Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

ASTEER PAARKAR | SEENAA JIREENYAA

Jireenya Guutummaatti Yihowaadhaaf Bule Jiraachuun Barbaada Ture

Jireenya Guutummaatti Yihowaadhaaf Bule Jiraachuun Barbaada Ture

 Warri koo ijoollummaa kootii kaasee dhugaa waan na barsiisaniif guddaan isaan galateeffadha. Fakkiiwwanii fi seenaawwan kitaaba From Paradise Lost to Paradise Regained jedhamu irra jirutti fayyadamanii Yihowaa akkan jaalladhu na barsiisaniiru. Anis wantan baradhe gammachuudhaan ijoollee ollaa keenya jiranittii fi akaakayyuun koo yeroo nu gaafachuu dhufanitti isaanitti himaan ture. Warri koo barsiifata gaarii qabu turan; kunis yeroo maatiin keenya Asmaraatii gara Finfinnee dhufetti baayʼee isaan gargaareera.

 Ijoollummaa kootii eegalee dhugaa baayʼeen jaalladha. Jireenya koo Yihowaadhaaf murteessee cuuphamuun barbaada ture. Yeroo umuriin koo waggaa 13 taʼu galma koo kana irra gaʼuun baayʼee na gammachiiseera. Yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu, obboleessi keenya Heliya Liinki a qajeelchituu akkan taʼu na jajjabeesse. Yeroo kana matumaa hin irraanfadhu. Haati koo fi abbaan koo qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilaa kan turan taʼus, waaʼee qajeelchaa yeroo hundaa garuu waanan beeku hin qabun ture. Yaanni obboleessi keenya Liinki jajjabeesse, fedhii tajaajila Yihowaa keessatti wanta dabalataa gochuu akkan qabaadhu na taasisu na keessatti akka horu godheera.

Jalqaba umurii kurnanii irra yeroon turetti obboleessa koo Joosaayaa wajjin

Ariʼatamaaf Qophaaʼuu

 Bara 1974tti Itoophiyaa keessatti rakkinni siyaasaa jiraachuun isaa namoonni akka hidhaman, akka ajjeefamanii fi jeequmsi akka uumamu godheera. Yeroo booda, manaa gara manaa deemnee lallabuun ulfaataa taʼe; walgaʼiis garee xixinnoodhaan gochuu eegalle. Warri koo ana dabalatee obboloota koo hunda ariʼatama dabalataatiif qopheessuu jalqaban. Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu siyaasa irraa walaba taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaaraniiru. Yihowaan yoo gaafatamne maal jechuu akka qabnuu fi yeroo kam callisuun akka nu barbaachisu nu barsiiseera.—Maatewos 10:19; 27:12, 14.

AFP PHOTO

Bara 1974 yeroo waraanni waliinii turetti

 Barumsa koo yommuun xumuru daandii xayyaaraa Itoophiyaa keessa hojjechuun eegale. Gaaf tokko ganama bakka hojii yommuun gaʼu namoonni naa wajjin hojjetan hiriira guyyaa ayyaana waggaa mootummaa kabajamu akkan geggeessu filatamuu kootiin baga gammadde naan jedhan. Anis yeruma sana hogganaa koo bira dhaqeen siyaasa irraa walaba waanan taʼeef, ayyaana kana irratti argamuu akkan hin dandeenye ejjennoo koon isaaf ibse.

 Guyyaa itti aanu bakka hojii utuun jiruu fagoodhaa namoonni qawwee fannifatan lama gara biiroo tikeetiin kutamuutti yommuu deemanin arge. ‘Nama biyyaa miliquuf yaalii gochaa jiru qabuu dhufanii laata?’ jedheen yaade. Isaan garuu quba natti qaban! Anis ‘Maaliif quba natti qabu?’ jedheen yaade. Guyyaan hojiidhaan jalqabe yeruma sana jijjiirame.

Mana Hidhaatti Gargaarsa Argachuu

 Poolisoonni gara waajjira kutaa saʼaatii dheeraadhaaf itti qoratamutti na geessan. Akkana naan jechuu jalqaban: “Dhugaa Baatota Yihowaatiif maallaqa kan kennu eenyu? Dhaaba siyaasaa Adda Bilisummaa Ertiraatiif hojjettaa? Atis taʼe abbaan kee mootummaa Ameerikaatiif hojjettuu?” Haalli isaa baayʼee kan nama sodaachisu taʼus, gargaarsa Yihowaatiin tasgabbii qabaachuu dandaʼeera.—Filiphisiyus 4:6, 7.

