Weerara dhibee booda jijjiiramni ni taʼa jedhamee hin eegamne ni dhufa
Kitaabni Qulqulluu rakkoowwan ciccimoo yeroo ammaa nu mudatan qofa utuu hin taʼin, dhiheenyatti yeroo gaariin akka dhufus ni dubbateera. Wanti mootummoonni raawwachuu barbaadan, garuu immoo Waaqayyo qofan raawwachuu dandaʼu akka dhufuS ni ibsa. “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4.
Waaqni keenya Yihowaan b abdii akkas jedhu kenneera: “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha.” (Mulʼata 21:5) Inni rakkinoota weerara dhibeetiin dhufan dabalatee, rakkinoota addunyaa hunda ni fura. Waaqayyo wantoota armaan gaditti ibsaman ni raawwata:
Yeroo dhukkubnii fi duuti hin jirre keessatti fayyaa qaamaa fi sammuu guutuu taʼe.—Isaayyaas 25:8; 33:24.
Hojii nuffisiisaa ykn humna namaa fixu utuu hin taʼin, hojii gaarii gammachuu argamsiisu.—Isaayyaas 65:22, 23.
Hiyyummaa fi beela balleessee namni hundi badhaadhina akka argatu gochuu.—Faarfannaa 72:12, 13; 145:16.
Namoota duʼaan dhaban deebisanii argachuuf abdii qabaachuu dabalatee, dhiphina miiraa irraa bilisa taʼuu.—Isaayyaas 65:17; Hojii Ergamootaa 24:15.
Kana beekuun kan nu gargaaru akkamitti? Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna.” (Ibroota 6:19) Abdiin fuulduratti wantoonni gaariin akka dhufan ilaalchisee qabnu akkasii nu tasgabbeessuu dandaʼa. Rakkina yeroo harʼaa jiru dandamachuuf, dhiphina hirʼisuu fi tasgabbii miira keenya eeggachuuf nu gargaaruu dandaʼa.
Haa taʼu malee dhuguma abdii Kitaabni Qulqulluun kennu amanuu ni dandeenyaa? Mata duree, “Kitaaba Qulqulluu—Madda Dhugaa Amansiisaa Taʼe” jedhu ilaali.
Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu jireenya weerara dhibee booda jiru dandamachuuf gargaaran
Jireenyaaf iddoo guddaa kennaa
Caqasa: ‘Ogummaa nama isa argate lubbuudhaan jiraachisa.’—Lallaba 7:12.
Kun siif hiika maalii qaba: Murtoo gaarii gochuudhaan carraa dhukkubaan qabamuu itti dandeessu hirʼisi. Haalawwan balaaf si saaxiluu dandaʼan adda baasi. Qajeelfamoota fayyaa fi nageenya ilaalchisee kennaman, tatamsaʼinni vaayirasii naannicha haala akkamii irra akka jiruu fi namoonni talaallii guutuu fudhatan parsantii meeqa akka taʼan adda baafadhu.
Yeroo hunda of eeggadhu
Caqasa: “Namni ogeessi of eeggataa dha, wanta hamaa irraas ni gora, Namni gowwaan garuu dantaa hin qabu, akka malees ofitti amanama.”—Fakkeenya 14:16.
Kun siif hiika maalii qaba: Fayyaa kee eeguuf wanta barbaachisu gochuu kee itti fufi. Hayyoonni akka jedhanitti vaayirasiin koronaa yeroo dheeraadhaaf nu waliin tura.
Odeeffannoo amansiisaa fayyadami
Caqasa: “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, Namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.
Kun siif hiika maalii qaba: Gorsa hordoftu of eeggannoodhaan filadhu. Filannoon gootu jijjiirama fida; odeeffannoo dogoggoraa irratti hundooftee murteessuudhaan fayyaa kee miidhuu dandeessa.
Ilaalcha gaarii qabaadhu
Caqasa: “Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?” hin jedhin. Sababiin isaas, kana gaafachuun kee ati ogeessa akka hin taane argisiisa.”—Lallaba 7:10.
Kun siif hiika maalii qaba: Haala amma keessa jirtu sirriitti itti fayyadamuuf murteessi. Yeroo weerara dhibee dura ture yaaduu dhiisi; akkasumas sababa dhorkaa weerara dhibeetiin carraa dhabde yaaduu irraa fagaadhu.
Warra kaanitti kabaja argisiisi
Caqasa: “Namoota akaakuu hundumaa kabajaa.”—1 Pheexiros 2:17.
Kun siif hiika maalii qaba: Weerara dhibee fi miidhaa inni geessiseef ilaalchi namoonni qaban garaa gara dha. Ilaalcha isaaniif kabaja qabaadhu, garuu immoo kabajaan murtoo gaarii goone cimsii qabadhu. Namoota hin talaalamne, maanguddootaa fi warra dhibee fayyaa cimaa qabaniif yaadi.
Obsa qabaadhu
Caqasa: “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa.”—1 Qorontos 13:4.
Kun siif hiika maalii qaba: Namoonni hojiiwwan weerara dhibee dura hojjetaa turan deebiʼanii jalqabuu ilaalchisee yaaddoo isaanii yommuu ibsan gaarummaa itti argisiisi. Haalli jiru fooyyaʼaa yeroo deemuu fi wantoota dabalataa gochuu dandeessutti, obsa qabaadhu.
Kitaabni Qulqulluun weerara dhibee akka dandamatan namoota gargaaraa kan jiru akkamitti?
Dhugaa Baatonni Yihowaa abdii Kitaabni Qulqulluun kennu irraa jajjabina argatu, kun immoo weerara dhibee kana irratti akka hin xiyyeeffanne isaan godha. Kana malees, ajaja Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda waaqeffannaaf akka walitti qabamnu ibsu hojii irra oolchuudhaan wal jajjabeessu. (Ibroota 10:24, 25) Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti namni hundi argamuu ni dandaʼa; walgaʼiin kun yeroo weerara dhibee kanatti mala viidiyoo koonfiransiitiin godhama.
Namoonni kaanis yeroo rakkisaa kanatti waaqeffannaaf Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti qabamuun akka isaan gargaare ni amanu. Fakkeenyaaf, dubartiin Koovid-19nqabamte tokko walgaʼii Dhugaa Baatonni Yihowaa viidiyoo Koonfiransiidhaan godhan irratti akka argamtu afeerra ishiidhaaf dhihaate ni fudhatte. Dhibeen fayyaa Sababa vaayirasii kanaatiin ishii qabe kan ishii hin dhiisne taʼus, walgaʼii irratti hirmaachuun ishii miirri ishii akka tasgabbaaʼu ishii gargaareera. Booda akkas jetteetti: “Maatii kana keessaa tokko akkan taʼe natti dhagaʼame. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun koo nagaa sammuu fi tasgabbii naaf argamsiiseera. Rakkina koo irratti utuu hin taʼin, abdii koo irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera. Waaqayyotti dhihaachuuf isan jireenya koo guutuu barbaadaa ture akkan argadhu waan na gargaartaniif galatoomaa.”
a Daayireektara Inistiitiyuutii Biyyoolessaa Alarjii fi Dhukkuba Daddarbaa Yuunaayitid Isteetis.
b Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18.