Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Yakka Naasisaa Meeshaa Waraanaatiin Addunyaa Maratti Raawwatamu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Yakka Naasisaa Meeshaa Waraanaatiin Addunyaa Maratti Raawwatamu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Adoolessa 2022​tti yakkawwan nama naasisan meeshaa waraanaatiin addunyaa maratti raawwatamaniiru:

  •   ‘Muummicha ministeeraa Jaappaan kan turan Shiinzoo Aabeen ajjeefamuun isaanii biyyattii naasiseera; Jaappaan keessatti yakki cimaan baayʼinaan waan hin raawwatamnee fi meeshaa waraanaa ilaalchisee seerri cimaan waan jiruuf gochi kun addunyaa rifachiiseera.’—Adoolessa 10, 2022, The Japan Times.

  •   “Namichi meeshaa waraanaa hidhate tokko giddu gala gabaa Kooppanhaagan keessatti namoota sadi erga ajjeesee booda Deenmaarki keessa naasuu guddaan buʼeera.”—Adoolessa 4, 2022, Reuters.

  •   “Afrikaa Kibbaa: Namoonni meeshaa waraanaa hidhatan mana dhugaatii magaalaa Soweetootti argamu tokkotti dhukaasa bananii namoota 15 ajjeesan.”—Adoolessa 10, 2022, The Guardian.

  •   “Yuunaayitid Isteetis keessatti tibba ayyaana Adoolessa 4 kabajametti namoonni 220 ol taʼan meeshaa waraanaatiin ajjeefamaniiru.”—Adoolessa 5, 2022, CBS News.

 Hamminni akkasii ni bada jennee amanuuf sababii qabnaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Hamminni ni Bada

 Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jiraannu kana “guyyoota dhumaa” jedhee kan waamu yeroo taʼu, namoonni gara jabeeyyii fi hamoo akka taʼan dubbata. (2 Ximotewos 3:1, 3) Gochi hamminaa akkasii namoonni sodaadhaan akka jiraatan godheera. (Luqaas 21:11) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yeroo itti hamminni baduu fi namoonni ‘iddoo dhaabbataa nagaa qabu keessa, iddoowwan jireenyaa amansiisoo fi iddoowwan boqonnaa tasgabbii qaban keessa itti jiraatan’ akka dhufu abdii kenna. (Isaayyaas 32:18) Maarree hamminni kan badu akkamitti?

 Waaqayyo namoota hamoo fi meeshaa waraanaa hunda ni balleessa.

  •   “Hamoonni . . . lafa irraa ni buqqifamu.”—Fakkeenya 2:22.

  •   “[Waaqayyo] guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa. Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa;gaariiwwan fardaa waraanaas ibiddaan ni guba.”—Faarfannaa 46:9.

 Waaqayyo namoonni nagaadhaan akka jiraatan barsiisuudhaan wantoota hamminaaf sababa taʼan hunda ni balleessa.

  •   “Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti miidhaa yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan, sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu, laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti.”—Isaayyaas 11:9.

  •   Ammumayyuu Waaqayyo addunyaa maratti namoonni “goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti, eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti” akka jijjiiran, jechuunis hamminarraas taʼe meeshaa waraanaa fayyadamuurraa akka fagaatan barsiisaa jira.—Miikiyaas 4:3.

 Abdii Kitaabni Qulqulluun addunyaan sodaan keessa hin jirre akka dhufu dubbatu ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf mata duree “Sodaarraa Bilisa Taʼuun ni Dandaʼamaa?” (Amaariffa) jedhu ilaali.

 Hamminni furmaata waaraa kan argatu akkamitti akka taʼe ibsa balʼaa argachuuf mata duree “Dhumarratti Nagaan Lafarratti ni Dagaaga!” (Amaariffa) jedhu ilaali.