 Qorannoon erga na irratti geggeeffamee booda, poolisoonni sun gara mana gara mana hidhaatti jijjiiramee fi kutaa kaare meeirii 28 taatee fi shamarran kan biroon sababii siyaasaatiin hidhaman gara 15 taʼan keessatti hidhamanitti na geessan.

Yeroon Daandii xiyyaaraa keessa hojjedhutti

 Gaafas galgala, yuunifoormii bakka hojii koo uffadheen lafa simmintoo irra bule; warri koo fi obbolaan koo waaʼee koo akka yaaddaʼan waanan beekuuf baayʼeen dhiphadhe. Qabamuu koo malee bakkan itti hidhame hin beekan turan. Anis maatiin koo bakkan itti hidhame akka beekan akka isaan gargaaru Yihowaan kadhadhe.

 Guyyaa itti aanu ganama yeroon dammaqu, waardiyyaa dargaggeessan beeku tokkon argadhe. Yommuu na argu naasuudhaan, “Asteer, asii maal hojjetta?” naan jedhe. Anis mana warra koo dhaqee bakkan jiru akka isaanitti himun isatti hime. Guyyuma sana gara boodaa, warri koo nyaataa fi uffata naa fidanii dhufan. Bakka ani jiru kan itti hime waardiyyaa sana ture. Yihowaan kadhannaa koo naaf deebiseera! Muuxannoon kun kophaa koo akkan hin taane naaf mirkaneesseera.

 Kitaaba Qulqulluus taʼe barreeffama kan biraa akkan argadhu naaf hin heyyamamne; maatiinis taʼe michoonni koo akka na gaafatan isaaniif hin heyyamamne ture. Taʼus Yihowaan shamarran naa wajjin hidhamanitti fayyadamee jajjabina naaf kenneera. Guyyaa guyyaadhaan isaaniif lallabaan ture; dhugaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo baayʼee isaan dinqisiise. Yeroo baayʼee akkana naan jedhu turan: “Nuti kunoo bulchiinsa ilmaan namootaatiif qabsaaʼaa jirra, ati garuu Mootummaa Waaqayyootiif qabsaaʼaa jirta. Si ajjeesuuf yoo si doorsisan illee matumaa ejjennoo kee akka hin laaffisne!”

 Yeroo tokko tokko waardiyyoonni namoota hidhaman irratti qorannaa geggeessu, akkasumas isaan reebu turan. Gaaf tokko halkan gara saʼaatii 5:00tti gara koo dhufan. Bakka kutaa qorannoo geggeessan yommuu geenyu himata hedduu na irratti banan. Mootummaa akkan hin deggerre dubbatan. Dhaadannoo siyaasaa jechuu waanan dideef waardiyyoonni lama na reeban. Waardiyyoonni yeroo hedduudhaaf gaaffiiwwan akkasii na gaafatu turan. Yeroo kana hundatti cimseen Yihowaa kadhadha ture, innis na gargaaraa akka ture natti dhagaʼama.

 Jiʼa sadii booda, waardiyyoota sana keessaa tokko dhufee bilisa akkan taʼee fi deemuu akkan dandaʼu natti hime. Kun baayʼee na ajaaʼibe, gammadee kanan ture taʼus, shamarran mana hidhaa sana keessa turanii wajjin waaʼee abdii Mootummichaa mariʼachaa waan turreef xinnoo mufadheen ture.

 Ergan gadhiifamee jiʼoota muraasa booda, bakka ani mana hin jirretti poolisoonni obboloota koo umurii kurnanii keessa jiran hunda qabuu dhufan! Obboleettota koo lamaa fi obboloota koo keessaammoo tokko qabanii fuudhanii deeman. Yeroo kanatti biyyaa baqachuun koo gaarii akka taʼen murteesse. Ammas maatii koo dhiisee deemuun baayʼee kan natti ulfaate taʼus, haati koo akkan cimuu fi Yihowaatti akkan amanamu na jajjabeessite. Yeroo muraasa boodas, gara Yuunaayitid Isteetisittin imale. Gaafasuma galgala, poolisoonni yeroo lammataatiif na qabuu mana keenya dhufanii turan. Yeroo manaa na dhabanitti gara buufata xiyyaaraa fiigaa dhufan. Yeroo isaan achi gaʼan garuu xiyyaarri ani yabbadhe kaʼee ture.

 Achiis Meerilaandin buufadhe; achittis misiyoononni warra koo qoʼachiisan Heeyiwuudii fi haati manaa isaa Jooʼaan na simatan. Jiʼa shan booda, galman qajeelchituu taʼuuf qabu irran gaʼe. Intala isaanii Siindii wajjin qajeelchaa taanee tajaajiluu jalqabne, Siindii wajjin yeroo tajaajilaa gammachiisaa taʼe hedduu waliin dabarsineerra.

Siindii Waardi ishii qajeelchituu taatee naa wajjin tajaajilaa turte

Beetelitti Tajaajiluu

Abbaa manaa koo wajjin Beetel isa Woolkiil, Niwuu Yoorki jiru keessa yeroon tajaajilaa turretti

 Bara 1979 waqtii Bonaatti Beetel isa Niiwu Yoorki jiru daawwachuun dhaqe; achittis Weeslii Paarkarii wajjin wal barre. Amalawwan gaarii inni qabuu fi galmawwan hafuuraa inni baafate baayʼee dinqisiifadheen ture. Bara 1981tti gaaʼela godhanne; achiis Beetel isa Woolkiil, Niwuu Yoorki jiru dhaqeen achitti waliin tajaajiluu jalqabne. Mana qulqulleessuu fi dippaartimentii uffata qulqulleessu, booda immoo dippaartimentii kompiitaraa garee Meepsii hojjetu keessa hojjedheera. Beetel keessa tajaajiluun obbolootaa fi obboleettota umurii koo guutuu michoota naaf taʼanii wajjin wal baruuf qofa utuu hin taʼin, yeroo koo guutuu tajaajila Yihowaa keessatti dabarsuuf carraa naa kenneera.

 Maatiin koo Itoophiyaa keessatti ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa jiraachuun isaa baayʼee na gaddisiisa ture. Obbolaan koo sadan amma iyyuu hidhamanii jiru turan. b Manni hidhaa sun nyaata waan isaaniif hin kennineef, haati keenya guyyaa guyyaadhaan nyaata qopheessitee isaaniif geessiti turte.

 Yeroo baayʼee ulfaataa taʼe sanatti Yihowaan bakkan kooluu itti galu naaf taʼeera; miseensonni maatii Beetelis jajjabinaa fi deggersa naaf godhaniiru. (Maarqos 10:29, 30) Gaaf tokko obboleessi keenya Joon Buuz akkana naan jedhe: “As Beetelitti tajaajilaa jiraachuun kee baayʼee nu gammachiisa. Eebba Yihowaa utuu qabaachuu baatte, silaa kun matumaa taʼuu hin dandaʼu ture.” c Jechoonni akkasii Yihowaan murtoo ani Itoophiyaatii baʼuuf godhe akka naaf eebbisee fi maatii kootiif kunuunsa akka godhu naaf mirkaneessaniiru.

Maatiidhaan Yihowaa Tajaajiluu

 Amajjii 1989, mucaan akka garaatti na hafe beeknee waan turreef. Jalqaba, baayʼee rifannee turre! Guyyoota muraasa booda garuu, yaaddaʼuu dhiisnee gammaduu jalqabne. Warra akkamii akka taanu, erga Beetelii baanee booda bakka jiraannuu fi akkamitti akka jiraannu yaadaa turre.

 Ebla 15, 1989 wanta qabnu konkolaataa keenyatti feʼannee gara Oriigan deemne; achittis qajeelchitoota taanee tajaajila yeroo guutuu itti fufuuf karoora baafanne. Haa taʼu malee, erga achi geenye yeroo muraasa booda michoonni keenya nuuf yaadan tokko tokko qajeelchitoota taʼuun keenya gaarii akka hin taane nutti himan. Wanti qabnu xinnoo ture, mucaan keenyas dhalachuuf yeroo muraasatu isa hafe. Maal goona laata? Yeruma sana ilaaltuu olaanaa aanaa keenya kan ture obboleessi keenya Gaayi Piirsii fi haati manaa isaa Peeniin nu gaafachuu dhufan. d Isaanis galma keenyatti akka cichinu nu jajjabeessan. Kanaaf, Yihowaan akka nu gargaaru isatti amanamuudhaan qajeelchitoota taanee tajaajiluu jalqabne. (Miilkiyaas 3:10) Erga ilmi keenya inni jalqabaa Lemuʼel dhalatee boodas taʼee erga ilmi keenya inni lammaffaan Jeedan dhalatee booda qajeelchitoota taanee tajaajiluu keenya itti fufne.

 Yeroo ijoolleen keenyaa xixinnoo turanitti qajeelchitoota taanee tajaajiluun keenyas muuxannoo bakka guddaa kenninuufidha. Qajeelchitoota taʼuun keenya namoota kaan qofa utuu hin taʼin, ilmaan keenya dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuufis carraa hedduu nuuf kenneera. (Keessa Deebii 11:19) Haa taʼu malee, ilmi keenya inni sadaffaan Jeeftaan erga dhalatee booda, yeroodhaaf qajeelchitoota taanee tajaajiluu dhiisuun nu barbaachisee ture.—Miikiyaas 6:8.

Ilmaan Keenya Yihowaa Akka Tajaajilan Barsiisneerra

 Warra waan taaneef, itti gaafatamummaa guddaan hunda irra caalu ilmaan keenyaaf Yihowaan akka dhugoomu gochuu fi dhuunfaatti hariiroo isaa wajjin qaban akka cimsatan gargaaruu akka taʼe hubanneerra. Kana gochuufis, waaqeffannaa maatii keenya wanta hawwiidhaan eeggatan akka taʼu gochuuf carraaqqii gooneerra. Yeroo ijoollee xixinnoo turanitti, barreeffamoota Barsiisaa Guddicha Dhaggeeffadhu jedhamuu fi Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu waliin dubbisna turre. Seenaawwan tokko tokko immoo hojiin argisiisaan argisiisna turre. Mana keenya keessaa dubartiin ana qofa waan taʼeef, yeroo seenaa Iizaabel hojiin argisiisaan hojjennutti ani Iizaabel taʼeen hojjedha. Ilmaan keenya soofaa irraa dhiibanii na buusanii akka sarootaa taʼuun baayʼee isaan gammachiisa ture! Waaqeffannaa maatii keenya malees, Weesliin ilmaan keenya kopha kophaatti qoʼachiisa ture.

 Ilmaan keenya ni jaallanna, akkasumas ni kunuunsina turre, miseensonni maatii keenya hunda gidduu hariiroo cimaan akka jiraatu ni kadhanna turre. Yeroo guddachaa deeman, ogummaa isaan fayyadu tokko tokko isaan barsiisneerra. Saanii nyaataa ni miicuu, kutaa isaanii ni qulqulleessuu, akkasumas uffata isaanii ni miiccatu. Nyaata bilcheessuus barataniiru.

 Barumsa kan argatu ijoollee qofa utuu hin taʼin, nutis wanta baranne hedduu qabna. Yeroon itti dogoggorruu fi walittis taʼe ijoollee keenyatti jechoota gaarii hin taane dubbannu tokko tokko jira. Yeroowwan akkasiitti, amala gad of qabuu argisiisna, akkasumas dhiifama wal gaafanna.

 Obbolootaa fi obboleettota gumii keenya jiran, miseensota maatii Beetel, misiyoonota, daawwattoota olaanaa fi obboloota bakka tajaajiltoonni caalaatti barbaachisan tajaajiluu dhufan yeroo hunda mana keenyatti affeerra. (Roomaa 12:13) Yeroo keessummootaa wajjin haasofnutti ijoolleen keenyas nu wajjin taaʼanii akka dhaggeeffatan goona. Nuu wajjin taaʼanii haasaʼu, akkasumas muuxannoowwan dhaggeeffatu. Yeroo baayʼee ijoolleen keenya maree goone anaa fi Weeslii caalaa wanta hedduu yaadatu.

 Anii fi Weesliin jireenyi keenya tajaajila Yihowaa keessatti gammachiisaa akka taʼuuf carraaqqii guddaa gooneerra. Fakkeenyaaf, dursinee karoora baasuudhaan lamaan keenyayyuu qarshii qusannee yeroo boqonnaa keenyatti biyyoota garaa garaa deemna. Bakka deemnu hundatti waajjira damee ni daawwanna, walgaʼii irratti ni argamna, akkasumas tajaajila irratti ni hirmaanna. Kunis jaarmiyaa Yihowaa addunyaa maratti argamu akka dinqisiifannuu fi maatiin keenya caalaatti akka walitti dhihaatu godheera.

Yeroo maatiin keenya bara 2013tti waajjira muummee Biruukiliin Niwuu Yoorki jiru daawwachaa turetti

Tajaajila Keenya Guutummaatti Raawwachuu

 Naannoo keenya namoonni Afaan Ispaanishii dubbatan hedduun akka jiranii fi yeroo hunda akka isaaniif hin lallabamne hubanne. Kanaaf ilmaan keenya utuma baayʼee xixinnoo taʼanii jiranii maatiin keenya gara gumii Afaan Ispaanishiitiin geggeeffamutti utuu jijjiiramee jennee obboleessa keenya Piirsi gaafanne. Innis baayʼee kolfee, “Namoota qurxummii kiyyeessan yoo taatan, bakka qurxummiiwwan jiran deemtu” nuun jedhe. Akkana jedhee waan nu jajjabeesseef, gara gumii Afaan Ispaanishiitiin geggeeffamuu fi Wuudbarni, Oriigan jiruu deemne. Qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu guddina argisiisan hedduu argachuun keenya, isaan keessaa tokko tokko akka cuuphaman gargaaruun keenyaa fi gareen Afaan Ispaanish xinnoo ture gara gumiitti yommuu guddatu arguun keenya nu gammachiiseera.

 Yeroo tokko Weesliin hojii isaa dhabe, achiis hojii haaraa waan argateef gara Kaalifoorniyaa dhaqne. Waggaa lama booda ani, Lemuʼelii fi Jeedan qajeelchitoota taʼuuf murteessine. Bara 2007 isaanii wajjin Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa irratti hirmaachuun koo baayʼee na gammachiiseera. Mana barumsaa qajeelchitootaa erga xumurree yeroo muraasa booda, namoonni Afaan Arabaa dubbatan hedduun naannoo keenya akka jiran hubanne. Naannoo tajaajilaa Afaan Ispaanishiitti waggoota 13 erga dabarsinee booda, maatiin keenya gara gumii Afaan Arabaa dhaquuf murteesse. Biyya keenyattis taʼee, biyya alaatti duula lallabaa addaatiin baqattoota Afaan Araabaa dubbatan hedduutti dhugaa himuu dandeenyeerra. Naannoo tajaajilaa Afaan Arabaa Saan Diyaagoo, Kaalifoorniyaatti qajeelchitoota taanee tajaajiluu keenya itti fufneerra.

 Weesliin abbaa manaa fi mataa maatii baayʼee gaarii taʼedha. Jaarmiyaa Yihowaatiif kabaja guddaa qaba. Waaʼee Beetel ykn waaʼee qophiiwwan gumii wajjin wal qabatanii matumaa wanta hamaa dubbatee hin beeku. Kanaa mannaa, yeroo hundumaa wanta gaarii dubbatu tokko hin dhabu. Haalawwan rakkisoon yommuu nu mudatan naaf kadhata, anaa wajjinis ni kadhata, kadhannaan inni dhiheessu na jajjabeessa, akkasumas tasgabbii akkan qabaadhu na gargaara.

 Duubatti deebiʼee waaʼee jireenya keenyaa yommuun yaadu, tajaajila yeroo guutuu irratti waliin hirmaanneerra, ijoollee waliin guddisneerra, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan waliin tajaajilleerra. Yihowaan namoota isaaf dursa kennan akka eebbisu argineerra, wanti tokko iyyuu nutti hirʼatee hin beeku. (Faarfannaa 37:25) Jireenya guutummaatti Yihowaadhaaf bule jiraachuuf filachuun murtoo ani gochuu dandaʼu kam irra iyyuu akka caalu mirkaneeffadheera.—Faarfannaa 84:10.

Anaa wajjin gara bitaatii: Jeeftaa, Lemuʼel, Jeedanii fi Weeslii

a Obboleessi keenya Liinki yeroo waajjira damee Keeniyaa keessa hojjechaa turetti, hojii Itoophiyaatti hojjetamus ol aantummaadhaan toʼachaa ture.

b Obbolaan koo waggaa afur booda mana hidhaatii gadhiifaman.

c Obboleessi keenya Buuz hamma jireenya isaa isa lafa irraa bara 1996 xumuretti miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajileera.

d Obboleessi keenya Piirsi yeroo booda hamma jireenya isaa isa lafa irraa bara 2014 xumuretti miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajileera.